أَمِ ٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً قُلْ هَاتُوا۟ بُرْهَٰنَكُمْ هَٰذَا ذِكْرُ مَن مَّعِىَ وَذِكْرُ مَن قَبْلِى بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْلَمُونَ ٱلْحَقَّ فَهُم مُّعْرِضُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiin, Kun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniiti, Garuu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanu, Kanaafuu (isa) irraa garagalu.