وَقَالَ ٱلْمَلِكُ ٱئْتُونِى بِهِۦ فَلَمَّا جَآءَهُ ٱلرَّسُولُ قَالَ ٱرْجِعْ إِلَىٰ رَبِّكَ فَسْـَٔلْهُ مَا بَالُ ٱلنِّسْوَةِ ٱلَّٰتِى قَطَّعْنَ أَيْدِيَهُنَّ إِنَّ رَبِّى بِكَيْدِهِنَّ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborMootichis Isa natti fidaa jedhe. Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii mummuranii maali’ (jedhii) isa gaafadhu. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaanii beekaadha.” {1}