caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Yusuf يوسف

111 verses · Mecca · revelation order 53

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓر تِلْكَ ءَايَٰتُ ٱلْكِتَٰبِ ٱلْمُبِينِ

Oromo Translation - Gali AbaborAlif Laam Raa Kun keeyyattoota kitaaba ibsaa ta’eeti.

See all translations of this verse →

إِنَّآ أَنزَلْنَٰهُ قُرْءَٰنًا عَرَبِيًّا لَّعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti isa buufne Qur’aana Arabiffaa ta’e, akka isin xiinxaltaniif jecha.

See all translations of this verse →

نَحْنُ نَقُصُّ عَلَيْكَ أَحْسَنَ ٱلْقَصَصِ بِمَآ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانَ وَإِن كُنتَ مِن قَبْلِهِۦ لَمِنَ ٱلْغَٰفِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti seenaa gaggaarii sirratti odeessina Qur’aana kana gara keetti beeksisuudhaan, Ati isa dura dagattoota irraa taate.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالَ يُوسُفُ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ إِنِّى رَأَيْتُ أَحَدَ عَشَرَ كَوْكَبًا وَٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ رَأَيْتُهُمْ لِى سَٰجِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Yuusuf abbaa isaatin jedhe “Yaa abbaa kiyya! Ani (abjuudhaan) urjiiwwan kudha tokko, aduufi ji’a argeera; kan anaaf sujuuda godhan ta’anii isaan argeen jira” [yaadadhu].

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰبُنَىَّ لَا تَقْصُصْ رُءْيَاكَ عَلَىٰٓ إِخْوَتِكَ فَيَكِيدُوا۟ لَكَ كَيْدًا إِنَّ ٱلشَّيْطَٰنَ لِلْإِنسَٰنِ عَدُوٌّ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Abbaan isaas) ni jedhe: “Yaa ilma kiyya! abjuu kee obboleeyyan keetti hin himin shira sirratti shiruu, Dhugumatti, sheyxaanni namaaf diina ifa bahaadha.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ يَجْتَبِيكَ رَبُّكَ وَيُعَلِّمُكَ مِن تَأْوِيلِ ٱلْأَحَادِيثِ وَيُتِمُّ نِعْمَتَهُۥ عَلَيْكَ وَعَلَىٰٓ ءَالِ يَعْقُوبَ كَمَآ أَتَمَّهَا عَلَىٰٓ أَبَوَيْكَ مِن قَبْلُ إِبْرَٰهِيمَ وَإِسْحَٰقَ إِنَّ رَبَّكَ عَلِيمٌ حَكِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti Gooftaan kee si filata; hiikkaa manaamaas si barsiisa; ni’imaa Isaas sirrattiifi maatii Ya’aquub irrattis ni guuta, akkuma kana dura abbootii kee Ibraahiimiifi Isihaaq irratti guute. Dhugumatti, Gooftaan kee beekaa, ogeessa.”

See all translations of this verse →

لَّقَدْ كَانَ فِى يُوسُفَ وَإِخْوَتِهِۦٓ ءَايَٰتٌ لِّلسَّآئِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, (seenaa) Yuusufiifi obboleeyyan isaa keessa warreen gaafataniif mallattooleetu jira.

See all translations of this verse →

إِذْ قَالُوا۟ لَيُوسُفُ وَأَخُوهُ أَحَبُّ إِلَىٰٓ أَبِينَا مِنَّا وَنَحْنُ عُصْبَةٌ إِنَّ أَبَانَا لَفِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo (obboleeyyan Yuusuf) jedhan: “Dhugumatti, Yuusufiifi obboleessi isaa nurra gara abbaa keenyaatti jaalatamoodha,odoo nuti garee taanee jirru, Dhugumatti, abbaan keenya dogoggora ifa bahaa keessa jira.

See all translations of this verse →

ٱقْتُلُوا۟ يُوسُفَ أَوِ ٱطْرَحُوهُ أَرْضًا يَخْلُ لَكُمْ وَجْهُ أَبِيكُمْ وَتَكُونُوا۟ مِنۢ بَعْدِهِۦ قَوْمًا صَٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYuusufiin ajjeesaa; yookiin dachii (fagootti) isa gataa; fuulli abbaa keessanii isiniif dhuunfaa ta’a, Sana booda ummata gaggaarii taatu” (waliin jedhan).

See all translations of this verse →

قَالَ قَآئِلٌ مِّنْهُمْ لَا تَقْتُلُوا۟ يُوسُفَ وَأَلْقُوهُ فِى غَيَٰبَتِ ٱلْجُبِّ يَلْتَقِطْهُ بَعْضُ ٱلسَّيَّارَةِ إِن كُنتُمْ فَٰعِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraa jedhaan tokko ni jedhe: “Yuusufiin hin ajjeesinaa, hundee boollaa (eela) keessatti isa darbaa. akka gariin daldaltoota karaa deemu isa fudhatu, yoo kan dalagdan taataniif”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰٓأَبَانَا مَا لَكَ لَا تَأْمَ۫نَّا عَلَىٰ يُوسُفَ وَإِنَّا لَهُۥ لَنَٰصِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Yaa abbaa keenya! Sila ati maaliif Yuusuf irratti nu hin amanne? Nuti isaaf tola yaadoodha.

See all translations of this verse →

أَرْسِلْهُ مَعَنَا غَدًا يَرْتَعْ وَيَلْعَبْ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborBoru nu waliin isa ergi, Haa bashannanuu, haa taphatuu; dhugumatti, nuti isaaf tiksitoota.”

See all translations of this verse →

قَالَ إِنِّى لَيَحْزُنُنِىٓ أَن تَذْهَبُوا۟ بِهِۦ وَأَخَافُ أَن يَأْكُلَهُ ٱلذِّئْبُ وَأَنتُمْ عَنْهُ غَٰفِلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’aquub) ni jedhe: “Isa fuutanii deemuun keessan na gaddisiisa, yeyyiin isa nyaachuun sodaadha, Isin isa irraa dagatoo taatanii .”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ لَئِنْ أَكَلَهُ ٱلذِّئْبُ وَنَحْنُ عُصْبَةٌ إِنَّآ إِذًا لَّخَٰسِرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] ni jedhan: “yoo yeyyiin isa nyaatte Odoo nuti garee taanee jirruu , dhugumatti nuti yeroo san hoongoftoota.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا ذَهَبُوا۟ بِهِۦ وَأَجْمَعُوٓا۟ أَن يَجْعَلُوهُ فِى غَيَٰبَتِ ٱلْجُبِّ وَأَوْحَيْنَآ إِلَيْهِ لَتُنَبِّئَنَّهُم بِأَمْرِهِمْ هَٰذَا وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isaan deemanii boolla gadi fagoo keessatti isa gatuutti walii galan (isa darban). Nuti gara isaatti beeksifne “dhugumatti, ati dhimma isaanii kana isaanitti himta odoo isaan (si) hin beekin ” jechuun.

See all translations of this verse →

وَجَآءُوٓ أَبَاهُمْ عِشَآءً يَبْكُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaanis) abbaa isaanii bira dhufan galgala booyaatiin.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّا ذَهَبْنَا نَسْتَبِقُ وَتَرَكْنَا يُوسُفَ عِندَ مَتَٰعِنَا فَأَكَلَهُ ٱلذِّئْبُ وَمَآ أَنتَ بِمُؤْمِنٍ لَّنَا وَلَوْ كُنَّا صَٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan “Yaa abbaa keenya! Nuti wal dorgomuuf deemne, Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiifnee, yeyyiin isa nyaate, ati nuuf kan amantuu miti Odoma nuti warra dhugaa dubbatan taaneeyyuu”.

See all translations of this verse →

وَجَآءُو عَلَىٰ قَمِيصِهِۦ بِدَمٍ كَذِبٍ قَالَ بَلْ سَوَّلَتْ لَكُمْ أَنفُسُكُمْ أَمْرًا فَصَبْرٌ جَمِيلٌ وَٱللَّهُ ٱلْمُسْتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborQamisa isaa irratti dhiiga sobaatiin dhufan, (Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuulee keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsite, (Obsi kiyya) obsa gaariidha, Waan isin jettan kana irratti gargaarsifatamaan Rabbi qofa.”

See all translations of this verse →

وَجَآءَتْ سَيَّارَةٌ فَأَرْسَلُوا۟ وَارِدَهُمْ فَأَدْلَىٰ دَلْوَهُۥ قَالَ يَٰبُشْرَىٰ هَٰذَا غُلَٰمٌ وَأَسَرُّوهُ بِضَٰعَةً وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِمَا يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKara deemtonni (daldaaltoonni) dhuftee, bishaan waraabuduu isaanii erganii baaldii isaa (eela keessa) gadi buuse, “Yaa gammachuu! Kuni mucaa (bareedaadha)” jedhe, Meeshaa godhanii isa dhoksan, Rabbiin waan isaan hojjatan beekaadha. [1]

See all translations of this verse →

وَشَرَوْهُ بِثَمَنٍۭ بَخْسٍ دَرَٰهِمَ مَعْدُودَةٍ وَكَانُوا۟ فِيهِ مِنَ ٱلزَّٰهِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguran, Isa keessattis danta dhaboota irraa ta’an. {2}

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلَّذِى ٱشْتَرَىٰهُ مِن مِّصْرَ لِٱمْرَأَتِهِۦٓ أَكْرِمِى مَثْوَىٰهُ عَسَىٰٓ أَن يَنفَعَنَآ أَوْ نَتَّخِذَهُۥ وَلَدًا وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِى ٱلْأَرْضِ وَلِنُعَلِّمَهُۥ مِن تَأْوِيلِ ٱلْأَحَادِيثِ وَٱللَّهُ غَالِبٌ عَلَىٰٓ أَمْرِهِۦ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Misra irraa isa bites niitii isaatiin ni jedhe:(iddoo) qubsuma isaa kabaji “nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kejeelamaa", akka kanatti Yuusufiif dachii keessa mijjeessine, (Akka bulchaa isa goonuu) fi hiikoo manaamaas isa barsiifnuuf jecha. Rabbiin dhimma Isaa irratti injifataadha, Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.{3}

See all translations of this verse →

وَلَمَّا بَلَغَ أَشُدَّهُۥٓ ءَاتَيْنَٰهُ حُكْمًا وَعِلْمًا وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo inni (dargaggoomee) jabummaa isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennine, Akka kanatti toltuu hojjattootaaf galata galchina.

See all translations of this verse →

وَرَٰوَدَتْهُ ٱلَّتِى هُوَ فِى بَيْتِهَا عَن نَّفْسِهِۦ وَغَلَّقَتِ ٱلْأَبْوَٰبَ وَقَالَتْ هَيْتَ لَكَ قَالَ مَعَاذَ ٱللَّهِ إِنَّهُۥ رَبِّىٓ أَحْسَنَ مَثْوَاىَ إِنَّهُۥ لَا يُفْلِحُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen inni mana ishee keessa jiru (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabalte, Hulaalee ni cuccufte, nijette siif qophaa’eeraa kottu, nijedhe Ani Rabbitti maganfadha! Inni (dhiirsi kee) gooftaa kiyya; jireenya koo naaf tolchee jira, Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu”.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ هَمَّتْ بِهِۦ وَهَمَّ بِهَا لَوْلَآ أَن رَّءَا بُرْهَٰنَ رَبِّهِۦ كَذَٰلِكَ لِنَصْرِفَ عَنْهُ ٱلسُّوٓءَ وَٱلْفَحْشَآءَ إِنَّهُۥ مِنْ عِبَادِنَا ٱلْمُخْلَصِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isheen isatti yaadde, innis isheetti yaade, Odoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee. Akka kanatti hamtuufi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiifne). Dhugumatti, inni gabroota keenya qulqulleeffamoo irraayyi.

See all translations of this verse →

وَٱسْتَبَقَا ٱلْبَابَ وَقَدَّتْ قَمِيصَهُۥ مِن دُبُرٍ وَأَلْفَيَا سَيِّدَهَا لَدَا ٱلْبَابِ قَالَتْ مَا جَزَآءُ مَنْ أَرَادَ بِأَهْلِكَ سُوٓءًا إِلَّآ أَن يُسْجَنَ أَوْ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan lamaan) gara balbalaa wal dorgoman, Isheen qamiisa isaa gara duubatiin dhoofte, Lamaanuu balbala biratti gooftaa (dhirsa) ishee argan, Isheen ni jette: “galanni nama warra (niitii) keetti hamtuu yaadee hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee hin taane.”

See all translations of this verse →

قَالَ هِىَ رَٰوَدَتْنِى عَن نَّفْسِى وَشَهِدَ شَاهِدٌ مِّنْ أَهْلِهَآ إِن كَانَ قَمِيصُهُۥ قُدَّ مِن قُبُلٍ فَصَدَقَتْ وَهُوَ مِنَ ٱلْكَٰذِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Yuusuf) ni jedhe: “Isheetu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu kiyya irra na barbaadde, Ragaa ba’aan maatii ishee irraa ta’e tokkos (akkana jechuun) ragaa ba’e: “Yoo qamiisni isaa gara duraatiin baqaqfame, isheen dhugaa jettee inni kijibdoota irraayi.

See all translations of this verse →

وَإِن كَانَ قَمِيصُهُۥ قُدَّ مِن دُبُرٍ فَكَذَبَتْ وَهُوَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo qamiisni isaa gara duubaatiin baqaqfame, isheen ni sobdee inni dhugaa dubbattoota irraayi.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا رَءَا قَمِيصَهُۥ قُدَّ مِن دُبُرٍ قَالَ إِنَّهُۥ مِن كَيْدِكُنَّ إِنَّ كَيْدَكُنَّ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma qamiisni isaa gara duubatiin kan baqaqfame ta’uu argu, (dhirsi ishee) ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun tooftaa keessan (dubartootaa) irraayyi. Dhugumatti, tooftaan keessan guddaadha.

See all translations of this verse →

يُوسُفُ أَعْرِضْ عَنْ هَٰذَا وَٱسْتَغْفِرِى لِذَنۢبِكِ إِنَّكِ كُنتِ مِنَ ٱلْخَاطِـِٔينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYuusuf kana irraa garagali. Ati (dubartittiin) immoo badii keetiif araarama kadhu. Dhugumatti, ati warreen dogoggoran irraa taatee jirta.”

See all translations of this verse →

وَقَالَ نِسْوَةٌ فِى ٱلْمَدِينَةِ ٱمْرَأَتُ ٱلْعَزِيزِ تُرَٰوِدُ فَتَىٰهَا عَن نَّفْسِهِۦ قَدْ شَغَفَهَا حُبًّا إِنَّا لَنَرَىٰهَا فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDubartoonni magaalattii keessa jiranis ni jedhan: “Niitiin mootichaa gabra ishee (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabalti, Jaalalli isaas onnee ishee seenee jira. Dhugumatti, nuti jallina ifa ta’e keessatti ishee agarra.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا سَمِعَتْ بِمَكْرِهِنَّ أَرْسَلَتْ إِلَيْهِنَّ وَأَعْتَدَتْ لَهُنَّ مُتَّكَـًٔا وَءَاتَتْ كُلَّ وَٰحِدَةٍ مِّنْهُنَّ سِكِّينًا وَقَالَتِ ٱخْرُجْ عَلَيْهِنَّ فَلَمَّا رَأَيْنَهُۥٓ أَكْبَرْنَهُۥ وَقَطَّعْنَ أَيْدِيَهُنَّ وَقُلْنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا هَٰذَا بَشَرًا إِنْ هَٰذَآ إِلَّا مَلَكٌ كَرِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma hamii isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergite, makaddaa (fiiNyaata) isaaniif qopheessite, Tokko tokkoon isaaniitiif hablee (billaa) ni kenitte. “Isaan irratti gadi bahi” jette, Yeroma isa argan isa dinqisiifatan Harkoowwan isaaniis mummuran, nijedhan “Rabbiin qulqulaa’ee, inni kun namaa miti, Inni kun maleykaa gaariidha malee waan biraatii miti”.

See all translations of this verse →

قَالَتْ فَذَٰلِكُنَّ ٱلَّذِى لُمْتُنَّنِى فِيهِ وَلَقَدْ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفْسِهِۦ فَٱسْتَعْصَمَ وَلَئِن لَّمْ يَفْعَلْ مَآ ءَامُرُهُۥ لَيُسْجَنَنَّ وَلَيَكُونًا مِّنَ ٱلصَّٰغِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isheenis) ni jette: “kun isa isin isa irratti na komattaniidha. Anatu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabbale, ni dide. Yoo inni waan ani isa ajaju dalaguu dide Dhugumatti ni hidhama; Salphattoota irraas ni ta’a”.

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ ٱلسِّجْنُ أَحَبُّ إِلَىَّ مِمَّا يَدْعُونَنِىٓ إِلَيْهِ وَإِلَّا تَصْرِفْ عَنِّى كَيْدَهُنَّ أَصْبُ إِلَيْهِنَّ وَأَكُن مِّنَ ٱلْجَٰهِلِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Inni] nijedhe “Gooftaa kiyya! Hidhaatu waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaalatamaadha. Yoo Ati tooftaa isaanii narraa deebifte malee, ani gara isaaniin daba; wallaaltota irraa ta’a”.

See all translations of this verse →

فَٱسْتَجَابَ لَهُۥ رَبُّهُۥ فَصَرَفَ عَنْهُ كَيْدَهُنَّ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan isaa isaaf awwaatee tooftaa isaanii isarraa deebise. Dhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu dhaga’aa, beekaadha.

See all translations of this verse →

ثُمَّ بَدَا لَهُم مِّنۢ بَعْدِ مَا رَأَوُا۟ ٱلْـَٔايَٰتِ لَيَسْجُنُنَّهُۥ حَتَّىٰ حِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborSana booda erga mallattoowwan (qulqullummaa isaa mul’isu) arganii, yeroo murtaa’eef isa hidhuutu isaaniif mul’ate.

See all translations of this verse →

وَدَخَلَ مَعَهُ ٱلسِّجْنَ فَتَيَانِ قَالَ أَحَدُهُمَآ إِنِّىٓ أَرَىٰنِىٓ أَعْصِرُ خَمْرًا وَقَالَ ٱلْـَٔاخَرُ إِنِّىٓ أَرَىٰنِىٓ أَحْمِلُ فَوْقَ رَأْسِى خُبْزًا تَأْكُلُ ٱلطَّيْرُ مِنْهُ نَبِّئْنَا بِتَأْوِيلِهِۦٓ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa waliin dargaggeessi lama mana hidhaa seenan. Tokkoon isaan lamaanii ni jedhe: “ani (abjuudhaan) kanin farsoo cuunfun of arge”. Inni biraa immoo ni jedhe: “ani mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhee kan allaattiin isa irraa nyaattun arge, hiika isaa nutti himi. Gaarii hojjattoota irraa ta’uu kee arginaa ”

See all translations of this verse →

قَالَ لَا يَأْتِيكُمَا طَعَامٌ تُرْزَقَانِهِۦٓ إِلَّا نَبَّأْتُكُمَا بِتَأْوِيلِهِۦ قَبْلَ أَن يَأْتِيَكُمَا ذَٰلِكُمَا مِمَّا عَلَّمَنِى رَبِّىٓ إِنِّى تَرَكْتُ مِلَّةَ قَوْمٍ لَّا يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَهُم بِٱلْـَٔاخِرَةِ هُمْ كَٰفِرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yuusuf) ni jedhe: “nyaanni isin isa nyaattan odoo inni isinitti hin dhufin dura hiika isaa isin lamaanitti himu malee isinitti hin dhufu; Kun wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyi. ani amantii (karaa) ummata Rabbitti hin amannee dhiise. isaan Aakiraatti kaafiroota.

See all translations of this verse →

وَٱتَّبَعْتُ مِلَّةَ ءَابَآءِىٓ إِبْرَٰهِيمَ وَإِسْحَٰقَ وَيَعْقُوبَ مَا كَانَ لَنَآ أَن نُّشْرِكَ بِٱللَّهِ مِن شَىْءٍ ذَٰلِكَ مِن فَضْلِ ٱللَّهِ عَلَيْنَا وَعَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAmantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeera. Waan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taane. Kuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irratti tahe. Garuu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu.

See all translations of this verse →

يَٰصَٰحِبَىِ ٱلسِّجْنِ ءَأَرْبَابٌ مُّتَفَرِّقُونَ خَيْرٌ أَمِ ٱللَّهُ ٱلْوَٰحِدُ ٱلْقَهَّارُ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa (baay’ee) moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala?

See all translations of this verse →

مَا تَعْبُدُونَ مِن دُونِهِۦٓ إِلَّآ أَسْمَآءً سَمَّيْتُمُوهَآ أَنتُمْ وَءَابَآؤُكُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلْطَٰنٍ إِنِ ٱلْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ أَمَرَ أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّآ إِيَّاهُ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanu. Rabbiin ishee (gabbaruu) tti ragaa tokkos hin buufne; murtiin Rabbiif malee eenyuufuu hintaane. Isa malee akka hin gabbarre ajajeera. Kun amantii gadi dhaabbataadha. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.

See all translations of this verse →

يَٰصَٰحِبَىِ ٱلسِّجْنِ أَمَّآ أَحَدُكُمَا فَيَسْقِى رَبَّهُۥ خَمْرًا وَأَمَّا ٱلْـَٔاخَرُ فَيُصْلَبُ فَتَأْكُلُ ٱلطَّيْرُ مِن رَّأْسِهِۦ قُضِىَ ٱلْأَمْرُ ٱلَّذِى فِيهِ تَسْتَفْتِيَانِ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasa, Inni biraa immoo fannifameeti allaattiin mataa isaa irraa nyaatti, Dhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.”

See all translations of this verse →

وَقَالَ لِلَّذِى ظَنَّ أَنَّهُۥ نَاجٍ مِّنْهُمَا ٱذْكُرْنِى عِندَ رَبِّكَ فَأَنسَىٰهُ ٱلشَّيْطَٰنُ ذِكْرَ رَبِّهِۦ فَلَبِثَ فِى ٱلسِّجْنِ بِضْعَ سِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIssaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheen, Gooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiise, Waggaa muraasa mana hidhaa keessa ture.{1}

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلْمَلِكُ إِنِّىٓ أَرَىٰ سَبْعَ بَقَرَٰتٍ سِمَانٍ يَأْكُلُهُنَّ سَبْعٌ عِجَافٌ وَسَبْعَ سُنۢبُلَٰتٍ خُضْرٍ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٍ يَٰٓأَيُّهَا ٱلْمَلَأُ أَفْتُونِى فِى رُءْيَٰىَ إِن كُنتُمْ لِلرُّءْيَا تَعْبُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMootichis ni jedhe: “Dhugumatti, ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeera. Yaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa”.

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَضْغَٰثُ أَحْلَٰمٍ وَمَا نَحْنُ بِتَأْوِيلِ ٱلْأَحْلَٰمِ بِعَٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“(Kuni) bursusa (yaacoo) manaamaati. Nutis hiika bursusaa beektota hin taane” jedhan.

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلَّذِى نَجَا مِنْهُمَا وَٱدَّكَرَ بَعْدَ أُمَّةٍ أَنَا۠ أُنَبِّئُكُم بِتَأْوِيلِهِۦ فَأَرْسِلُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborInni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” (Gara Yuusuf ni deeme).

See all translations of this verse →

يُوسُفُ أَيُّهَا ٱلصِّدِّيقُ أَفْتِنَا فِى سَبْعِ بَقَرَٰتٍ سِمَانٍ يَأْكُلُهُنَّ سَبْعٌ عِجَافٌ وَسَبْعِ سُنۢبُلَٰتٍ خُضْرٍ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٍ لَّعَلِّىٓ أَرْجِعُ إِلَى ٱلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara ummataa deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi.

See all translations of this verse →

قَالَ تَزْرَعُونَ سَبْعَ سِنِينَ دَأَبًا فَمَا حَصَدتُّمْ فَذَرُوهُ فِى سُنۢبُلِهِۦٓ إِلَّا قَلِيلًا مِّمَّا تَأْكُلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattu. waan oomishtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa Xiqqoo waan irraa nyaattan malee.

See all translations of this verse →

ثُمَّ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِ ذَٰلِكَ سَبْعٌ شِدَادٌ يَأْكُلْنَ مَا قَدَّمْتُمْ لَهُنَّ إِلَّا قَلِيلًا مِّمَّا تُحْصِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii san booda, waggoota rakkinaa torbatu dhufa waan isin isaaniif keessan hunda kan nyaatanu, xiqqoo waan kuuftanii malee.

See all translations of this verse →

ثُمَّ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِ ذَٰلِكَ عَامٌ فِيهِ يُغَاثُ ٱلنَّاسُ وَفِيهِ يَعْصِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii sana booda waggaa isa keessa ummanni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.”

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلْمَلِكُ ٱئْتُونِى بِهِۦ فَلَمَّا جَآءَهُ ٱلرَّسُولُ قَالَ ٱرْجِعْ إِلَىٰ رَبِّكَ فَسْـَٔلْهُ مَا بَالُ ٱلنِّسْوَةِ ٱلَّٰتِى قَطَّعْنَ أَيْدِيَهُنَّ إِنَّ رَبِّى بِكَيْدِهِنَّ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborMootichis Isa natti fidaa jedhe. Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii mummuranii maali’ (jedhii) isa gaafadhu. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaanii beekaadha.” {1}

See all translations of this verse →

قَالَ مَا خَطْبُكُنَّ إِذْ رَٰوَدتُّنَّ يُوسُفَ عَن نَّفْسِهِۦ قُلْنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا عَلِمْنَا عَلَيْهِ مِن سُوٓءٍ قَالَتِ ٱمْرَأَتُ ٱلْعَزِيزِ ٱلْـَٰٔنَ حَصْحَصَ ٱلْحَقُّ أَنَا۠ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفْسِهِۦ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (qunn-amtii saalaatiif) lubbuu isaa irra isa abaabbaltan haalli keessan maal ture” jedheen. (Dubartoonni) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu”. Niitiin mootichaa nijette “Amma dhugaan ifa ta’eera, Anatu (qunnamtii saalaatiif)lubbuu isaa isa abaabbale, Dhugumatti, inni warreen dhugaa dubbatan irraayyi”.{2}

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ لِيَعْلَمَ أَنِّى لَمْ أَخُنْهُ بِٱلْغَيْبِ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَا يَهْدِى كَيْدَ ٱلْخَآئِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganin akka beekuufi, Rabbiin tooftaa gantootaa hinqajeelchu”

See all translations of this verse →

وَمَآ أُبَرِّئُ نَفْسِىٓ إِنَّ ٱلنَّفْسَ لَأَمَّارَةٌۢ بِٱلسُّوٓءِ إِلَّا مَا رَحِمَ رَبِّىٓ إِنَّ رَبِّى غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor“Lubbuu tiyyas hin qulqulleessu, Dhugumatti, lubbuun hamtuutti ajajjuudha nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.”

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱلْمَلِكُ ٱئْتُونِى بِهِۦٓ أَسْتَخْلِصْهُ لِنَفْسِى فَلَمَّا كَلَّمَهُۥ قَالَ إِنَّكَ ٱلْيَوْمَ لَدَيْنَا مَكِينٌ أَمِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborMootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa dhuunfadhaa isaan natti kottaa. Yeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen. {3}

See all translations of this verse →

قَالَ ٱجْعَلْنِى عَلَىٰ خَزَآئِنِ ٱلْأَرْضِ إِنِّى حَفِيظٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yuusufis) “kuusaa dachii irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِى ٱلْأَرْضِ يَتَبَوَّأُ مِنْهَا حَيْثُ يَشَآءُ نُصِيبُ بِرَحْمَتِنَا مَن نَّشَآءُ وَلَا نُضِيعُ أَجْرَ ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka kanatti Yuusufiif dachii keessatti mijjeessine, ishee irraa bakka fedhe kan qubatu ta’ee. Rahmata keenyaan nama feene tuqna. Mindaa warreen toltuu hojjataniis hin balleessinu.

See all translations of this verse →

وَلَأَجْرُ ٱلْـَٔاخِرَةِ خَيْرٌ لِّلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَكَانُوا۟ يَتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaannan amananii (Rabbiin) sodaattota ta’aniif mindaa Aakiraatu caala.

See all translations of this verse →

وَجَآءَ إِخْوَةُ يُوسُفَ فَدَخَلُوا۟ عَلَيْهِ فَعَرَفَهُمْ وَهُمْ لَهُۥ مُنكِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborObboleeyyan Yuusuf gara isaa dhufanii isa irratti ol seenan, inni isaan beeke isaan isa wallaaloodha.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمْ قَالَ ٱئْتُونِى بِأَخٍ لَّكُم مِّنْ أَبِيكُمْ أَلَا تَرَوْنَ أَنِّىٓ أُوفِى ٱلْكَيْلَ وَأَنَا۠ خَيْرُ ٱلْمُنزِلِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma waan geggeessaa isaanii isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaa.sila safara guutuu koo hin argitanuu? ani caalaa keessummeessitootaati.

See all translations of this verse →

فَإِن لَّمْ تَأْتُونِى بِهِۦ فَلَا كَيْلَ لَكُمْ عِندِى وَلَا تَقْرَبُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiru, Nattis hin dhiyaatinaa.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ سَنُرَٰوِدُ عَنْهُ أَبَاهُ وَإِنَّا لَفَٰعِلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] nijedhan “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafanna, Dhugumatti, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.”

See all translations of this verse →

وَقَالَ لِفِتْيَٰنِهِ ٱجْعَلُوا۟ بِضَٰعَتَهُمْ فِى رِحَالِهِمْ لَعَلَّهُمْ يَعْرِفُونَهَآ إِذَا ٱنقَلَبُوٓا۟ إِلَىٰٓ أَهْلِهِمْ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGabroota isaatiin nijedhe “akka yeroo gara maatii isaanii deebi’an ishee beekanii deebi’aniif maallaqa isaanii fe’isa isaanii keessa kaa’aa”.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا رَجَعُوٓا۟ إِلَىٰٓ أَبِيهِمْ قَالُوا۟ يَٰٓأَبَانَا مُنِعَ مِنَّا ٱلْكَيْلُ فَأَرْسِلْ مَعَنَآ أَخَانَا نَكْتَلْ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! safarri (midhaanii) nurraa dhorgameera. Obboleessa Kenya nuu wajjiin ergi. Ni safaranna. Nuti dhugumatti isaaf tiksoodha”

See all translations of this verse →

قَالَ هَلْ ءَامَنُكُمْ عَلَيْهِ إِلَّا كَمَآ أَمِنتُكُمْ عَلَىٰٓ أَخِيهِ مِن قَبْلُ فَٱللَّهُ خَيْرٌ حَٰفِظًا وَهُوَ أَرْحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’aquub) ni jedhe: “Sila akkan duraan obboleessa isaa irratti isin amane malee isa irratti isin amanaa? Rabbiin eegaa ta’uutti caalaadha. Inni irra rahmata godhaa warreen rahmata godhaniiti.”

See all translations of this verse →

وَلَمَّا فَتَحُوا۟ مَتَٰعَهُمْ وَجَدُوا۟ بِضَٰعَتَهُمْ رُدَّتْ إِلَيْهِمْ قَالُوا۟ يَٰٓأَبَانَا مَا نَبْغِى هَٰذِهِۦ بِضَٰعَتُنَا رُدَّتْ إِلَيْنَا وَنَمِيرُ أَهْلَنَا وَنَحْفَظُ أَخَانَا وَنَزْدَادُ كَيْلَ بَعِيرٍ ذَٰلِكَ كَيْلٌ يَسِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu arganis ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamte. Maatii keenyaaf nishammadanna, Obboleessa keenyas ni tiksina, Fe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalanna, Kun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.”

See all translations of this verse →

قَالَ لَنْ أُرْسِلَهُۥ مَعَكُمْ حَتَّىٰ تُؤْتُونِ مَوْثِقًا مِّنَ ٱللَّهِ لَتَأْتُنَّنِى بِهِۦٓ إِلَّآ أَن يُحَاطَ بِكُمْ فَلَمَّآ ءَاتَوْهُ مَوْثِقَهُمْ قَالَ ٱللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’aquub) ni jedhe: “isa isin wajjiin hin ergu hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti, Yoo (diinaan) marfamtan malee .” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe.

See all translations of this verse →

وَقَالَ يَٰبَنِىَّ لَا تَدْخُلُوا۟ مِنۢ بَابٍ وَٰحِدٍ وَٱدْخُلُوا۟ مِنْ أَبْوَٰبٍ مُّتَفَرِّقَةٍ وَمَآ أُغْنِى عَنكُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن شَىْءٍ إِنِ ٱلْحُكْمُ إِلَّا لِلَّهِ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَعَلَيْهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُتَوَكِّلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaa, Balbaloota adda addaatiin seenaa, Ani (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsu, Dhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin malu. Isa (qofa) irratti hirkadhe, Hirkattoonni isuma (qofa) irratti haa hirkatani.”

See all translations of this verse →

وَلَمَّا دَخَلُوا۟ مِنْ حَيْثُ أَمَرَهُمْ أَبُوهُم مَّا كَانَ يُغْنِى عَنْهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن شَىْءٍ إِلَّا حَاجَةً فِى نَفْسِ يَعْقُوبَ قَضَىٰهَا وَإِنَّهُۥ لَذُو عِلْمٍ لِّمَا عَلَّمْنَٰهُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isaan akkaataa abbaan isaanii isaan ajajeen seenani, (murtii) Rabbii irraa homaa kan isaan duroomsu hin taane. Garuu dhimma lubbuu Ya’aquub keessa jiru ishee raawwateera. Dhugumatti inni waan isa barsiifne irratti abbaa beekumsaati. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا دَخَلُوا۟ عَلَىٰ يُوسُفَ ءَاوَىٰٓ إِلَيْهِ أَخَاهُ قَالَ إِنِّىٓ أَنَا۠ أَخُوكَ فَلَا تَبْتَئِسْ بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isaan Yuusuf irratti seenan obboleessa isaa (Ben-yaamiiniin) ofitti dhiheessee, “ani anatu obboleessa keetii, waan isaan kan hojjachatan tahanitti hin gaddin” jedhe.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمْ جَعَلَ ٱلسِّقَايَةَ فِى رَحْلِ أَخِيهِ ثُمَّ أَذَّنَ مُؤَذِّنٌ أَيَّتُهَا ٱلْعِيرُ إِنَّكُمْ لَسَٰرِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’e, Sana booda lallabaan ni lallabe “isin yaa daldaaltoota dhugumatti isin hattoota” (jedheen).

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ وَأَقْبَلُوا۟ عَلَيْهِم مَّاذَا تَفْقِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaanis, gara isaanii gara galuun, “Maal dhabdan?” jedhaniin.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ نَفْقِدُ صُوَاعَ ٱلْمَلِكِ وَلِمَن جَآءَ بِهِۦ حِمْلُ بَعِيرٍ وَأَنَا۠ بِهِۦ زَعِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideef (badhaasa) (midhaan) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jira. Ani kana irratti waadaa galaadha.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ تَٱللَّهِ لَقَدْ عَلِمْتُم مَّا جِئْنَا لِنُفْسِدَ فِى ٱلْأَرْضِ وَمَا كُنَّا سَٰرِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektaniittu, Nuti hattootas hin taane.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ فَمَا جَزَٰٓؤُهُۥٓ إِن كُنتُمْ كَٰذِبِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Yoo sobdoota taataniif adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ جَزَٰٓؤُهُۥ مَن وُجِدَ فِى رَحْلِهِۦ فَهُوَ جَزَٰٓؤُهُۥ كَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fuudhamuutu) adabbii isaati, Nuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.”

See all translations of this verse →

فَبَدَأَ بِأَوْعِيَتِهِمْ قَبْلَ وِعَآءِ أَخِيهِ ثُمَّ ٱسْتَخْرَجَهَا مِن وِعَآءِ أَخِيهِ كَذَٰلِكَ كِدْنَا لِيُوسُفَ مَا كَانَ لِيَأْخُذَ أَخَاهُ فِى دِينِ ٱلْمَلِكِ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ نَرْفَعُ دَرَجَٰتٍ مَّن نَّشَآءُ وَفَوْقَ كُلِّ ذِى عِلْمٍ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Sakkatta’uus) qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabe, eegasii meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baase. Akka kanatti Yuusufiif tooftaa baafne, obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turre Odoo Rabbiin Fedhuu baatee. Nama feene sadarkaalee hedduu ol fuuna. Abbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira.

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ إِن يَسْرِقْ فَقَدْ سَرَقَ أَخٌ لَّهُۥ مِن قَبْلُ فَأَسَرَّهَا يُوسُفُ فِى نَفْسِهِۦ وَلَمْ يُبْدِهَا لَهُمْ قَالَ أَنتُمْ شَرٌّ مَّكَانًا وَٱللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا تَصِفُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaanis (obboleeyyan Yuusufis) ni jedhan: “Yoo hates, obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee of keessa dhokse, Isaaniif ishee hin ibsine (Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedha. Rabbiin waan isin jettan irra beekaadha.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰٓأَيُّهَا ٱلْعَزِيزُ إِنَّ لَهُۥٓ أَبًا شَيْخًا كَبِيرًا فَخُذْ أَحَدَنَا مَكَانَهُۥٓ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! Dhugumatti, isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu jira. Kanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhu. Nuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.”

See all translations of this verse →

قَالَ مَعَاذَ ٱللَّهِ أَن نَّأْخُذَ إِلَّا مَن وَجَدْنَا مَتَٰعَنَا عِندَهُۥٓ إِنَّآ إِذًا لَّظَٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni ni jedhe: “Nuti nama meeshaa keenya isa biratti argine malee fudhachuu irraa Rabbitti maganfanna. Dhugumatti, nuti yeroo san miidhaa hojjattoota.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا ٱسْتَيْـَٔسُوا۟ مِنْهُ خَلَصُوا۟ نَجِيًّا قَالَ كَبِيرُهُمْ أَلَمْ تَعْلَمُوٓا۟ أَنَّ أَبَاكُمْ قَدْ أَخَذَ عَلَيْكُم مَّوْثِقًا مِّنَ ٱللَّهِ وَمِن قَبْلُ مَا فَرَّطتُمْ فِى يُوسُفَ فَلَنْ أَبْرَحَ ٱلْأَرْضَ حَتَّىٰ يَأْذَنَ لِىٓ أَبِىٓ أَوْ يَحْكُمَ ٱللَّهُ لِى وَهُوَ خَيْرُ ٱلْحَٰكِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isa irraa abdii muratan, kan maryatan ta’anii kophaa ba’an, Guddaan isaanii ni jedhe: “Sila dhugumatti abbaan keessan kakuu Rabbi irraa ta’e isin irratti qabachuufi kana duras Yuusuf irratti waan daangaa dabartan hin beektanuu? Kanaaf ani hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin (hanga) Rabbiin dhimma kana naaf murteessutti dachii kana gadi hin dhiisu. Inni irra caalaa murteessitootaati.

See all translations of this verse →

ٱرْجِعُوٓا۟ إِلَىٰٓ أَبِيكُمْ فَقُولُوا۟ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّ ٱبْنَكَ سَرَقَ وَمَا شَهِدْنَآ إِلَّا بِمَا عَلِمْنَا وَمَا كُنَّا لِلْغَيْبِ حَٰفِظِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara abbaa keessanii deebi’aatii jedhaanii: “Yaa abbaa keenya! ilmi kee ni hate, Nuti waan beekneen malee ragaa hin baane. Nuti waan fagoo tiksitoota hin taane.

See all translations of this verse →

وَسْـَٔلِ ٱلْقَرْيَةَ ٱلَّتِى كُنَّا فِيهَا وَٱلْعِيرَ ٱلَّتِىٓ أَقْبَلْنَا فِيهَا وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Namoota) magaalaa nuti ishee keessa turreefi daldaaltota nuti isaan wajjin dhufnes gaafadhu, Nuti dhugaa dubbatoodha.”

See all translations of this verse →

قَالَ بَلْ سَوَّلَتْ لَكُمْ أَنفُسُكُمْ أَمْرًا فَصَبْرٌ جَمِيلٌ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَأْتِيَنِى بِهِمْ جَمِيعًا إِنَّهُۥ هُوَ ٱلْعَلِيمُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’aquub) ni jedhe: “Lakkisaa; lubbuulee keessantu waan tokko isiniif midhaagsite (isa hojjattan); (Obsi koo) obsa bareedaadha, Rabbiin hunda isaan (sadeenuu) naaf deebisuun ni kajeelama. Inni Isumatu beekaa, ogeessa.”

See all translations of this verse →

وَتَوَلَّىٰ عَنْهُمْ وَقَالَ يَٰٓأَسَفَىٰ عَلَىٰ يُوسُفَ وَٱبْيَضَّتْ عَيْنَاهُ مِنَ ٱلْحُزْنِ فَهُوَ كَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan irraas gargalee “Yaa gadda kiyya! Yuusuf irratti” jedhe, gaddarraa irraa ijji isaa lamaanis addaatte; inni yaadaan guutamaadha.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ تَٱللَّهِ تَفْتَؤُا۟ تَذْكُرُ يُوسُفَ حَتَّىٰ تَكُونَ حَرَضًا أَوْ تَكُونَ مِنَ ٱلْهَٰلِكِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan “Rabbitti kakannee! ati hanga manguddoo dadhabaa taatutti yookiin warra du’an irraa taatutti Yuusufiin dubbachuu irraa hin deemtu!”.

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّمَآ أَشْكُوا۟ بَثِّى وَحُزْنِىٓ إِلَى ٱللَّهِ وَأَعْلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’aquub) ni jedhe: “Ani yaaddoofi gadda kiyyas Rabbuma qofattin himadha, Rabbirraa waan isin hin beeknen beeka.

See all translations of this verse →

يَٰبَنِىَّ ٱذْهَبُوا۟ فَتَحَسَّسُوا۟ مِن يُوسُفَ وَأَخِيهِ وَلَا تَا۟يْـَٔسُوا۟ مِن رَّوْحِ ٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَا يَا۟يْـَٔسُ مِن رَّوْحِ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلْقَوْمُ ٱلْكَٰفِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ilmaan kiyya! deemaa Yuusufiifi obboleessa isaa irraa odeeffadhaa. Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti rahmata Rabbii irraa eenyullee abdii hin kutu ummata kaafiroota malee.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا دَخَلُوا۟ عَلَيْهِ قَالُوا۟ يَٰٓأَيُّهَا ٱلْعَزِيزُ مَسَّنَا وَأَهْلَنَا ٱلضُّرُّ وَجِئْنَا بِبِضَٰعَةٍ مُّزْجَىٰةٍ فَأَوْفِ لَنَا ٱلْكَيْلَ وَتَصَدَّقْ عَلَيْنَآ إِنَّ ٱللَّهَ يَجْزِى ٱلْمُتَصَدِّقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma isa (Yuusuf) irratti seenan isaan jedhan Ati Yaa mootichaa! nuufi maatii keenyas rakkoon mudateera. Mallaqa tuffatamtuun dhufnee, safara nuuf guutii, nurrattiis sadaqadhu, Dhugumatti, Rabbiin warreen sadaqatan mindeessa.

See all translations of this verse →

قَالَ هَلْ عَلِمْتُم مَّا فَعَلْتُم بِيُوسُفَ وَأَخِيهِ إِذْ أَنتُمْ جَٰهِلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yuusuf) nijedhe “Sila waan Yuusufiifi obboleessa isaa irratti yeroo wallaaloo turtan hojjattan beektuu?”.

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَءِنَّكَ لَأَنتَ يُوسُفُ قَالَ أَنَا۠ يُوسُفُ وَهَٰذَآ أَخِى قَدْ مَنَّ ٱللَّهُ عَلَيْنَآ إِنَّهُۥ مَن يَتَّقِ وَيَصْبِرْ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] nijedhan “Sila dhugamatti ati sumaatu Yuusufii?”, [Inni] nijedhe “Ani Yuusufi; inni kunis obboleessa kiyya, Dhugumatti Rabbiin tola nutti ooleera. Dhugumatti, namni (Rabbiin) sodaateefi obse, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ تَٱللَّهِ لَقَدْ ءَاثَرَكَ ٱللَّهُ عَلَيْنَا وَإِن كُنَّا لَخَٰطِـِٔينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] nijedhan “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, Rabbiin nurra si filatee jira. Dhugumatti nuti dogoggortoota turre”.

See all translations of this verse →

قَالَ لَا تَثْرِيبَ عَلَيْكُمُ ٱلْيَوْمَ يَغْفِرُ ٱللَّهُ لَكُمْ وَهُوَ أَرْحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yuusufis) ni jedhe: “Har’a komiin isin irra hin jiru; Rabbiin isiniif araarama. Inni irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti.

See all translations of this verse →

ٱذْهَبُوا۟ بِقَمِيصِى هَٰذَا فَأَلْقُوهُ عَلَىٰ وَجْهِ أَبِى يَأْتِ بَصِيرًا وَأْتُونِى بِأَهْلِكُمْ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborQamisii kiyya kanaan deemaatii fuula abbaa kiyyaa irratti darbaa. [Inni] argaa ta’ee dhufa, Maatiiwwan keessan hundaan natti kottaa.”

See all translations of this verse →

وَلَمَّا فَصَلَتِ ٱلْعِيرُ قَالَ أَبُوهُمْ إِنِّى لَأَجِدُ رِيحَ يُوسُفَ لَوْلَآ أَن تُفَنِّدُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma daldaltoonni (Misraan) gadi dhiiftee (gara galaa deemte), abbaan isaanii nijedhe “ani foolii yuusufin argaa, Odoo isin totorra’aatti na yaaduu dhabdanii ”.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ تَٱللَّهِ إِنَّكَ لَفِى ضَلَٰلِكَ ٱلْقَدِيمِ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, ati jallinuma kee kan durii keessa jirta” jedhan.

See all translations of this verse →

فَلَمَّآ أَن جَآءَ ٱلْبَشِيرُ أَلْقَىٰهُ عَلَىٰ وَجْهِهِۦ فَٱرْتَدَّ بَصِيرًا قَالَ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ إِنِّىٓ أَعْلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGammachiisaan Yeroma dhufu fuula isaa (Ya’aquub) irratti isa darbe. Innis kan argu ta’e (ijji nibanamteef) “Ani Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka isiniin hin jennee?” jedhe.

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰٓأَبَانَا ٱسْتَغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَآ إِنَّا كُنَّا خَٰطِـِٔينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] “Yaa abbaa keenya! (Rabbiin) araarama nuuf kadhu badiilee keenyaaf. nuti dogoggortoota taanee jirraa” jedhan.

See all translations of this verse →

قَالَ سَوْفَ أَسْتَغْفِرُ لَكُمْ رَبِّىٓ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلْغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ya’aquubis) “Ani fuul-duratti Gooftaa kiyya araarama isiniifin kadha. Inni Isatu araaramaa, rahmata godhaadha” jedhe.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا دَخَلُوا۟ عَلَىٰ يُوسُفَ ءَاوَىٰٓ إِلَيْهِ أَبَوَيْهِ وَقَالَ ٱدْخُلُوا۟ مِصْرَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii yeroo Yuusufiin bira seenan, haadhaafi abbaa isaa gara ofiitti qubsiise, nijedhe “Yoo Rabbiin fedhe nagayaan Misraan seenaa”

See all translations of this verse →

وَرَفَعَ أَبَوَيْهِ عَلَى ٱلْعَرْشِ وَخَرُّوا۟ لَهُۥ سُجَّدًا وَقَالَ يَٰٓأَبَتِ هَٰذَا تَأْوِيلُ رُءْيَٰىَ مِن قَبْلُ قَدْ جَعَلَهَا رَبِّى حَقًّا وَقَدْ أَحْسَنَ بِىٓ إِذْ أَخْرَجَنِى مِنَ ٱلسِّجْنِ وَجَآءَ بِكُم مِّنَ ٱلْبَدْوِ مِنۢ بَعْدِ أَن نَّزَغَ ٱلشَّيْطَٰنُ بَيْنِى وَبَيْنَ إِخْوَتِىٓ إِنَّ رَبِّى لَطِيفٌ لِّمَا يَشَآءُ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلْعَلِيمُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborAbbaafi haadha isaa siree irratti ol fuudhe, Isaan sujuuda isaaf bu’an, [Inni] ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! kun hiika manaama kiyyaa kan duraaniiti. Gooftaan kiyya dhugaa ishee taasiseera. Gooftaan kiyya tola natti oolee jira. yeroo mana hidhaa irraa na baasee, isin baadiyaa irraa isinfidhe, Erga shayxaanni anaafi obboleeyyan kiyya gidduutti diinummaa uumee booda, Dhugumatti, Gooftaan kiyya nama fedheef mararfataadha, Inni Isa qofatu beekaa, ogeessa.

See all translations of this verse →

رَبِّ قَدْ ءَاتَيْتَنِى مِنَ ٱلْمُلْكِ وَعَلَّمْتَنِى مِن تَأْوِيلِ ٱلْأَحَادِيثِ فَاطِرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ أَنتَ وَلِىِّۦ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ تَوَفَّنِى مُسْلِمًا وَأَلْحِقْنِى بِٱلصَّٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa kiyya! dhugumatti mootummaa irraa naaf kennitee jirta, Hiika manaamotaa irraas na barsiiftee jirta, (Yaa) Uumaa samiifi dachii! Ati Duuniyaafi Aakhiraattis gargaaraa kiyya. Muslima taasisii na ajjeesii, Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.”

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ مِنْ أَنۢبَآءِ ٱلْغَيْبِ نُوحِيهِ إِلَيْكَ وَمَا كُنتَ لَدَيْهِمْ إِذْ أَجْمَعُوٓا۟ أَمْرَهُمْ وَهُمْ يَمْكُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun oduulee fagoo irraayyi, Gara keetti isa beeksifna, ati isaan bira hin turre Yeroo isaan kan (Yuusufitti) shira baasan ta’anii dhimma isaanii waliin qindeessan.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَكْثَرُ ٱلنَّاسِ وَلَوْ حَرَصْتَ بِمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIrra hedduun namootaa (amanuu isaaniitiif) odoo bololtees kan amananii miti.

See all translations of this verse →

وَمَا تَسْـَٔلُهُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAti isa irratti mindaa wahii isaan hin gaafattu, Inni (Qur’aanni) aalamaaf gorsa malee waan biraatii miti.

See all translations of this verse →

وَكَأَيِّن مِّنْ ءَايَةٍ فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يَمُرُّونَ عَلَيْهَا وَهُمْ عَنْهَا مُعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSamiileefi dachii keessa mallattoo kan isaan ishee irraa gara galan ta’anii ishee irra taran heddutu jira.

See all translations of this verse →

وَمَا يُؤْمِنُ أَكْثَرُهُم بِٱللَّهِ إِلَّا وَهُم مُّشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIrra hedduun isaaniis qindeessitoota ta’anii malee Rabbitti hin amananu.

See all translations of this verse →

أَفَأَمِنُوٓا۟ أَن تَأْتِيَهُمْ غَٰشِيَةٌ مِّنْ عَذَابِ ٱللَّهِ أَوْ تَأْتِيَهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila tasa haala isaan hin beekneen Rabbi irraa haguugduun adabbii Rabbii irraa taate isaanitti dhufuu yookiin Qiyaamaan isaanitti dhufuu of amanuu?

See all translations of this verse →

قُلْ هَٰذِهِۦ سَبِيلِىٓ أَدْعُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ عَلَىٰ بَصِيرَةٍ أَنَا۠ وَمَنِ ٱتَّبَعَنِى وَسُبْحَٰنَ ٱللَّهِ وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلْمُشْرِكِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Kun karaa kiyya Aniifi namni na hordofes beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waama. Rabbiin qulqullaa’e Ani Mushrikoota irraayyii miti” jedhi.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ إِلَّا رِجَالًا نُّوحِىٓ إِلَيْهِم مِّنْ أَهْلِ ٱلْقُرَىٰٓ أَفَلَمْ يَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَيَنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ وَلَدَارُ ٱلْـَٔاخِرَةِ خَيْرٌ لِّلَّذِينَ ٱتَّقَوْا۟ أَفَلَا تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSi duras dhiirota warra gandaa irraa wahyii gara isaaniitti buufne malee hin ergine. Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Dhugumatti, isaan (Rabbiin) sodaataniif mana Aakhiraatu caala. Sila hin xiinxaltanuu?

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا ٱسْتَيْـَٔسَ ٱلرُّسُلُ وَظَنُّوٓا۟ أَنَّهُمْ قَدْ كُذِبُوا۟ جَآءَهُمْ نَصْرُنَا فَنُجِّىَ مَن نَّشَآءُ وَلَا يُرَدُّ بَأْسُنَا عَنِ ٱلْقَوْمِ ٱلْمُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma Ergamoonni abdii murataniifi dhugumatti kijibsiifamuu beekanitti tumsi keenya isaaniif dhufee namni feene baraarame. adabbiin keenyas ummata yakkamtoota irraa hin deebifamu.

See all translations of this verse →

لَقَدْ كَانَ فِى قَصَصِهِمْ عِبْرَةٌ لِّأُو۟لِى ٱلْأَلْبَٰبِ مَا كَانَ حَدِيثًا يُفْتَرَىٰ وَلَٰكِن تَصْدِيقَ ٱلَّذِى بَيْنَ يَدَيْهِ وَتَفْصِيلَ كُلِّ شَىْءٍ وَهُدًى وَرَحْمَةً لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira. Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeeffame hin taane. Garuu dhugoomsaa (kitaabban) isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif qajeelfamaafi rahmata.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70