هَٰٓأَنتُمْ هَٰٓؤُلَآءِ تُدْعَوْنَ لِتُنفِقُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَمِنكُم مَّن يَبْخَلُ وَمَن يَبْخَلْ فَإِنَّمَا يَبْخَلُ عَن نَّفْسِهِۦ وَٱللَّهُ ٱلْغَنِىُّ وَأَنتُمُ ٱلْفُقَرَآءُ وَإِن تَتَوَلَّوْا۟ يَسْتَبْدِلْ قَوْمًا غَيْرَكُمْ ثُمَّ لَا يَكُونُوٓا۟ أَمْثَٰلَكُم
Oromo Translation - Gali AbaborIsin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtu. Isin irraa nama doynoomuutu jira. Namni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isin hiyyeeyyiidha. Yoo garagaltan, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan ergasii akka keessan hin ta’an.