وَأَنذِرِ ٱلنَّاسَ يَوْمَ يَأْتِيهِمُ ٱلْعَذَابُ فَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ رَبَّنَآ أَخِّرْنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٍ قَرِيبٍ نُّجِبْ دَعْوَتَكَ وَنَتَّبِعِ ٱلرُّسُلَ أَوَلَمْ تَكُونُوٓا۟ أَقْسَمْتُم مِّن قَبْلُ مَا لَكُم مِّن زَوَالٍ
Oromo Translation - Gali AbaborIlma namaa akeekkachiis guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan nijedhan “Gooftaa keenya! hanga beellama dhihootti booda nu aansi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna”. (isaaniin jedhama) “Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi isiniif hinjirurratti kakachaa hin turree?