Home › Surahs › Surah Al-Hajj
Surah Al-Hajj الحج
78 verses · Medina · revelation order 103
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُوا۟ رَبَّكُمْ إِنَّ زَلْزَلَةَ ٱلسَّاعَةِ شَىْءٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isin yaa ilmaan namaa Gooftaa keessan sodaadhaa, sochiin (lafaa) kan Qiyaamaa waan guddaadha.
See all translations of this verse →
يَوْمَ تَرَوْنَهَا تَذْهَلُ كُلُّ مُرْضِعَةٍ عَمَّآ أَرْضَعَتْ وَتَضَعُ كُلُّ ذَاتِ حَمْلٍ حَمْلَهَا وَتَرَى ٱلنَّاسَ سُكَٰرَىٰ وَمَا هُم بِسُكَٰرَىٰ وَلَٰكِنَّ عَذَابَ ٱللَّهِ شَدِيدٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti (Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbiti. Namoota (sodaa irraa) machaa’oo agarta, Isaan waa machaa'oo miti. Garuu azaaba Rabbiitu garmalee cimaadha.
See all translations of this verse →
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يُجَٰدِلُ فِى ٱللَّهِ بِغَيْرِ عِلْمٍ وَيَتَّبِعُ كُلَّ شَيْطَٰنٍ مَّرِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Namoota irraa nama waa'ee Rabbii keessatti beekumsa malee falmujjira. sheyxaana didaa ta’e hunda hordofa.
See all translations of this verse →
كُتِبَ عَلَيْهِ أَنَّهُۥ مَن تَوَلَّاهُ فَأَنَّهُۥ يُضِلُّهُۥ وَيَهْدِيهِ إِلَىٰ عَذَابِ ٱلسَّعِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababor Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaa isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمْ فِى رَيْبٍ مِّنَ ٱلْبَعْثِ فَإِنَّا خَلَقْنَٰكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ مِنْ عَلَقَةٍ ثُمَّ مِن مُّضْغَةٍ مُّخَلَّقَةٍ وَغَيْرِ مُخَلَّقَةٍ لِّنُبَيِّنَ لَكُمْ وَنُقِرُّ فِى ٱلْأَرْحَامِ مَا نَشَآءُ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى ثُمَّ نُخْرِجُكُمْ طِفْلًا ثُمَّ لِتَبْلُغُوٓا۟ أَشُدَّكُمْ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ وَمِنكُم مَّن يُرَدُّ إِلَىٰٓ أَرْذَلِ ٱلْعُمُرِ لِكَيْلَا يَعْلَمَ مِنۢ بَعْدِ عِلْمٍ شَيْـًٔا وَتَرَى ٱلْأَرْضَ هَامِدَةً فَإِذَآ أَنزَلْنَا عَلَيْهَا ٱلْمَآءَ ٱهْتَزَّتْ وَرَبَتْ وَأَنۢبَتَتْ مِن كُلِّ زَوْجٍۭ بَهِيجٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, eegasii dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin (irraa isin uumne); (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga qaaxaroo maqaa dhawamaa taheetti gadaamessaalee keessa teessifna, ergasii daa’ima goonee isin baafna (dhalachiifna). Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna). Isin irraa nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira. isin irraa nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jira Erga beekkomsaatii akka homaa hin beekneef, Dachii gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْحَقُّ وَأَنَّهُۥ يُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ وَأَنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi inni du'aa kaasa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
See all translations of this verse →
وَأَنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٌ لَّا رَيْبَ فِيهَا وَأَنَّ ٱللَّهَ يَبْعَثُ مَن فِى ٱلْقُبُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Rabbiin kanneen qabriilee keessa jiran (hunda) ni kaasa.
See all translations of this verse →
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يُجَٰدِلُ فِى ٱللَّهِ بِغَيْرِ عِلْمٍ وَلَا هُدًى وَلَا كِتَٰبٍ مُّنِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Namoota irraa kan beekumsa malee (waa'ee) Rabbii keessatti falmutu jira. (akkasuma) qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee.
See all translations of this verse →
ثَانِىَ عِطْفِهِۦ لِيُضِلَّ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ لَهُۥ فِى ٱلدُّنْيَا خِزْىٌ وَنُذِيقُهُۥ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ عَذَابَ ٱلْحَرِيقِ
Oromo Translation - Gali Ababor Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira). Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jira. Guyyaa Qiyaamaa azaaba gubaa ta’e isa dhandhamsiifna.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ يَدَاكَ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّٰمٍ لِّلْعَبِيدِ
Oromo Translation - Gali Ababor “Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama). Dhugumatti, Allaahn gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.
See all translations of this verse →
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَعْبُدُ ٱللَّهَ عَلَىٰ حَرْفٍ فَإِنْ أَصَابَهُۥ خَيْرٌ ٱطْمَأَنَّ بِهِۦ وَإِنْ أَصَابَتْهُ فِتْنَةٌ ٱنقَلَبَ عَلَىٰ وَجْهِهِۦ خَسِرَ ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةَ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلْخُسْرَانُ ٱلْمُبِينُ
Oromo Translation - Gali Ababor Namoota irraa nama amantii irraa moggaatti ta’ee (shakkiin) Rabbi gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti raga’a.Yoo rakkoon isa tuqe ammoo, fuula isaa irratti garagala. Inni addunyaafi Aakhiraa hoonga’ee jira. Sun isatu hoongoo ifa bahaadha.
See all translations of this verse →
يَدْعُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُۥ وَمَا لَا يَنفَعُهُۥ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلضَّلَٰلُ ٱلْبَعِيدُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin ala waan isa hin miineefi isa hin fayyadne kadhata, Sun isatu jallina fagoodha.
See all translations of this verse →
يَدْعُوا۟ لَمَن ضَرُّهُۥٓ أَقْرَبُ مِن نَّفْعِهِۦ لَبِئْسَ ٱلْمَوْلَىٰ وَلَبِئْسَ ٱلْعَشِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhata, Jaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate!
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ يُدْخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ إِنَّ ٱللَّهَ يَفْعَلُ مَا يُرِيدُ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin isaan amananii, gaggaarii dalagan Jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa, Dhugumatti Rabbiin waan fedhu hojjata.
See all translations of this verse →
مَن كَانَ يَظُنُّ أَن لَّن يَنصُرَهُ ٱللَّهُ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ فَلْيَمْدُدْ بِسَبَبٍ إِلَى ٱلسَّمَآءِ ثُمَّ لْيَقْطَعْ فَلْيَنظُرْ هَلْ يُذْهِبَنَّ كَيْدُهُۥ مَا يَغِيظُ
Oromo Translation - Gali Ababor Namni duuniyaafi Aakhiraa keessatti Rabbiin isa (Muhammadiin-SAW) hin tumsu jechuu kan yaadu tahe, gara samii haada hidhatee of haa fannisuErgasii tooftaan isaa waan inni jibbu dhabamsiisuu haa ilaalu
See all translations of this verse →
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلْنَٰهُ ءَايَٰتٍۭ بَيِّنَٰتٍ وَأَنَّ ٱللَّهَ يَهْدِى مَن يُرِيدُ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufne, Rabbiin nama fedhe qajeelcha.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَٱلَّذِينَ هَادُوا۟ وَٱلصَّٰبِـِٔينَ وَٱلنَّصَٰرَىٰ وَٱلْمَجُوسَ وَٱلَّذِينَ أَشْرَكُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ يَفْصِلُ بَيْنَهُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’an; Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa, Dhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha.{1}
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَسْجُدُ لَهُۥ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ وَٱلشَّمْسُ وَٱلْقَمَرُ وَٱلنُّجُومُ وَٱلْجِبَالُ وَٱلشَّجَرُ وَٱلدَّوَآبُّ وَكَثِيرٌ مِّنَ ٱلنَّاسِ وَكَثِيرٌ حَقَّ عَلَيْهِ ٱلْعَذَابُ وَمَن يُهِنِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن مُّكْرِمٍ إِنَّ ٱللَّهَ يَفْعَلُ مَا يَشَآءُ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila ati hingarree akka Rabbiif sujuudu wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, (akkasuma) aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi hedduun namarraa tahes (sujuuda Isaaf godhan hin arginee?) (Namoota) baay’ee azaabni isa irratti mirkanaa’ee jira, Nama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiru, Dhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata. {2}
See all translations of this verse →
هَٰذَانِ خَصْمَانِ ٱخْتَصَمُوا۟ فِى رَبِّهِمْ فَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ قُطِّعَتْ لَهُمْ ثِيَابٌ مِّن نَّارٍ يُصَبُّ مِن فَوْقِ رُءُوسِهِمُ ٱلْحَمِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Gareen kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidha, Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif murame. mataalee isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama.
See all translations of this verse →
يُصْهَرُ بِهِۦ مَا فِى بُطُونِهِمْ وَٱلْجُلُودُ
Oromo Translation - Gali Ababor Isa sanaan wanti garaalee isaanii keessa jiruufi gogaaleen (isaanii) bayfama.
See all translations of this verse →
وَلَهُم مَّقَٰمِعُ مِنْ حَدِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
كُلَّمَآ أَرَادُوٓا۟ أَن يَخْرُجُوا۟ مِنْهَا مِنْ غَمٍّ أُعِيدُوا۟ فِيهَا وَذُوقُوا۟ عَذَابَ ٱلْحَرِيقِ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhawaata isaan ishee irraa ba’uu fedhaniin yaaddoodhaan ishee keessatti deebifaman, “Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani).
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ يُدْخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَلُؤْلُؤًا وَلِبَاسُهُمْ فِيهَا حَرِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin warreen amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisa, Ishee keessatti gumeewwan (kilkillee) warqeefi faaya irraa ta’an uffifamu. Uffanni isaanii ishee keessatti hariira.
See all translations of this verse →
وَهُدُوٓا۟ إِلَى ٱلطَّيِّبِ مِنَ ٱلْقَوْلِ وَهُدُوٓا۟ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلْحَمِيدِ
Oromo Translation - Gali Ababor (Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfaman, gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ ٱلَّذِى جَعَلْنَٰهُ لِلنَّاسِ سَوَآءً ٱلْعَٰكِفُ فِيهِ وَٱلْبَادِ وَمَن يُرِدْ فِيهِ بِإِلْحَادٍۭ بِظُلْمٍ نُّذِقْهُ مِنْ عَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota isa (Makkaan) keessa jiraataniifi kan biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan (hoonga’an). Namni isa keessatti sababa miidhaatiin jallachuu barbaade azaaba laalessaa irraa isa dhandhamsiifna.
See all translations of this verse →
وَإِذْ بَوَّأْنَا لِإِبْرَٰهِيمَ مَكَانَ ٱلْبَيْتِ أَن لَّا تُشْرِكْ بِى شَيْـًٔا وَطَهِّرْ بَيْتِىَ لِلطَّآئِفِينَ وَٱلْقَآئِمِينَ وَٱلرُّكَّعِ ٱلسُّجُودِ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)
See all translations of this verse →
وَأَذِّن فِى ٱلنَّاسِ بِٱلْحَجِّ يَأْتُوكَ رِجَالًا وَعَلَىٰ كُلِّ ضَامِرٍ يَأْتِينَ مِن كُلِّ فَجٍّ عَمِيقٍ
Oromo Translation - Gali Ababor (Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.
See all translations of this verse →
لِّيَشْهَدُوا۟ مَنَٰفِعَ لَهُمْ وَيَذْكُرُوا۟ ٱسْمَ ٱللَّهِ فِىٓ أَيَّامٍ مَّعْلُومَٰتٍ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلْأَنْعَٰمِ فَكُلُوا۟ مِنْهَا وَأَطْعِمُوا۟ ٱلْبَآئِسَ ٱلْفَقِيرَ
Oromo Translation - Gali Ababor Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif,akka maqaa Rabbii dubbataniif guyyoota beekamoo ta'an keessatti beyladoota irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti (dubbataniif) (beeksisi). Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa rakkataa nyaachisaa.
See all translations of this verse →
ثُمَّ لْيَقْضُوا۟ تَفَثَهُمْ وَلْيُوفُوا۟ نُذُورَهُمْ وَلْيَطَّوَّفُوا۟ بِٱلْبَيْتِ ٱلْعَتِيقِ
Oromo Translation - Gali Ababor Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanii. Mana turaan (Ka’abaan) haa naanna’anii.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ وَمَن يُعَظِّمْ حُرُمَٰتِ ٱللَّهِ فَهُوَ خَيْرٌ لَّهُۥ عِندَ رَبِّهِۦ وَأُحِلَّتْ لَكُمُ ٱلْأَنْعَٰمُ إِلَّا مَا يُتْلَىٰ عَلَيْكُمْ فَٱجْتَنِبُوا۟ ٱلرِّجْسَ مِنَ ٱلْأَوْثَٰنِ وَٱجْتَنِبُوا۟ قَوْلَ ٱلزُّورِ
Oromo Translation - Gali Ababor (Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje guddise, sanatu isaaf caala Gooftaa isaa biratti, beyladoonni isiniif eeyyamamte Isaan (of duratti) isiniif ibsamuuf (jiran) malee. Xurii taabotaa irraa fagaadhaa Jecha cubbuu irraas fagaadhaa.
See all translations of this verse →
حُنَفَآءَ لِلَّهِ غَيْرَ مُشْرِكِينَ بِهِۦ وَمَن يُشْرِكْ بِٱللَّهِ فَكَأَنَّمَا خَرَّ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَتَخْطَفُهُ ٱلطَّيْرُ أَوْ تَهْوِى بِهِ ٱلرِّيحُ فِى مَكَانٍ سَحِيقٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa). Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ وَمَن يُعَظِّمْ شَعَٰٓئِرَ ٱللَّهِ فَإِنَّهَا مِن تَقْوَى ٱلْقُلُوبِ
Oromo Translation - Gali Ababor (Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee (amantii) Rabbii kabaje, isheen onneewwan sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi.
See all translations of this verse →
لَكُمْ فِيهَا مَنَٰفِعُ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى ثُمَّ مَحِلُّهَآ إِلَى ٱلْبَيْتِ ٱلْعَتِيقِ
Oromo Translation - Gali Ababor Isiniif ishee (beyladoota wareegaa) keessa faaydaaleetu jira hanga beellama murtaa’eetti. Sana booda iddoon ishee (bakkiti itti qalamtu) gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
See all translations of this verse →
وَلِكُلِّ أُمَّةٍ جَعَلْنَا مَنسَكًا لِّيَذْكُرُوا۟ ٱسْمَ ٱللَّهِ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلْأَنْعَٰمِ فَإِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ فَلَهُۥٓ أَسْلِمُوا۟ وَبَشِّرِ ٱلْمُخْبِتِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata hundaafuu bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraa, akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Isaa faarsaniif jecha, gabbaramaan keessanis Gooftaa tokkicha, Isaaf harka kennaa, Warra Isaaf gad of qaban gammachiisi.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَجِلَتْ قُلُوبُهُمْ وَٱلصَّٰبِرِينَ عَلَىٰ مَآ أَصَابَهُمْ وَٱلْمُقِيمِى ٱلصَّلَوٰةِ وَمِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ يُنفِقُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame onneewwan isaanii sodaattu, waan isaan tuqe irratti obsitoota tahan, salaata dhaabdota tahan,kan waan isaaniif kennine irraa kennaniidha.
See all translations of this verse →
وَٱلْبُدْنَ جَعَلْنَٰهَا لَكُم مِّن شَعَٰٓئِرِ ٱللَّهِ لَكُمْ فِيهَا خَيْرٌ فَٱذْكُرُوا۟ ٱسْمَ ٱللَّهِ عَلَيْهَا صَوَآفَّ فَإِذَا وَجَبَتْ جُنُوبُهَا فَكُلُوا۟ مِنْهَا وَأَطْعِمُوا۟ ٱلْقَانِعَ وَٱلْمُعْتَرَّ كَذَٰلِكَ سَخَّرْنَٰهَا لَكُمْ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Beeyladoota (wareega Ka’abaa)ishee mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif.
See all translations of this verse →
لَن يَنَالَ ٱللَّهَ لُحُومُهَا وَلَا دِمَآؤُهَا وَلَٰكِن يَنَالُهُ ٱلتَّقْوَىٰ مِنكُمْ كَذَٰلِكَ سَخَّرَهَا لَكُمْ لِتُكَبِّرُوا۟ ٱللَّهَ عَلَىٰ مَا هَدَىٰكُمْ وَبَشِّرِ ٱلْمُحْسِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Foonoowwan isaaniitiifi dhiigowwani isaaniis Rabbiin bira hin ga’u, Garuu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’a. Akka kanatti ishee isiniif laaffise, akka Rabbiin guddiftaniif, waan isin qajeelcheef jecha. Gaarii hojjattoota gammachiisi.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ يُدَٰفِعُ عَنِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ كُلَّ خَوَّانٍ كَفُورٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisa, nama akkaan gantuu, kafaraa ta'e hunda Rabbiin hin jaallatu.
See all translations of this verse →
أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَٰتَلُونَ بِأَنَّهُمْ ظُلِمُوا۟ وَإِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (loluun) hayyamni godhameef, dhugumatti Rabbiin isaaniif tumsuu irratti danda’aadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ أُخْرِجُوا۟ مِن دِيَٰرِهِم بِغَيْرِ حَقٍّ إِلَّآ أَن يَقُولُوا۟ رَبُّنَا ٱللَّهُ وَلَوْلَا دَفْعُ ٱللَّهِ ٱلنَّاسَ بَعْضَهُم بِبَعْضٍ لَّهُدِّمَتْ صَوَٰمِعُ وَبِيَعٌ وَصَلَوَٰتٌ وَمَسَٰجِدُ يُذْكَرُ فِيهَا ٱسْمُ ٱللَّهِ كَثِيرًا وَلَيَنصُرَنَّ ٱللَّهُ مَن يَنصُرُهُۥٓ إِنَّ ٱللَّهَ لَقَوِىٌّ عَزِيزٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha, Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti Rabbiin nama (amantii) Isaaf tumsu, tumsuufiif jira. Rabbiin irra jabaa, injifataadha.
See all translations of this verse →
ٱلَّذِينَ إِن مَّكَّنَّٰهُمْ فِى ٱلْأَرْضِ أَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُا۟ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَمَرُوا۟ بِٱلْمَعْرُوفِ وَنَهَوْا۟ عَنِ ٱلْمُنكَرِ وَلِلَّهِ عَٰقِبَةُ ٱلْأُمُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuutti (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen waan hundaa Rabbumaafi.
See all translations of this verse →
وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَعَادٌ وَثَمُودُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo si sobsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud (nabiyyoota isaanii) sobsiisanii jiru.
See all translations of this verse →
وَقَوْمُ إِبْرَٰهِيمَ وَقَوْمُ لُوطٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma).
See all translations of this verse →
وَأَصْحَٰبُ مَدْيَنَ وَكُذِّبَ مُوسَىٰ فَأَمْلَيْتُ لِلْكَٰفِرِينَ ثُمَّ أَخَذْتُهُمْ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ
Oromo Translation - Gali Ababor Jiraattonni Madyanis (akkasuma), Muusaanis sobsiifamee jira, Ani kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabe, adabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!.
See all translations of this verse →
فَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ أَهْلَكْنَٰهَا وَهِىَ ظَالِمَةٌ فَهِىَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا وَبِئْرٍ مُّعَطَّلَةٍ وَقَصْرٍ مَّشِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine. Isheen qaaxeewwan ishee irratti kukkuftuudha. Eela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).
See all translations of this verse →
أَفَلَمْ يَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَتَكُونَ لَهُمْ قُلُوبٌ يَعْقِلُونَ بِهَآ أَوْ ءَاذَانٌ يَسْمَعُونَ بِهَا فَإِنَّهَا لَا تَعْمَى ٱلْأَبْصَٰرُ وَلَٰكِن تَعْمَى ٱلْقُلُوبُ ٱلَّتِى فِى ٱلصُّدُورِ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneewwan ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif ta'a. ijji (gubbaa kuni) hinjaamtu. garuu onneewwan qomaalee keessa jirtuuru jaama.
See all translations of this verse →
وَيَسْتَعْجِلُونَكَ بِٱلْعَذَابِ وَلَن يُخْلِفَ ٱللَّهُ وَعْدَهُۥ وَإِنَّ يَوْمًا عِندَ رَبِّكَ كَأَلْفِ سَنَةٍ مِّمَّا تَعُدُّونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Adabatti si jarjarfatu, Rabbiin waadaa Isaa hin diigu, Dhugumatti, guyyaan tokko Rabbii kee biratti akka waggaa kumaati waan isin lakkooftan irraa.
See all translations of this verse →
وَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ أَمْلَيْتُ لَهَا وَهِىَ ظَالِمَةٌ ثُمَّ أَخَذْتُهَا وَإِلَىَّ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Magaalota irraa meeqaatama tan Ani yeroo isheef kennee, haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin ergasii (adabaan) ishee qabee, deebiin gara kiyya.
See all translations of this verse →
قُلْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّمَآ أَنَا۠ لَكُمْ نَذِيرٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaa malee hin taane.”
See all translations of this verse →
فَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi kennaa gaariitu jira.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ سَعَوْا۟ فِىٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلْجَحِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan Nu dadhabsiisuu (yaadanii) aayatoota keenya balleessuuf hojjatan, isaan sun warra jahannami.
See all translations of this verse →
وَمَآ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ مِن رَّسُولٍ وَلَا نَبِىٍّ إِلَّآ إِذَا تَمَنَّىٰٓ أَلْقَى ٱلشَّيْطَٰنُ فِىٓ أُمْنِيَّتِهِۦ فَيَنسَخُ ٱللَّهُ مَا يُلْقِى ٱلشَّيْطَٰنُ ثُمَّ يُحْكِمُ ٱللَّهُ ءَايَٰتِهِۦ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Nuti si dura ergamaas ta’ee nabiyyii tokko erginee ‘yeroo inni dubbise sheyxaanni dubbisa isaa keessa (gurra ummataa irratti soba) darbu malee’ kan hafu hin taane, Rabbiin waan sheyxaanni itti darbu san ni balleessa, Sana booda aayatoota isaa ni raggaasisa, Rabbiin beekaa, ogeessa.
See all translations of this verse →
لِّيَجْعَلَ مَا يُلْقِى ٱلشَّيْطَٰنُ فِتْنَةً لِّلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ وَٱلْقَاسِيَةِ قُلُوبُهُمْ وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَفِى شِقَاقٍۭ بَعِيدٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan sheyxaanni darbu san isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneewwan isaanii gogeef qormaata gochuuf (akkas taasise). Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru.
See all translations of this verse →
وَلِيَعْلَمَ ٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ أَنَّهُ ٱلْحَقُّ مِن رَّبِّكَ فَيُؤْمِنُوا۟ بِهِۦ فَتُخْبِتَ لَهُۥ قُلُوبُهُمْ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهَادِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Akka isaan beekumsa kennaman dhugaa Rabbii kee irraa dhufe ta’uu isaa beekanii isatti amananii, onneeWWAn isaanii isatti tasgabbii argattuuf (kana taasise). Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan gara karaa sirrii qajeelchaadha.
See all translations of this verse →
وَلَا يَزَالُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فِى مِرْيَةٍ مِّنْهُ حَتَّىٰ تَأْتِيَهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغْتَةً أَوْ يَأْتِيَهُمْ عَذَابُ يَوْمٍ عَقِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman. Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti.
See all translations of this verse →
ٱلْمُلْكُ يَوْمَئِذٍ لِّلَّهِ يَحْكُمُ بَيْنَهُمْ فَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فِى جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Mootummaan guyyaa san kan Allaahti, Gidduu isaaniitti ni murteessa, Isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa ta’u.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَكَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا فَأُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
See all translations of this verse →
وَٱلَّذِينَ هَاجَرُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ ثُمَّ قُتِلُوٓا۟ أَوْ مَاتُوا۟ لَيَرْزُقَنَّهُمُ ٱللَّهُ رِزْقًا حَسَنًا وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهُوَ خَيْرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jira, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati.
See all translations of this verse →
لَيُدْخِلَنَّهُم مُّدْخَلًا يَرْضَوْنَهُۥ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَعَلِيمٌ حَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugumatti, Inni isaan seensa isa jaallatan seensisa, Dhugumatti, Rabbiin beekaa, obsaadha.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ وَمَنْ عَاقَبَ بِمِثْلِ مَا عُوقِبَ بِهِۦ ثُمَّ بُغِىَ عَلَيْهِ لَيَنصُرَنَّهُ ٱللَّهُ إِنَّ ٱللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor (Dubbiin) akkana Namni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsa, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ يُولِجُ ٱلَّيْلَ فِى ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِى ٱلَّيْلِ وَأَنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌۢ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisuufi, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدْعُونَ مِن دُونِهِۦ هُوَ ٱلْبَٰطِلُ وَأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْعَلِىُّ ٱلْكَبِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَتُصْبِحُ ٱلْأَرْضُ مُخْضَرَّةً إِنَّ ٱللَّهَ لَطِيفٌ خَبِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha.
See all translations of this verse →
لَّهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهُوَ ٱلْغَنِىُّ ٱلْحَمِيدُ
Oromo Translation - Gali Ababor Wantoonni samiilee keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ سَخَّرَ لَكُم مَّا فِى ٱلْأَرْضِ وَٱلْفُلْكَ تَجْرِى فِى ٱلْبَحْرِ بِأَمْرِهِۦ وَيُمْسِكُ ٱلسَّمَآءَ أَن تَقَعَ عَلَى ٱلْأَرْضِ إِلَّا بِإِذْنِهِۦٓ إِنَّ ٱللَّهَ بِٱلنَّاسِ لَرَءُوفٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila akka Allaahn wantoota dachii keessa jiran isiniif mijeesse hin arginee, dooniwwan galaana keessa ajaja Isaatiin daakanillee Eeyyama Isaatiin yoo ta'e malee akka samiin dachii irratti hin kufne qaba, Rabbiin namootaaf akkaan mararfataa, rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَحْيَاكُمْ ثُمَّ يُمِيتُكُمْ ثُمَّ يُحْيِيكُمْ إِنَّ ٱلْإِنسَٰنَ لَكَفُورٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudha, ilmi namaa akkaan (Rabbitti) kafaraadha.
See all translations of this verse →
لِّكُلِّ أُمَّةٍ جَعَلْنَا مَنسَكًا هُمْ نَاسِكُوهُ فَلَا يُنَٰزِعُنَّكَ فِى ٱلْأَمْرِ وَٱدْعُ إِلَىٰ رَبِّكَ إِنَّكَ لَعَلَىٰ هُدًى مُّسْتَقِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Ummata hundaaf seera isaan amantii ittiin geggeeffatan isaaniif taasifnee jirra. Kanaafuu (mushrikoonni) dhimma kana irratti akka siin hin falmine. Gara Gooftaa keetiitti waami. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
See all translations of this verse →
وَإِن جَٰدَلُوكَ فَقُلِ ٱللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yoo siin falman “Rabbiin akkaan beekaa waan isin hojjattaniiti” jedhiin.
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan gidduu keessanitti murteessa.
See all translations of this verse →
أَلَمْ تَعْلَمْ أَنَّ ٱللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَآءِ وَٱلْأَرْضِ إِنَّ ذَٰلِكَ فِى كِتَٰبٍ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha.
See all translations of this verse →
وَيَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَمْ يُنَزِّلْ بِهِۦ سُلْطَٰنًا وَمَا لَيْسَ لَهُم بِهِۦ عِلْمٌ وَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِن نَّصِيرٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin alatti waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaan isa ilaalchisee beekumsa homaatuu hin qabne gabbaru. Miidhaa hojjattootaaf gargaaraan tokkos hin jiru.
See all translations of this verse →
وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ تَعْرِفُ فِى وُجُوهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱلْمُنكَرَ يَكَادُونَ يَسْطُونَ بِٱلَّذِينَ يَتْلُونَ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتِنَا قُلْ أَفَأُنَبِّئُكُم بِشَرٍّ مِّن ذَٰلِكُمُ ٱلنَّارُ وَعَدَهَا ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo keeyyattoonni keenya kan ifa ta’an isaan irratti dubbifaman, fuula warra kafaranii irraa (ajaja Rabbii) diduu hubatta. Warra keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisanitti utaaluutti dhihaatu, (Yaa Muhammad!) “Sila waan sana caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? Ibidda Rabbiin isaan kafaraniif waadaa galeedha, Deebichi waa fokkate!” jedhi.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ضُرِبَ مَثَلٌ فَٱسْتَمِعُوا۟ لَهُۥٓ إِنَّ ٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَن يَخْلُقُوا۟ ذُبَابًا وَلَوِ ٱجْتَمَعُوا۟ لَهُۥ وَإِن يَسْلُبْهُمُ ٱلذُّبَابُ شَيْـًٔا لَّا يَسْتَنقِذُوهُ مِنْهُ ضَعُفَ ٱلطَّالِبُ وَٱلْمَطْلُوبُ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaa, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanu, Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa bute, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anu, Gabbaraafi gabbaramaan dadhabeera.
See all translations of this verse →
مَا قَدَرُوا۟ ٱللَّهَ حَقَّ قَدْرِهِۦٓ إِنَّ ٱللَّهَ لَقَوِىٌّ عَزِيزٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Dhugaa guddina Isaa Rabbiin hin guddifne, Rabbiin jabaa, injifataadha.
See all translations of this verse →
ٱللَّهُ يَصْطَفِى مِنَ ٱلْمَلَٰٓئِكَةِ رُسُلًا وَمِنَ ٱلنَّاسِ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌۢ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata), Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
See all translations of this verse →
يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرْجَعُ ٱلْأُمُورُ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni wantoota fuuldura isaaniitiifii wantoota duuba isaaniitis hunda ni beeka, Wantoonni hundi gara Rabbiitti deebifamti.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱرْكَعُوا۟ وَٱسْجُدُوا۟ وَٱعْبُدُوا۟ رَبَّكُمْ وَٱفْعَلُوا۟ ٱلْخَيْرَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa; Gooftaa keessan gabbaraa; akka milkooftaniif toltuus hojjadhaa. {1}
See all translations of this verse →
وَجَٰهِدُوا۟ فِى ٱللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِۦ هُوَ ٱجْتَبَىٰكُمْ وَمَا جَعَلَ عَلَيْكُمْ فِى ٱلدِّينِ مِنْ حَرَجٍ مِّلَّةَ أَبِيكُمْ إِبْرَٰهِيمَ هُوَ سَمَّىٰكُمُ ٱلْمُسْلِمِينَ مِن قَبْلُ وَفِى هَٰذَا لِيَكُونَ ٱلرَّسُولُ شَهِيدًا عَلَيْكُمْ وَتَكُونُوا۟ شُهَدَآءَ عَلَى ٱلنَّاسِ فَأَقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُوا۟ ٱلزَّكَوٰةَ وَٱعْتَصِمُوا۟ بِٱللَّهِ هُوَ مَوْلَىٰكُمْ فَنِعْمَ ٱلْمَوْلَىٰ وَنِعْمَ ٱلنَّصِيرُ
Oromo Translation - Gali Ababor Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone, Karaa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa), Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaase, Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa tahuufii isinis namoota irratti ragaa taataniif, (Kanaaf) salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaa. Inni jaalalloo keessani. Jaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!
See all translations of this verse →
← Surah Al-Anbiyaa
Surah Al-Muminoon →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.