caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Ar-Ra'd الرعد

43 verses · Medina · revelation order 96

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓمٓر تِلْكَ ءَايَٰتُ ٱلْكِتَٰبِ وَٱلَّذِىٓ أُنزِلَ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ ٱلْحَقُّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAlif Laam Miim Raa tun keeyyattoota kitaabaati, Inni Gooftaa kee biraa gara keetti buufame dhugaadha. Garuu irra hedduun namaa hin amananu.

See all translations of this verse →

ٱللَّهُ ٱلَّذِى رَفَعَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ بِغَيْرِ عَمَدٍ تَرَوْنَهَا ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ وَسَخَّرَ ٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِى لِأَجَلٍ مُّسَمًّى يُدَبِّرُ ٱلْأَمْرَ يُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ لَعَلَّكُم بِلِقَآءِ رَبِّكُمْ تُوقِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin Isa samii (torban) utubaa malee uumeedha; isin ishee ni agartu. eegasii Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’e. Aduufi baatiis ni laaffise, Hundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’u, Wantoota hunda gara gaggalcha. mallattoolee addaan baasa Akka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى مَدَّ ٱلْأَرْضَ وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِىَ وَأَنْهَٰرًا وَمِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ جَعَلَ فِيهَا زَوْجَيْنِ ٱثْنَيْنِ يُغْشِى ٱلَّيْلَ ٱلنَّهَارَ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّقَوْمٍ يَتَفَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa dachii diriirsee ishee keessatti gaarreeniifi laggeeniis godheedha. Fuduraalee hunda irraas gosoota lama lama ishee keessatti godheera. Halkan guyyaa haguugsisa, Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.

See all translations of this verse →

وَفِى ٱلْأَرْضِ قِطَعٌ مُّتَجَٰوِرَٰتٌ وَجَنَّٰتٌ مِّنْ أَعْنَٰبٍ وَزَرْعٌ وَنَخِيلٌ صِنْوَانٌ وَغَيْرُ صِنْوَانٍ يُسْقَىٰ بِمَآءٍ وَٰحِدٍ وَنُفَضِّلُ بَعْضَهَا عَلَىٰ بَعْضٍ فِى ٱلْأُكُلِ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍ لِّقَوْمٍ يَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDachii keessas kutaalee walitti olloomantu jira, ashaakiltii Inaba irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu (jira). Dhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerra. Dhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira.

See all translations of this verse →

وَإِن تَعْجَبْ فَعَجَبٌ قَوْلُهُمْ أَءِذَا كُنَّا تُرَٰبًا أَءِنَّا لَفِى خَلْقٍ جَدِيدٍ أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِرَبِّهِمْ وَأُو۟لَٰٓئِكَ ٱلْأَغْلَٰلُ فِىٓ أَعْنَاقِهِمْ وَأُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلنَّارِ هُمْ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo dinqisiifatte dinqisiisaadha jechi isaanii “sila yeroo biyyee taane nuti uumama haaraa keessatti (taanaa)?”. Isaan warra Gooftaa isaaniitti kafaraniidha. Isaan sun sakaallaaleen mormoowwan isaanii keessa jira. Isaan warra ibiddaati, Isaan ishee keessatti hafoodha.

See all translations of this verse →

وَيَسْتَعْجِلُونَكَ بِٱلسَّيِّئَةِ قَبْلَ ٱلْحَسَنَةِ وَقَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِمُ ٱلْمَثُلَٰتُ وَإِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغْفِرَةٍ لِّلنَّاسِ عَلَىٰ ظُلْمِهِمْ وَإِنَّ رَبَّكَ لَشَدِيدُ ٱلْعِقَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborHamtuudhaan toltuu dura si ariifachiifatu, Odoo isaan dura adabbiin hedduun dabartee jirtuu, Dhugumatti, Gooftaan kee namaaf miidhaawwan hojjachuu isaaniitii wajjiin abbaa araaraati, Gooftaan kee abbaa adabbii cimaati

See all translations of this verse →

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوْلَآ أُنزِلَ عَلَيْهِ ءَايَةٌ مِّن رَّبِّهِۦٓ إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرٌ وَلِكُلِّ قَوْمٍ هَادٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaannan kafaran nijedhan “Maaliif mallattoon wahii Gooftaa isaa biraa isa irratti hin buufamne?”. Ati dinniinuma qofa, Ummata hundaaf qajeelchaan jira.

See all translations of this verse →

ٱللَّهُ يَعْلَمُ مَا تَحْمِلُ كُلُّ أُنثَىٰ وَمَا تَغِيضُ ٱلْأَرْحَامُ وَمَا تَزْدَادُ وَكُلُّ شَىْءٍ عِندَهُۥ بِمِقْدَارٍ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin waan dhalaan hundi (garatti) baattu nibeeka, waan gadaamessaaleen hir’iftuufi waan dabaltus ni beeka. Wanti hundinuu Isa biratti hangaan murtaa’aadha.

See all translations of this verse →

عَٰلِمُ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلْكَبِيرُ ٱلْمُتَعَالِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) Beekaa waan fagoofi dhihoo, guddaa, ol ta’aadha.

See all translations of this verse →

سَوَآءٌ مِّنكُم مَّنْ أَسَرَّ ٱلْقَوْلَ وَمَن جَهَرَ بِهِۦ وَمَنْ هُوَ مُسْتَخْفٍۭ بِٱلَّيْلِ وَسَارِبٌۢ بِٱلنَّهَارِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsin irraa namni jechaan (sagalee) gadi qabeefi ol fuudhes waluma qixa. namni halkan dhokateefi guyyaa ifatti ba’es (waluma qixa).

See all translations of this verse →

لَهُۥ مُعَقِّبَٰتٌ مِّنۢ بَيْنِ يَدَيْهِ وَمِنْ خَلْفِهِۦ يَحْفَظُونَهُۥ مِنْ أَمْرِ ٱللَّهِ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُغَيِّرُ مَا بِقَوْمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُوا۟ مَا بِأَنفُسِهِمْ وَإِذَآ أَرَادَ ٱللَّهُ بِقَوْمٍ سُوٓءًا فَلَا مَرَدَّ لَهُۥ وَمَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَالٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaf (tokko tokkoo namaatiif) maleeykota wal tareeffatoo ta’an fuuldura isaatiifi duuba isaa irraa ajaja Rabbiitiin isa eegantu jiru. Dhugumatti, Rabbiin waan ummatatti tahe hinjirjiiru, hanga isaan waan isaan waan lubbuulee isaanii keessa jiru jijjiiranitti. Yeroo Rabbiin ormatti hamtuu fedhe, deebisaan isaaf hin jiru; Isaaniif Isaa gaditti gargaaran hin jiru.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِى يُرِيكُمُ ٱلْبَرْقَ خَوْفًا وَطَمَعًا وَيُنشِئُ ٱلسَّحَابَ ٱلثِّقَالَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa hangaasuu isin agarsiisuudha kan sodaattaniifi kan kajeeltan taatanii. Duumessa ulfaataas ni uuma.

See all translations of this verse →

وَيُسَبِّحُ ٱلرَّعْدُ بِحَمْدِهِۦ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةُ مِنْ خِيفَتِهِۦ وَيُرْسِلُ ٱلصَّوَٰعِقَ فَيُصِيبُ بِهَا مَن يَشَآءُ وَهُمْ يُجَٰدِلُونَ فِى ٱللَّهِ وَهُوَ شَدِيدُ ٱلْمِحَالِ

Oromo Translation - Gali AbaborMandiisuun (kakawweennis) faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessa. Maleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu). Bakakkaalee nierga, isheedhaan nama fedhe dhawa. isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falman,Inni humni isaa cimaadha.

See all translations of this verse →

لَهُۥ دَعْوَةُ ٱلْحَقِّ وَٱلَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَسْتَجِيبُونَ لَهُم بِشَىْءٍ إِلَّا كَبَٰسِطِ كَفَّيْهِ إِلَى ٱلْمَآءِ لِيَبْلُغَ فَاهُ وَمَا هُوَ بِبَٰلِغِهِۦ وَمَا دُعَآءُ ٱلْكَٰفِرِينَ إِلَّا فِى ضَلَٰلٍ

Oromo Translation - Gali AbaborWaamichi dhugaa kan Isaati, Warri isaan Isa (Rabbii) gaditti waammatan, waatakkalleen isaaniif hin awwaatan. Akka (owwaannaa) nama ganaa isaa lamaan gara bishaanii hiixatuu (diriirsuu) malee,inni afaan isaatti haa ga’uuf inni isatti gayaa hintaane. Kadhaaleen kaafirootaa hoongoo keessa malee hin taane.

See all translations of this verse →

وَلِلَّهِ يَسْجُدُ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ طَوْعًا وَكَرْهًا وَظِلَٰلُهُم بِٱلْغُدُوِّ وَٱلْـَٔاصَالِ

Oromo Translation - Gali AbaborWantoonni samiileefi dachii keessa jiran Rabbiif sujuuda godhu. kan jaalataniifi kan jibban ta’anii, Gaaddidduuwwan isaaniis ganamaafi galgala keessatti.{1}

See all translations of this verse →

قُلْ مَن رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ قُلِ ٱللَّهُ قُلْ أَفَٱتَّخَذْتُم مِّن دُونِهِۦٓ أَوْلِيَآءَ لَا يَمْلِكُونَ لِأَنفُسِهِمْ نَفْعًا وَلَا ضَرًّا قُلْ هَلْ يَسْتَوِى ٱلْأَعْمَىٰ وَٱلْبَصِيرُ أَمْ هَلْ تَسْتَوِى ٱلظُّلُمَٰتُ وَٱلنُّورُ أَمْ جَعَلُوا۟ لِلَّهِ شُرَكَآءَ خَلَقُوا۟ كَخَلْقِهِۦ فَتَشَٰبَهَ ٱلْخَلْقُ عَلَيْهِمْ قُلِ ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَىْءٍ وَهُوَ ٱلْوَٰحِدُ ٱلْقَهَّٰرُ

Oromo Translation - Gali Ababor“Gooftaan samiifi dachii eenyu?” jedhiin. “Allaahdha” Jedhi. “Sila Isaa gaditti jaalallee lubbuu isaaniitiif bu’aas ta’ee miidhaa hin argamsiifne taasifattanii?” jedhiin. “Sila jaamaafi namni argu wal qixaatuu? moo dukkanootaafi ifnis wal qixaatuu? jedhiin. moo isaan Rabbiif shariikowwan uumama akka Isaa uumanii uumamni isaan irratti wal fakkaate godhanii? “Rabbiin uumoo waan hundaati; Inni tokkicha injifataadha” jedhi.

See all translations of this verse →

أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَسَالَتْ أَوْدِيَةٌۢ بِقَدَرِهَا فَٱحْتَمَلَ ٱلسَّيْلُ زَبَدًا رَّابِيًا وَمِمَّا يُوقِدُونَ عَلَيْهِ فِى ٱلنَّارِ ٱبْتِغَآءَ حِلْيَةٍ أَوْ مَتَٰعٍ زَبَدٌ مِّثْلُهُۥ كَذَٰلِكَ يَضْرِبُ ٱللَّهُ ٱلْحَقَّ وَٱلْبَٰطِلَ فَأَمَّا ٱلزَّبَدُ فَيَذْهَبُ جُفَآءً وَأَمَّا مَا يَنفَعُ ٱلنَّاسَ فَيَمْكُثُ فِى ٱلْأَرْضِ كَذَٰلِكَ يَضْرِبُ ٱللَّهُ ٱلْأَمْثَالَ

Oromo Translation - Gali AbaborSamii irraa bishaan (rooba) buusee laggeen hanga isheetiin ni yaate; lolaanis hoomacha ol fuudhamaa baadhate; waan isaan faayaafi meeshaa barbaaduuf jecha ibidda irratti qabsiisan irraas hoomacha (xurii) akkasiitu jira. Akka kanatti Rabbiin dhugaafi soba fakkeenya godha; hoomachi goggogaa ta’ee deema. Wanti nama fayyadu immoo dachii keessa taa’a. Akka kanatti Rabbiin fakkeenya godha.

See all translations of this verse →

لِلَّذِينَ ٱسْتَجَابُوا۟ لِرَبِّهِمُ ٱلْحُسْنَىٰ وَٱلَّذِينَ لَمْ يَسْتَجِيبُوا۟ لَهُۥ لَوْ أَنَّ لَهُم مَّا فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا وَمِثْلَهُۥ مَعَهُۥ لَٱفْتَدَوْا۟ بِهِۦٓ أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمْ سُوٓءُ ٱلْحِسَابِ وَمَأْوَىٰهُمْ جَهَنَّمُ وَبِئْسَ ٱلْمِهَادُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Gooftaa isaaniitii awwaataniif jannatatu jira. Isaan Isaaf hin awwaatin immoo, odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaataan isaas (isaaniif argamee) silaa isaan of bitu. Warri sun isaaniif qormaata hamaatu jira. Teessoon isaaniis jahannami (Inni) afata ta’uun waa fokkataa dha!

See all translations of this verse →

أَفَمَن يَعْلَمُ أَنَّمَآ أُنزِلَ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ ٱلْحَقُّ كَمَنْ هُوَ أَعْمَىٰٓ إِنَّمَا يَتَذَكَّرُ أُو۟لُوا۟ ٱلْأَلْبَٰبِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila namni wanti Gooftaa kee irraa gara keetti bu’e dhugaa ta’uu isaa beeku akka nama jaamaatii? kangorfamu warreen sammuu qaban qofa.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يُوفُونَ بِعَهْدِ ٱللَّهِ وَلَا يَنقُضُونَ ٱلْمِيثَٰقَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra waadaa Rabbii guutaniifi waadichas hin diigneedha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يَصِلُونَ مَآ أَمَرَ ٱللَّهُ بِهِۦٓ أَن يُوصَلَ وَيَخْشَوْنَ رَبَّهُمْ وَيَخَافُونَ سُوٓءَ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborAmmas warra waan Rabbiin akka inni maxxanfamu ajaje maxxansani. Gooftaa isaaniis sodaataniifi hamaa qormaataa sodaataniidha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ صَبَرُوا۟ ٱبْتِغَآءَ وَجْهِ رَبِّهِمْ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنفَقُوا۟ مِمَّا رَزَقْنَٰهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً وَيَدْرَءُونَ بِٱلْحَسَنَةِ ٱلسَّيِّئَةَ أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمْ عُقْبَى ٱلدَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan fuula Gooftaa isaanii barbaacha obsan, kan salaatas dhaabanii, waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaniifi mul’isanii arjooman, kan waan gadhee waan gaariin deebisaniidha. Warri sun gandi boodaa isaaniif ta’aadha.

See all translations of this verse →

جَنَّٰتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا وَمَن صَلَحَ مِنْ ءَابَآئِهِمْ وَأَزْوَٰجِهِمْ وَذُرِّيَّٰتِهِمْ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةُ يَدْخُلُونَ عَلَيْهِم مِّن كُلِّ بَابٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isheen) Jannata qubsumaa kan isaan ishee seenanuudha; Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii, ilmaan isaanii irraas namni gaarii hojjate (ishee seena). Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu.

See all translations of this verse →

سَلَٰمٌ عَلَيْكُم بِمَا صَبَرْتُمْ فَنِعْمَ عُقْبَى ٱلدَّارِ

Oromo Translation - Gali Ababor“Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” (jedhu).

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يَنقُضُونَ عَهْدَ ٱللَّهِ مِنۢ بَعْدِ مِيثَٰقِهِۦ وَيَقْطَعُونَ مَآ أَمَرَ ٱللَّهُ بِهِۦٓ أَن يُوصَلَ وَيُفْسِدُونَ فِى ٱلْأَرْضِ أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱللَّعْنَةُ وَلَهُمْ سُوٓءُ ٱلدَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan waadaa Rabbii erga jabaachuu isaatii booda diiganiifi waan Rabbiin akka fufamu ajaje kutan, kan dachii keessatti badii raawwatan, warri sun abaarsi isaaniif jira; isaaniif ganda hamaa ta’e (jahannamtu) jira.

See all translations of this verse →

ٱللَّهُ يَبْسُطُ ٱلرِّزْقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقْدِرُ وَفَرِحُوا۟ بِٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ إِلَّا مَتَٰعٌ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin nama fedheef hiree bal’isa; (nama fedhe) itti dhiphisa. Isaan jireenya addunyaa kanaatti gammadani. Jireenyi addunyaa jireenya Aakhiraa biratti qananii yeroo gabaabaa malee hin taane.

See all translations of this verse →

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوْلَآ أُنزِلَ عَلَيْهِ ءَايَةٌ مِّن رَّبِّهِۦ قُلْ إِنَّ ٱللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَنْ أَنَابَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran nijedhan “Sila maaliif Gooftaa isaa biraa mallattooleen wahii isarratti hin buufamin?". jedhi “Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa; nama deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha”.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَتَطْمَئِنُّ قُلُوبُهُم بِذِكْرِ ٱللَّهِ أَلَا بِذِكْرِ ٱللَّهِ تَطْمَئِنُّ ٱلْقُلُوبُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) warra amananii, onneewwan isaanii zikrii Rabbiitiin tasgabboofti. Dhaga’aa! zikrii (faaruu) Rabbiitiin onneewwan tasgabboofti.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ طُوبَىٰ لَهُمْ وَحُسْنُ مَـَٔابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif jiruu gaariifi deebii miidhagaa ta’etu jira.

See all translations of this verse →

كَذَٰلِكَ أَرْسَلْنَٰكَ فِىٓ أُمَّةٍ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهَآ أُمَمٌ لِّتَتْلُوَا۟ عَلَيْهِمُ ٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَهُمْ يَكْفُرُونَ بِٱلرَّحْمَٰنِ قُلْ هُوَ رَبِّى لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَإِلَيْهِ مَتَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti gara ummata ishee dura ummatoonni biraa dabrite keessatti si ergine. akka isa gara keetti buufne isaan irratti dubbiftuuf, isaan ‘Rahmaanitti’ kafaran. (Yaa Muhammad!) jedhi “Inni Gooftaa kiyya, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru, Isa irratti hirkadheera. Garuma Isaatti deebiin”.

See all translations of this verse →

وَلَوْ أَنَّ قُرْءَانًا سُيِّرَتْ بِهِ ٱلْجِبَالُ أَوْ قُطِّعَتْ بِهِ ٱلْأَرْضُ أَوْ كُلِّمَ بِهِ ٱلْمَوْتَىٰ بَل لِّلَّهِ ٱلْأَمْرُ جَمِيعًا أَفَلَمْ يَا۟يْـَٔسِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَن لَّوْ يَشَآءُ ٱللَّهُ لَهَدَى ٱلنَّاسَ جَمِيعًا وَلَا يَزَالُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ تُصِيبُهُم بِمَا صَنَعُوا۟ قَارِعَةٌ أَوْ تَحُلُّ قَرِيبًا مِّن دَارِهِمْ حَتَّىٰ يَأْتِىَ وَعْدُ ٱللَّهِ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُخْلِفُ ٱلْمِيعَادَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Qur’aanni gaarreen (iddoo isaanii irraa) isaan deemanii, yookiin dachiin isaan ciccittee, yookiin du’aan isaan dubbifameeyyuu (hin amananu). Amriin hunduu Rabbumaafi. Sila isaan amanan akka Rabbiin odoo fedhee namoota hunda qajeelchu hin beekanuu? Isaan kafaran waan isaan dalaganiin qalbi dhooftuun isaan tuqxu ta’uu irraa yookiin manneen isaaniitti dhihoo qubachuu irraa hin deemtu, hanga waadaan Rabbii dhufutti. Dhugumatti, Rabbiin waadaa hin diigu.

See all translations of this verse →

وَلَقَدِ ٱسْتُهْزِئَ بِرُسُلٍ مِّن قَبْلِكَ فَأَمْلَيْتُ لِلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ثُمَّ أَخَذْتُهُمْ فَكَيْفَ كَانَ عِقَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborErgamoota si duraattis qishnaan itti godhameera; isaan kafaraniif beellama godheen sana booda isaan qabe. adabbiin kiyya akkam ta’e ree!

See all translations of this verse →

أَفَمَنْ هُوَ قَآئِمٌ عَلَىٰ كُلِّ نَفْسٍۭ بِمَا كَسَبَتْ وَجَعَلُوا۟ لِلَّهِ شُرَكَآءَ قُلْ سَمُّوهُمْ أَمْ تُنَبِّـُٔونَهُۥ بِمَا لَا يَعْلَمُ فِى ٱلْأَرْضِ أَم بِظَٰهِرٍ مِّنَ ٱلْقَوْلِ بَلْ زُيِّنَ لِلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مَكْرُهُمْ وَصُدُّوا۟ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَمَن يُضْلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنْ هَادٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?). Isaan Rabbiif hiriyoota (shariikoowwan) taasisan. jedhi “Isaan maqaa dhahaa”. Sila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)? ”Dhugumatti isaan kafaraniif shirri isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraa deebifamaniiru. Nama Rabbiin isa jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.

See all translations of this verse →

لَّهُمْ عَذَابٌ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَلَعَذَابُ ٱلْـَٔاخِرَةِ أَشَقُّ وَمَا لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن وَاقٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaaniif jireenya addunyaa keessatti adabbiitu jira. adabbiin Aakhiraa immoo akkaan jabaadha. Ammas isaaniif (adabbii) Rabbii irraa ittisaan hin jiru.

See all translations of this verse →

مَّثَلُ ٱلْجَنَّةِ ٱلَّتِى وُعِدَ ٱلْمُتَّقُونَ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ أُكُلُهَا دَآئِمٌ وَظِلُّهَا تِلْكَ عُقْبَى ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوا۟ وَّعُقْبَى ٱلْكَٰفِرِينَ ٱلنَّارُ

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenyi jannata warri (Rabbiin) sodaatan waadaa galamanii, jala ishee laggeentu yaa’a; nyaanni ishee walitti dhaabbataadha; gaaddisni ishees (akkasuma). tun booddee warra Rabbiin sodaataniiti. Booddeen kaafirootaa immoo ibidda.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ ءَاتَيْنَٰهُمُ ٱلْكِتَٰبَ يَفْرَحُونَ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيْكَ وَمِنَ ٱلْأَحْزَابِ مَن يُنكِرُ بَعْضَهُۥ قُلْ إِنَّمَآ أُمِرْتُ أَنْ أَعْبُدَ ٱللَّهَ وَلَآ أُشْرِكَ بِهِۦٓ إِلَيْهِ أَدْعُوا۟ وَإِلَيْهِ مَـَٔابِ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri nuti kitaaba isaaniif kennine, waan gara keetti buufametti ni gammadu. Ahzaaba irraa nama garii isaa mormutu jira. jedhi “Kan ani ajajames Rabbiin qofa gabbaruufi Isatti homaa qindeessuu dhabuudha”. Gara Isaa qofattin waama; deebiin kiyyas gara Isaati.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ أَنزَلْنَٰهُ حُكْمًا عَرَبِيًّا وَلَئِنِ ٱتَّبَعْتَ أَهْوَآءَهُم بَعْدَ مَا جَآءَكَ مِنَ ٱلْعِلْمِ مَا لَكَ مِنَ ٱللَّهِ مِن وَلِىٍّ وَلَا وَاقٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti murtii Arabiffaa ta’ee isa (Qur’aana) buufne. Ati odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee erga beekumsa irraa (wanti siif kenname) sitti dhufee booda, (adabbii) Rabbii irraa tumsaafi tiksaan siif hin jiru.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلًا مِّن قَبْلِكَ وَجَعَلْنَا لَهُمْ أَزْوَٰجًا وَذُرِّيَّةً وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَن يَأْتِىَ بِـَٔايَةٍ إِلَّا بِإِذْنِ ٱللَّهِ لِكُلِّ أَجَلٍ كِتَابٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti si duras ergamtoota erginee jirra. Niitiiwwaniifi ilmaan isaaniif taasifnee jirra. Ergamaan tokkos yoo hayyama Rabbiitin ta’e malee mallattoo (raajii) tokkos fiduu hin danda’u. beellama hundaafuu galmeetu jira.

See all translations of this verse →

يَمْحُوا۟ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُ وَيُثْبِتُ وَعِندَهُۥٓ أُمُّ ٱلْكِتَٰبِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessa. Isa bira haadha kitaabaattu (Lawhal Mahfuuztu) jira.

See all translations of this verse →

وَإِن مَّا نُرِيَنَّكَ بَعْضَ ٱلَّذِى نَعِدُهُمْ أَوْ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِنَّمَا عَلَيْكَ ٱلْبَلَٰغُ وَعَلَيْنَا ٱلْحِسَابُ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee si argisiifne (tolte). Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru). Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira.

See all translations of this verse →

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّا نَأْتِى ٱلْأَرْضَ نَنقُصُهَا مِنْ أَطْرَافِهَا وَٱللَّهُ يَحْكُمُ لَا مُعَقِّبَ لِحُكْمِهِۦ وَهُوَ سَرِيعُ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila akka Nuti dachii moggaalee ishee irraa hir’isaa dhufnu hin ilaalanii? Rabbiin ni murteessa; murtii isaas wanti duubatti deebisu hin jiru. Inni saffisiisaa qormaataati.

See all translations of this verse →

وَقَدْ مَكَرَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ فَلِلَّهِ ٱلْمَكْرُ جَمِيعًا يَعْلَمُ مَا تَكْسِبُ كُلُّ نَفْسٍ وَسَيَعْلَمُ ٱلْكُفَّٰرُ لِمَنْ عُقْبَى ٱلدَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, warri isaaniin duraa mala baasanii jiru. Malli hundi kan Rabbiiti. Waan lubbuun hundi hojjattu ni beeka. Kaafiroonni booddeen gaariin eenyuuf akka ta’e beekuuf jiru.

See all translations of this verse →

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَسْتَ مُرْسَلًا قُلْ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَمَنْ عِندَهُۥ عِلْمُ ٱلْكِتَٰبِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu. “Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaaf Rabbiin ga’aadha. namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jirus" jedhi.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70