Home › Surahs › Surah Al-Fath
Surah Al-Fath الفتح
29 verses · Medina · revelation order 111
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ إِنَّا فَتَحْنَا لَكَ فَتْحًا مُّبِينًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Nuti siif banne baniinsa mul'ataa.
See all translations of this verse →
لِّيَغْفِرَ لَكَ ٱللَّهُ مَا تَقَدَّمَ مِن ذَنۢبِكَ وَمَا تَأَخَّرَ وَيُتِمَّ نِعْمَتَهُۥ عَلَيْكَ وَيَهْدِيَكَ صِرَٰطًا مُّسْتَقِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Akka Rabbiin dilii tee irraa waan dabreefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi, akka karaa qajeelaa si qajeelchuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne).
See all translations of this verse →
وَيَنصُرَكَ ٱللَّهُ نَصْرًا عَزِيزًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin tumsa cimaa sii tumsuuf (si injifachiise).
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِىٓ أَنزَلَ ٱلسَّكِينَةَ فِى قُلُوبِ ٱلْمُؤْمِنِينَ لِيَزْدَادُوٓا۟ إِيمَٰنًا مَّعَ إِيمَٰنِهِمْ وَلِلَّهِ جُنُودُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa tasgabbii onneewwan mu’uminootaa keessatti buuse, akka isaan iimaana isaanii wajjiin iimaana dabalataniifi, Waraanni samiifi dachii kanuma Rabbiiti, Rabbiin beekaa ogeessa ta’eera.
See all translations of this verse →
لِّيُدْخِلَ ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا وَيُكَفِّرَ عَنْهُمْ سَيِّـَٔاتِهِمْ وَكَانَ ذَٰلِكَ عِندَ ٱللَّهِ فَوْزًا عَظِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa jannata isa jala laggeen yaa’an seensisuufi, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan. diliilee isaanii isaan irraa haquufi, kun Rabbiin biratti milkii guddaa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَيُعَذِّبَ ٱلْمُنَٰفِقِينَ وَٱلْمُنَٰفِقَٰتِ وَٱلْمُشْرِكِينَ وَٱلْمُشْرِكَٰتِ ٱلظَّآنِّينَ بِٱللَّهِ ظَنَّ ٱلسَّوْءِ عَلَيْهِمْ دَآئِرَةُ ٱلسَّوْءِ وَغَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيْهِمْ وَلَعَنَهُمْ وَأَعَدَّ لَهُمْ جَهَنَّمَ وَسَآءَتْ مَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Munaafiqoota dhiiraafi dubartootaa azzabuufi, mushrikoota dhiiraafi dhalaas, isaan Rabbi irratti hamtuu yaadan, isaan irratti marsaan hamtuun taatuudha. Rabbiin isaan irratti dallane.isaan abaare, Jahannamiinis isaaniif qopheesse, waa hammaattee deebii tahuun isii!
See all translations of this verse →
وَلِلَّهِ جُنُودُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Waraanni samiifi dachii (hundi) kan Allaahti. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
See all translations of this verse →
إِنَّآ أَرْسَلْنَٰكَ شَٰهِدًا وَمُبَشِّرًا وَنَذِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Nuti ragaa, gammachiisaafi sodaachisaa goonee si ergine.
See all translations of this verse →
لِّتُؤْمِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتُعَزِّرُوهُ وَتُوَقِّرُوهُ وَتُسَبِّحُوهُ بُكْرَةً وَأَصِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Namootaa!) Akka isin Allaahfi ergamaa isaatti amantaniifi, isa guddiftanii, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine).
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُبَايِعُونَكَ إِنَّمَا يُبَايِعُونَ ٱللَّهَ يَدُ ٱللَّهِ فَوْقَ أَيْدِيهِمْ فَمَن نَّكَثَ فَإِنَّمَا يَنكُثُ عَلَىٰ نَفْسِهِۦ وَمَنْ أَوْفَىٰ بِمَا عَٰهَدَ عَلَيْهُ ٱللَّهَ فَسَيُؤْتِيهِ أَجْرًا عَظِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan ahdii siif seenan, kan isaan ahdii seenan Rabbiifi. Harki Rabbii harkoowwan isaanii gubbaadha. Namni waadaa diige, kan inni waadaa diige lubbuma isaa irratti. Nama waan irratti Rabbiif waadaa gale guute, Inni mindaa guddaa isaa kennuuf jira.
See all translations of this verse →
سَيَقُولُ لَكَ ٱلْمُخَلَّفُونَ مِنَ ٱلْأَعْرَابِ شَغَلَتْنَآ أَمْوَٰلُنَا وَأَهْلُونَا فَٱسْتَغْفِرْ لَنَا يَقُولُونَ بِأَلْسِنَتِهِم مَّا لَيْسَ فِى قُلُوبِهِمْ قُلْ فَمَن يَمْلِكُ لَكُم مِّنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا إِنْ أَرَادَ بِكُمْ ضَرًّا أَوْ أَرَادَ بِكُمْ نَفْعًۢا بَلْ كَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenyalee keenyaafi maatiilee keenyatu nu qabe; Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiru. Waan onneewwan isaanii keessa hin jirre arraboota isaanitiin jedhu. (Yaa Muhammad) eenyutu waan Allaahn barbaade irraa isiniif waa gochuu dandaya? “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi.
See all translations of this verse →
بَلْ ظَنَنتُمْ أَن لَّن يَنقَلِبَ ٱلرَّسُولُ وَٱلْمُؤْمِنُونَ إِلَىٰٓ أَهْلِيهِمْ أَبَدًا وَزُيِّنَ ذَٰلِكَ فِى قُلُوبِكُمْ وَظَنَنتُمْ ظَنَّ ٱلسَّوْءِ وَكُنتُمْ قَوْمًۢا بُورًا
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Ergamaan Rabbiitiifi mu’uminoonni gara maatii isaanii gonkumaa hindeebi'anii yaaddanii turtan. Sun onneewwan keessan keessatti miidhagfame, yaada hamtuu yaaddan, ummata mancaafamoo taatan.
See all translations of this verse →
وَمَن لَّمْ يُؤْمِنۢ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ فَإِنَّآ أَعْتَدْنَا لِلْكَٰفِرِينَ سَعِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Namni Rabbiifi ergamaa Isaatti hin amanin (kaafira). Nuti kaafirootaaf ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
See all translations of this verse →
وَلِلَّهِ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يَغْفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti, Nama fedheef ni araarama; nama fedhes ni adaba. Rabbiin araaramaa, mararfataa ta’eera.
See all translations of this verse →
سَيَقُولُ ٱلْمُخَلَّفُونَ إِذَا ٱنطَلَقْتُمْ إِلَىٰ مَغَانِمَ لِتَأْخُذُوهَا ذَرُونَا نَتَّبِعْكُمْ يُرِيدُونَ أَن يُبَدِّلُوا۟ كَلَٰمَ ٱللَّهِ قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمْ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبْلُ فَسَيَقُولُونَ بَلْ تَحْسُدُونَنَا بَلْ كَانُوا۟ لَا يَفْقَهُونَ إِلَّا قَلِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan duubatti hafan “yeroo gara boojuu, ishee fudhachuuf deemtan isin hordofnaa nu dhiisaa” jedhu. Jecha Rabbii jijjiiruu fedhu. “Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin. “Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiru. Waa xiqqoo malee hin hubatanu.
See all translations of this verse →
قُل لِّلْمُخَلَّفِينَ مِنَ ٱلْأَعْرَابِ سَتُدْعَوْنَ إِلَىٰ قَوْمٍ أُو۟لِى بَأْسٍ شَدِيدٍ تُقَٰتِلُونَهُمْ أَوْ يُسْلِمُونَ فَإِن تُطِيعُوا۟ يُؤْتِكُمُ ٱللَّهُ أَجْرًا حَسَنًا وَإِن تَتَوَلَّوْا۟ كَمَا تَوَلَّيْتُم مِّن قَبْلُ يُعَذِّبْكُمْ عَذَابًا أَلِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Shanaanota irraa isaan duubatti hafaniin jedhi: “gara namoota lolatti cimoo ta’aniitti waamamuuf jirtu; isaaniin loltu yookiin harka kennu. yoo tole jettan, Rabbiin mindaa gaarii isiniif kenna. Yoo akkuma duraan garagaltanitti ammas garagaltan, Inni adabbii laalessaa isin adaba.
See all translations of this verse →
لَّيْسَ عَلَى ٱلْأَعْمَىٰ حَرَجٌ وَلَا عَلَى ٱلْأَعْرَجِ حَرَجٌ وَلَا عَلَى ٱلْمَرِيضِ حَرَجٌ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ يُدْخِلْهُ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ وَمَن يَتَوَلَّ يُعَذِّبْهُ عَذَابًا أَلِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Lola irraa hafuudhaan) jaamaa irra badiin hin jiru. Hokkolaa irras badiin hin jiru. Dhukkubsataa irras diliin hin jiru. Nama Rabbiifi ergamaa isaatif ajajame, (Rabbiin) jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isa seensisa. Nama irraa garagale immoo adabbii laalessaa isa adaba.
See all translations of this verse →
لَّقَدْ رَضِىَ ٱللَّهُ عَنِ ٱلْمُؤْمِنِينَ إِذْ يُبَايِعُونَكَ تَحْتَ ٱلشَّجَرَةِ فَعَلِمَ مَا فِى قُلُوبِهِمْ فَأَنزَلَ ٱلسَّكِينَةَ عَلَيْهِمْ وَأَثَٰبَهُمْ فَتْحًا قَرِيبًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateera. Waan onneewwan isaanii keessa jirus beekeera. Tasgabbii isaan irratti buuse. injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeebiyaa) isaaniif galata galche.
See all translations of this verse →
وَمَغَانِمَ كَثِيرَةً يَأْخُذُونَهَا وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Boojii baay’ee ta’e kan isaan fudhatanis (galata galche). Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَعَدَكُمُ ٱللَّهُ مَغَانِمَ كَثِيرَةً تَأْخُذُونَهَا فَعَجَّلَ لَكُمْ هَٰذِهِۦ وَكَفَّ أَيْدِىَ ٱلنَّاسِ عَنكُمْ وَلِتَكُونَ ءَايَةً لِّلْمُؤْمِنِينَ وَيَهْدِيَكُمْ صِرَٰطًا مُّسْتَقِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin boojuu baay’ee kan ishee fudhattan waadaa isiniif galeera. Ishee kana immoo isiniif jarjarse. Harkoowwan namootaa isin irraa qabe. (Kanas kan godhe) akka isheen mu’uminootaaf mallattoo taatuufi, karaa qajeelaa isin qajeelchuufi.
See all translations of this verse →
وَأُخْرَىٰ لَمْ تَقْدِرُوا۟ عَلَيْهَا قَدْ أَحَاطَ ٱللَّهُ بِهَا وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor (Injifannoofi boojuu) biraa kan isin irratti hindandayin, kan Rabbiin dhugumatti ishee marsetu jira. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
See all translations of this verse →
وَلَوْ قَٰتَلَكُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوَلَّوُا۟ ٱلْأَدْبَٰرَ ثُمَّ لَا يَجِدُونَ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran odoo isinin lolaniiyyuu, dugdota garagalan. eegasii tiksaafi tumsaa hin argatan.
See all translations of this verse →
سُنَّةَ ٱللَّهِ ٱلَّتِى قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلُ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّةِ ٱللَّهِ تَبْدِيلًا
Oromo Translation - Gali Ababor Karaa Rabbii kan dhugumatti duraan dabarte (karaa godhe). Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِى كَفَّ أَيْدِيَهُمْ عَنكُمْ وَأَيْدِيَكُمْ عَنْهُم بِبَطْنِ مَكَّةَ مِنۢ بَعْدِ أَنْ أَظْفَرَكُمْ عَلَيْهِمْ وَكَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرًا
Oromo Translation - Gali Ababor Innis Isa harka isaanii isin irraa, harka keessanis isaan irraa qabeedha Laga Makkaa keessatti. erga isaan irratti isin moosisee booda. Rabbiin waan isin hojjattan argaa ta’eera.
See all translations of this verse →
هُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوكُمْ عَنِ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ وَٱلْهَدْىَ مَعْكُوفًا أَن يَبْلُغَ مَحِلَّهُۥ وَلَوْلَا رِجَالٌ مُّؤْمِنُونَ وَنِسَآءٌ مُّؤْمِنَٰتٌ لَّمْ تَعْلَمُوهُمْ أَن تَطَـُٔوهُمْ فَتُصِيبَكُم مِّنْهُم مَّعَرَّةٌۢ بِغَيْرِ عِلْمٍ لِّيُدْخِلَ ٱللَّهُ فِى رَحْمَتِهِۦ مَن يَشَآءُ لَوْ تَزَيَّلُوا۟ لَعَذَّبْنَا ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas hidhamaa tahee akka iddoo qalma isaanii hin geenye (dhorgan). Odoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture). Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini). Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre.
See all translations of this verse →
إِذْ جَعَلَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فِى قُلُوبِهِمُ ٱلْحَمِيَّةَ حَمِيَّةَ ٱلْجَٰهِلِيَّةِ فَأَنزَلَ ٱللَّهُ سَكِينَتَهُۥ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَعَلَى ٱلْمُؤْمِنِينَ وَأَلْزَمَهُمْ كَلِمَةَ ٱلتَّقْوَىٰ وَكَانُوٓا۟ أَحَقَّ بِهَا وَأَهْلَهَا وَكَانَ ٱللَّهُ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمًا
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo warri kafare qalbii isaanii keessa haaloo, hinaaffaa wallaaltotaa godhee, Rabbiin tasgabbii isaa ergamaa isaatiifi mu’uminoota irratti buusee. jecha sodaa (Isaa) isaan qabachiise [yaadadhu]. Isaanumatu ishee haqa godhatee, warra ishee ta’e. Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.
See all translations of this verse →
لَّقَدْ صَدَقَ ٱللَّهُ رَسُولَهُ ٱلرُّءْيَا بِٱلْحَقِّ لَتَدْخُلُنَّ ٱلْمَسْجِدَ ٱلْحَرَامَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ مُحَلِّقِينَ رُءُوسَكُمْ وَمُقَصِّرِينَ لَا تَخَافُونَ فَعَلِمَ مَا لَمْ تَعْلَمُوا۟ فَجَعَلَ مِن دُونِ ذَٰلِكَ فَتْحًا قَرِيبًا
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin ergamaa Isaatiif manaama haqaan dhugoomsee jira. Yoo Rabbiin fedhe masjiida kabajamaa niseentu, nagayaan mataalee keessan haaddachaa, (gariinis) gabaabsachaa, odoo hin sodaanne. Inni (Rabbiin) waan isin hin beekin beekeeti sanaa asitti injifannoo dhihoo (araara hudeeybiyaa) godhe.
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًا
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa ergamaa Isaa erge qajeelloofi amantii dhugaatiin. amantii hunda irratti ol isa taasisuuf. Ragaaf Rabbiin ga’aadha.
See all translations of this verse →
مُّحَمَّدٌ رَّسُولُ ٱللَّهِ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥٓ أَشِدَّآءُ عَلَى ٱلْكُفَّارِ رُحَمَآءُ بَيْنَهُمْ تَرَىٰهُمْ رُكَّعًا سُجَّدًا يَبْتَغُونَ فَضْلًا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضْوَٰنًا سِيمَاهُمْ فِى وُجُوهِهِم مِّنْ أَثَرِ ٱلسُّجُودِ ذَٰلِكَ مَثَلُهُمْ فِى ٱلتَّوْرَىٰةِ وَمَثَلُهُمْ فِى ٱلْإِنجِيلِ كَزَرْعٍ أَخْرَجَ شَطْـَٔهُۥ فَـَٔازَرَهُۥ فَٱسْتَغْلَظَ فَٱسْتَوَىٰ عَلَىٰ سُوقِهِۦ يُعْجِبُ ٱلزُّرَّاعَ لِيَغِيظَ بِهِمُ ٱلْكُفَّارَ وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِنْهُم مَّغْفِرَةً وَأَجْرًا عَظِيمًۢا
Oromo Translation - Gali Ababor Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaan wajjii kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodha. rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita Tolaafi jaalala Rabbii barbaadan. Mallattooleen isaanii fuulleen isaanii keessa jira kan faanaa sujuudaa irraa ta’e. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbateeti. facaafattoota jaalachiise. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira.
See all translations of this verse →
← Surah Muhammad
Surah Al-Hujuraat →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.