وَمِنْهُم مَّن يَسْتَمِعُ إِلَيْكَ حَتَّىٰٓ إِذَا خَرَجُوا۟ مِنْ عِندِكَ قَالُوا۟ لِلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ مَاذَا قَالَ ءَانِفًا أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَهْوَآءَهُمْ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa namoota si dhaggeeffatee hanga yeroo si biraa gadi bahanii nijedhan warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?”. Isaan sun warra qalbiilee isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhiilee isaanii hordofan.