وَٱتَّبَعْتُ مِلَّةَ ءَابَآءِىٓ إِبْرَٰهِيمَ وَإِسْحَٰقَ وَيَعْقُوبَ مَا كَانَ لَنَآ أَن نُّشْرِكَ بِٱللَّهِ مِن شَىْءٍ ذَٰلِكَ مِن فَضْلِ ٱللَّهِ عَلَيْنَا وَعَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborAmantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeera. Waan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taane. Kuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irratti tahe. Garuu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu.