قَالَ لَا يَأْتِيكُمَا طَعَامٌ تُرْزَقَانِهِۦٓ إِلَّا نَبَّأْتُكُمَا بِتَأْوِيلِهِۦ قَبْلَ أَن يَأْتِيَكُمَا ذَٰلِكُمَا مِمَّا عَلَّمَنِى رَبِّىٓ إِنِّى تَرَكْتُ مِلَّةَ قَوْمٍ لَّا يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَهُم بِٱلْـَٔاخِرَةِ هُمْ كَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor(Yuusuf) ni jedhe: “nyaanni isin isa nyaattan odoo inni isinitti hin dhufin dura hiika isaa isin lamaanitti himu malee isinitti hin dhufu; Kun wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyi. ani amantii (karaa) ummata Rabbitti hin amannee dhiise. isaan Aakiraatti kaafiroota.