وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَوْ كَانَ خَيْرًا مَّا سَبَقُونَآ إِلَيْهِ وَإِذْ لَمْ يَهْتَدُوا۟ بِهِۦ فَسَيَقُولُونَ هَٰذَآ إِفْكٌ قَدِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran isaan amananiin ni jedhu: “Odoo inni (Qur’aanni) waan gaarii ta’ee silaa gara isaatti nu hin dursanu ture.” Isaan eega hin qajeelinii “kun dhara duriiti” jechuuf jiru.