caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Hud هود

123 verses · Mecca · revelation order 52

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ الٓر كِتَٰبٌ أُحْكِمَتْ ءَايَٰتُهُۥ ثُمَّ فُصِّلَتْ مِن لَّدُنْ حَكِيمٍ خَبِيرٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAlif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi.

See all translations of this verse →

أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّا ٱللَّهَ إِنَّنِى لَكُم مِّنْهُ نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ

Oromo Translation - Gali Ababor“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha

See all translations of this verse →

وَأَنِ ٱسْتَغْفِرُوا۟ رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوٓا۟ إِلَيْهِ يُمَتِّعْكُم مَّتَٰعًا حَسَنًا إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّى وَيُؤْتِ كُلَّ ذِى فَضْلٍ فَضْلَهُۥ وَإِن تَوَلَّوْا۟ فَإِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ كَبِيرٍ

Oromo Translation - Gali Ababor“Gooftaa keessan araarama kadhadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa,qananii bareedaa isin qanansiisa, hanga beellama beekamaatti. Abbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte). Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.

See all translations of this verse →

إِلَى ٱللَّهِ مَرْجِعُكُمْ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDeebiin keessan gara Rabbiitti. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

See all translations of this verse →

أَلَآ إِنَّهُمْ يَثْنُونَ صُدُورَهُمْ لِيَسْتَخْفُوا۟ مِنْهُ أَلَا حِينَ يَسْتَغْشُونَ ثِيَابَهُمْ يَعْلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعْلِنُونَ إِنَّهُۥ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ

Oromo Translation - Gali AbaborDhagayaa! Dhugumatti, isaan Isa jalaa dhokachuuf qoma isaanii maru. Dhagayaa! yeroo isaan uffata isaanii haguuggatan, (Rabbiin) waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul'isanis ni beeka. Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.

See all translations of this verse →

وَمَا مِن دَآبَّةٍ فِى ٱلْأَرْضِ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِ رِزْقُهَا وَيَعْلَمُ مُسْتَقَرَّهَا وَمُسْتَوْدَعَهَا كُلٌّ فِى كِتَٰبٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborLubbu qabeeyyiin dachii keessatti tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee hin taane. Iddoo qubannoota isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira.

See all translations of this verse →

وَهُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ وَكَانَ عَرْشُهُۥ عَلَى ٱلْمَآءِ لِيَبْلُوَكُمْ أَيُّكُمْ أَحْسَنُ عَمَلًا وَلَئِن قُلْتَ إِنَّكُم مَّبْعُوثُونَ مِنۢ بَعْدِ ٱلْمَوْتِ لَيَقُولَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِنْ هَٰذَآ إِلَّا سِحْرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni (Rabbiin) Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumeedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyuu keessantu dalagaan isaa irra gaarii ta’uu isin qormaatuuf (isaan uume). Yoo ati “Dhugumatti isin du’a booda kaafamoodha” jetteen, isaan kafaran nijedhu “kun sihrii ifa ta’e malee waan biraatii miti”

See all translations of this verse →

وَلَئِنْ أَخَّرْنَا عَنْهُمُ ٱلْعَذَابَ إِلَىٰٓ أُمَّةٍ مَّعْدُودَةٍ لَّيَقُولُنَّ مَا يَحْبِسُهُۥٓ أَلَا يَوْمَ يَأْتِيهِمْ لَيْسَ مَصْرُوفًا عَنْهُمْ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAdabicha yoo hanga beellama lakkaawamaa ta’eetti isaan irraa tursiifne, “maaltu isa tursiise?” jedhu. Dhagayaa! guyyaa inni isaanitti dhufu isaan irraa deebifamaa miti. Wanti isaan ittiin qishinaa turan isaanitti bu'a.

See all translations of this verse →

وَلَئِنْ أَذَقْنَا ٱلْإِنسَٰنَ مِنَّا رَحْمَةً ثُمَّ نَزَعْنَٰهَا مِنْهُ إِنَّهُۥ لَيَـُٔوسٌ كَفُورٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii ishee isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara). Dhugumatti inni akkaan abdii murataa, akkaan kafaraadha.

See all translations of this verse →

وَلَئِنْ أَذَقْنَٰهُ نَعْمَآءَ بَعْدَ ضَرَّآءَ مَسَّتْهُ لَيَقُولَنَّ ذَهَبَ ٱلسَّيِّـَٔاتُ عَنِّىٓ إِنَّهُۥ لَفَرِحٌ فَخُورٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwan narraa deeme” jedha. Dhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha.

See all translations of this verse →

إِلَّا ٱلَّذِينَ صَبَرُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أُو۟لَٰٓئِكَ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGaruu isaannan obsaniifi toltuuwwan dalagan malee, warri sun araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.

See all translations of this verse →

فَلَعَلَّكَ تَارِكٌۢ بَعْضَ مَا يُوحَىٰٓ إِلَيْكَ وَضَآئِقٌۢ بِهِۦ صَدْرُكَ أَن يَقُولُوا۟ لَوْلَآ أُنزِلَ عَلَيْهِ كَنزٌ أَوْ جَآءَ مَعَهُۥ مَلَكٌ إِنَّمَآ أَنتَ نَذِيرٌ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ وَكِيلٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGarii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatama “Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha. Ati akeekkachiisaa qofa. Rabbiin wanta hunda irratti tiksaadha.

See all translations of this verse →

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُ قُلْ فَأْتُوا۟ بِعَشْرِ سُوَرٍ مِّثْلِهِۦ مُفْتَرَيَٰتٍ وَٱدْعُوا۟ مَنِ ٱسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? jedhiin "suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii,“yoo kan dhugaa dubbattan taatan.

See all translations of this verse →

فَإِلَّمْ يَسْتَجِيبُوا۟ لَكُمْ فَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّمَآ أُنزِلَ بِعِلْمِ ٱللَّهِ وَأَن لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَهَلْ أَنتُم مُّسْلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo isaan isiniif hin awwaatin, beekaa inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre. Sila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).

See all translations of this verse →

مَن كَانَ يُرِيدُ ٱلْحَيَوٰةَ ٱلدُّنْيَا وَزِينَتَهَا نُوَفِّ إِلَيْهِمْ أَعْمَٰلَهُمْ فِيهَا وَهُمْ فِيهَا لَا يُبْخَسُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaalee isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَيْسَ لَهُمْ فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ إِلَّا ٱلنَّارُ وَحَبِطَ مَا صَنَعُوا۟ فِيهَا وَبَٰطِلٌ مَّا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedha. Wanti isaan ishee keessatti dalaganis ni bade. Wanti isaan dalagaa turanis badaadha.

See all translations of this verse →

أَفَمَن كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّهِۦ وَيَتْلُوهُ شَاهِدٌ مِّنْهُ وَمِن قَبْلِهِۦ كِتَٰبُ مُوسَىٰٓ إِمَامًا وَرَحْمَةً أُو۟لَٰٓئِكَ يُؤْمِنُونَ بِهِۦ وَمَن يَكْفُرْ بِهِۦ مِنَ ٱلْأَحْزَابِ فَٱلنَّارُ مَوْعِدُهُۥ فَلَا تَكُ فِى مِرْيَةٍ مِّنْهُ إِنَّهُ ٱلْحَقُّ مِن رَّبِّكَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanu. Ahzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati. Isa irraa shakkii keessatti hin ta’in. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedha. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.

See all translations of this verse →

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أُو۟لَٰٓئِكَ يُعْرَضُونَ عَلَىٰ رَبِّهِمْ وَيَقُولُ ٱلْأَشْهَٰدُ هَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ كَذَبُوا۟ عَلَىٰ رَبِّهِمْ أَلَا لَعْنَةُ ٱللَّهِ عَلَى ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsa Rabbi irratti kijiba uume irra namni of miidhe eenyu? Warri sun Gooftaa isaanii irra fidamu. Ragoonni nijedhu “isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti sobaniidha”. Dhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبْغُونَهَا عِوَجًا وَهُم بِٱلْـَٔاخِرَةِ هُمْ كَٰفِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi dabiinsa ishees fedhaniidha. Isaan isaanumatu Aakhiraatti kafaroodha.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ لَمْ يَكُونُوا۟ مُعْجِزِينَ فِى ٱلْأَرْضِ وَمَا كَانَ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِنْ أَوْلِيَآءَ يُضَٰعَفُ لَهُمُ ٱلْعَذَابُ مَا كَانُوا۟ يَسْتَطِيعُونَ ٱلسَّمْعَ وَمَا كَانُوا۟ يُبْصِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turre. Rabbii alattis gargaaraan tokkolleen isaaniif hin taane. Adabichi dachaa isaaniif godhama. (Haqa) dhagahuu kan danda’an hin turre; kan arganis hin taane.

See all translations of this verse →

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri sun isaan lubbuulee isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa (kijibaan) uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.

See all translations of this verse →

لَا جَرَمَ أَنَّهُمْ فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ هُمُ ٱلْأَخْسَرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababorshakkiin hinjiru isaan Aakiraatti isaanumatu hoonga’oota.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَأَخْبَتُوٓا۟ إِلَىٰ رَبِّهِمْ أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ هُمْ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.

See all translations of this verse →

مَثَلُ ٱلْفَرِيقَيْنِ كَٱلْأَعْمَىٰ وَٱلْأَصَمِّ وَٱلْبَصِيرِ وَٱلسَّمِيعِ هَلْ يَسْتَوِيَانِ مَثَلًا أَفَلَا تَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaati. Sila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii?

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوْمِهِۦٓ إِنِّى لَكُمْ نَذِيرٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. (Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.

See all translations of this verse →

أَن لَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّا ٱللَّهَ إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ أَلِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha.”

See all translations of this verse →

فَقَالَ ٱلْمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن قَوْمِهِۦ مَا نَرَىٰكَ إِلَّا بَشَرًا مِّثْلَنَا وَمَا نَرَىٰكَ ٱتَّبَعَكَ إِلَّا ٱلَّذِينَ هُمْ أَرَاذِلُنَا بَادِىَ ٱلرَّأْىِ وَمَا نَرَىٰ لَكُمْ عَلَيْنَا مِن فَضْلٍۭ بَلْ نَظُنُّكُمْ كَٰذِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii nijedhan “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarru. Gadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarre. Isiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarre. Inumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” (jedhan).

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰقَوْمِ أَرَءَيْتُمْ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّى وَءَاتَىٰنِى رَحْمَةً مِّنْ عِندِهِۦ فَعُمِّيَتْ عَلَيْكُمْ أَنُلْزِمُكُمُوهَا وَأَنتُمْ لَهَا كَٰرِهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ لَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مَالًا إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِ وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِنَّهُم مُّلَٰقُوا۟ رَبِّهِمْ وَلَٰكِنِّىٓ أَرَىٰكُمْ قَوْمًا تَجْهَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbiin qofa irra jira. Ani ari’aa warra amananiitii miti. Dhugumatti, isaan Gooftaa isaanii qunnamoodha. Garuu ani ummata wallaalaa ta’uun isin arga.

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ مَن يَنصُرُنِى مِنَ ٱللَّهِ إِن طَرَدتُّهُمْ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! (adabbii) Rabbii jalaa eenyu na baraarsa? Yoo ani isaan ari’e. Sila hin gorfamtanuu?

See all translations of this verse →

وَلَآ أَقُولُ لَكُمْ عِندِى خَزَآئِنُ ٱللَّهِ وَلَآ أَعْلَمُ ٱلْغَيْبَ وَلَآ أَقُولُ إِنِّى مَلَكٌ وَلَآ أَقُولُ لِلَّذِينَ تَزْدَرِىٓ أَعْيُنُكُمْ لَن يُؤْتِيَهُمُ ٱللَّهُ خَيْرًا ٱللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا فِىٓ أَنفُسِهِمْ إِنِّىٓ إِذًا لَّمِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAni kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu. Gaybii (wanta fagoo) hin beeku. Ani maleeykaa dhas isiniin hin jedhu. Isaannan ijoonni keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhu. Rabbiin waan lubbuulee isaanii keessa jiru irra beekaadha. Yoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰنُوحُ قَدْ جَٰدَلْتَنَا فَأَكْثَرْتَ جِدَٰلَنَا فَأْتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor[Isaan] nijedhan “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirta. Mormiiwwan keenyas baay’essitee jirta. waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi, Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate”.

See all translations of this verse →

قَالَ إِنَّمَا يَأْتِيكُم بِهِ ٱللَّهُ إِن شَآءَ وَمَآ أَنتُم بِمُعْجِزِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhe "Isa kan isinitti fidu Rabbuma qofa Yoo fedhe. (ni ariifachiisa) Isin dadhabsiisoo hin taane”.

See all translations of this verse →

وَلَا يَنفَعُكُمْ نُصْحِىٓ إِنْ أَرَدتُّ أَنْ أَنصَحَ لَكُمْ إِن كَانَ ٱللَّهُ يُرِيدُ أَن يُغْوِيَكُمْ هُوَ رَبُّكُمْ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor“gorsi koo isin hin fayyadu Yoo an isin gorsuu fedhe, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e, Inni Gooftaa keessani, Garuma isaa qofa deebitu”(jedhe).

See all translations of this verse →

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُ قُلْ إِنِ ٱفْتَرَيْتُهُۥ فَعَلَىَّ إِجْرَامِى وَأَنَا۠ بَرِىٓءٌ مِّمَّا تُجْرِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu?. jedhi “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jira, Ani badii isin hojjattan irraa qulquulluudha”.

See all translations of this verse →

وَأُوحِىَ إِلَىٰ نُوحٍ أَنَّهُۥ لَن يُؤْمِنَ مِن قَوْمِكَ إِلَّا مَن قَدْ ءَامَنَ فَلَا تَبْتَئِسْ بِمَا كَانُوا۟ يَفْعَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Nuuhitti (akkana jechuun) beeksisa godhame: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu; Kanaaf waan isaan hojjatanitti hin gaddin.

See all translations of this verse →

وَٱصْنَعِ ٱلْفُلْكَ بِأَعْيُنِنَا وَوَحْيِنَا وَلَا تُخَٰطِبْنِى فِى ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓا۟ إِنَّهُم مُّغْرَقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDoonis laalchota (tika) keenyaafi beeysisa keenyaan hojjadhu. Warra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatin. isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”

See all translations of this verse →

وَيَصْنَعُ ٱلْفُلْكَ وَكُلَّمَا مَرَّ عَلَيْهِ مَلَأٌ مِّن قَوْمِهِۦ سَخِرُوا۟ مِنْهُ قَالَ إِن تَسْخَرُوا۟ مِنَّا فَإِنَّا نَسْخَرُ مِنكُمْ كَمَا تَسْخَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInnis (Nuuh) doonii hojjata (ture), Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinu. Innis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishnitanis nutis akkuma isin qishnitan isinitti qishinuuf jirra.

See all translations of this verse →

فَسَوْفَ تَعْلَمُونَ مَن يَأْتِيهِ عَذَابٌ يُخْزِيهِ وَيَحِلُّ عَلَيْهِ عَذَابٌ مُّقِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborBeekuuf jirtu Namni adabbiin isa salphisu itti dhufuufi adabbiin itti fufaan isa irra qubatu eenyu akka ta’e.

See all translations of this verse →

حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَمْرُنَا وَفَارَ ٱلتَّنُّورُ قُلْنَا ٱحْمِلْ فِيهَا مِن كُلٍّ زَوْجَيْنِ ٱثْنَيْنِ وَأَهْلَكَ إِلَّا مَن سَبَقَ عَلَيْهِ ٱلْقَوْلُ وَمَنْ ءَامَنَ وَمَآ ءَامَنَ مَعَهُۥٓ إِلَّا قَلِيلٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” isaan jenne, Isa waliin namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.

See all translations of this verse →

وَقَالَ ٱرْكَبُوا۟ فِيهَا بِسْمِ ٱللَّهِ مَجْر۪ىٰهَا وَمُرْسَىٰهَآ إِنَّ رَبِّى لَغَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhe ishee yaabbadhaa “Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een. Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَهِىَ تَجْرِى بِهِمْ فِى مَوْجٍ كَٱلْجِبَالِ وَنَادَىٰ نُوحٌ ٱبْنَهُۥ وَكَانَ فِى مَعْزِلٍ يَٰبُنَىَّ ٱرْكَب مَّعَنَا وَلَا تَكُن مَّعَ ٱلْكَٰفِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen danbalii akka gaarotaa keessa isaanin adeemti. Nuuh ilma isaa (doonittii irraa) fagoo ture niyaame “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhu, Warra kafaran wajjinis hin ta’in” jedheen.

See all translations of this verse →

قَالَ سَـَٔاوِىٓ إِلَىٰ جَبَلٍ يَعْصِمُنِى مِنَ ٱلْمَآءِ قَالَ لَا عَاصِمَ ٱلْيَوْمَ مِنْ أَمْرِ ٱللَّهِ إِلَّا مَن رَّحِمَ وَحَالَ بَيْنَهُمَا ٱلْمَوْجُ فَكَانَ مِنَ ٱلْمُغْرَقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ilmi isaa) ni jedhe: “Ani gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuh) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii jalaa nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee” . Danbaliin gidduu isaanii haguuge. Inni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e.

See all translations of this verse →

وَقِيلَ يَٰٓأَرْضُ ٱبْلَعِى مَآءَكِ وَيَٰسَمَآءُ أَقْلِعِى وَغِيضَ ٱلْمَآءُ وَقُضِىَ ٱلْأَمْرُ وَٱسْتَوَتْ عَلَى ٱلْجُودِىِّ وَقِيلَ بُعْدًا لِّلْقَوْمِ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhame: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi, Yaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaan xuuxamee hir’ate. Murtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatame. Isheen tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatte. Ni jedhame: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”

See all translations of this verse →

وَنَادَىٰ نُوحٌ رَّبَّهُۥ فَقَالَ رَبِّ إِنَّ ٱبْنِى مِنْ أَهْلِى وَإِنَّ وَعْدَكَ ٱلْحَقُّ وَأَنتَ أَحْكَمُ ٱلْحَٰكِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNuuh Gooftaa isaatti lallabee, nijedhe “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayi. Waadaan kee dhugaadha. Ati irra haqa murteessaa abbootii murtiiti”.

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰنُوحُ إِنَّهُۥ لَيْسَ مِنْ أَهْلِكَ إِنَّهُۥ عَمَلٌ غَيْرُ صَٰلِحٍ فَلَا تَسْـَٔلْنِ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِۦ عِلْمٌ إِنِّىٓ أَعِظُكَ أَن تَكُونَ مِنَ ٱلْجَٰهِلِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) nijedhe “Yaa Nuuh! dhugumatti, inni maatii kee irraa miti. Inni hojii gaarii hin ta’iniidha. waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatin. Ani akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa”.

See all translations of this verse →

قَالَ رَبِّ إِنِّىٓ أَعُوذُ بِكَ أَنْ أَسْـَٔلَكَ مَا لَيْسَ لِى بِهِۦ عِلْمٌ وَإِلَّا تَغْفِرْ لِى وَتَرْحَمْنِىٓ أَكُن مِّنَ ٱلْخَٰسِرِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Nuuh) nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadha. Yoo Ati naaf araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a”.

See all translations of this verse →

قِيلَ يَٰنُوحُ ٱهْبِطْ بِسَلَٰمٍ مِّنَّا وَبَرَكَٰتٍ عَلَيْكَ وَعَلَىٰٓ أُمَمٍ مِّمَّن مَّعَكَ وَأُمَمٌ سَنُمَتِّعُهُمْ ثُمَّ يَمَسُّهُم مِّنَّا عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhame “Yaa Nuuh nageenyaa Nurraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) gadi bu’i. (Sanyii isaanii irraas) ummata yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin laalesaan isaan tuqutu jira”.

See all translations of this verse →

تِلْكَ مِنْ أَنۢبَآءِ ٱلْغَيْبِ نُوحِيهَآ إِلَيْكَ مَا كُنتَ تَعْلَمُهَآ أَنتَ وَلَا قَوْمُكَ مِن قَبْلِ هَٰذَا فَٱصْبِرْ إِنَّ ٱلْعَٰقِبَةَ لِلْمُتَّقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen tun oduu fagoo kan gara keetti beeksisa goonu irraayi. Sis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee beektan hin turre. Obsi Dhugumatti, booddeen (gaariin) kan warra (Rabbiin) sodataniiti.

See all translations of this verse →

وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمْ هُودًا قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥٓ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا مُفْتَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Aadittis obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra). Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa. Gabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiru. Isin kijiba uumoo malee waa biraa hin taane.

See all translations of this verse →

يَٰقَوْمِ لَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ أَجْرًا إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَى ٱلَّذِى فَطَرَنِىٓ أَفَلَا تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taane. Sila isin hin xiinxaltanii?

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ ٱسْتَغْفِرُوا۟ رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوٓا۟ إِلَيْهِ يُرْسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيْكُم مِّدْرَارًا وَيَزِدْكُمْ قُوَّةً إِلَىٰ قُوَّتِكُمْ وَلَا تَتَوَلَّوْا۟ مُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isinirratti ergaa. Humna keessan irratti humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰهُودُ مَا جِئْتَنَا بِبَيِّنَةٍ وَمَا نَحْنُ بِتَارِكِىٓ ءَالِهَتِنَا عَن قَوْلِكَ وَمَا نَحْنُ لَكَ بِمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan “Yaa Huud! Ati ragaan nutti hin dhufne. Nuti jecha keetiif jennee gabbaramtoota keenya kan dhiifnu hin taane. Nuti siif amanoo miti”.

See all translations of this verse →

إِن نَّقُولُ إِلَّا ٱعْتَرَىٰكَ بَعْضُ ءَالِهَتِنَا بِسُوٓءٍ قَالَ إِنِّىٓ أُشْهِدُ ٱللَّهَ وَٱشْهَدُوٓا۟ أَنِّى بَرِىٓءٌ مِّمَّا تُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGarii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu. (Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa.

See all translations of this verse →

مِن دُونِهِۦ فَكِيدُونِى جَمِيعًا ثُمَّ لَا تُنظِرُونِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudha, Yoo dandeessan) shira natti baasaa haala huda taataniin; eegasii yeroo naaf hin kenninaa.

See all translations of this verse →

إِنِّى تَوَكَّلْتُ عَلَى ٱللَّهِ رَبِّى وَرَبِّكُم مَّا مِن دَآبَّةٍ إِلَّا هُوَ ءَاخِذٌۢ بِنَاصِيَتِهَآ إِنَّ رَبِّى عَلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAni Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheera. lubbu qabaan tokkos Inni sammuu isaa qabu malee hintaane. Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irra jira.

See all translations of this verse →

فَإِن تَوَلَّوْا۟ فَقَدْ أَبْلَغْتُكُم مَّآ أُرْسِلْتُ بِهِۦٓ إِلَيْكُمْ وَيَسْتَخْلِفُ رَبِّى قَوْمًا غَيْرَكُمْ وَلَا تَضُرُّونَهُۥ شَيْـًٔا إِنَّ رَبِّى عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ حَفِيظٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo gara galtan, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame isintti dhaqqabsiiseera, Gooftaan kiyyas ummata isin hin ta’in bakka buusa. Homaa Isa hin miitan. Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا جَآءَ أَمْرُنَا نَجَّيْنَا هُودًا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَعَهُۥ بِرَحْمَةٍ مِّنَّا وَنَجَّيْنَٰهُم مِّنْ عَذَابٍ غَلِيظٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ajajni keenya dhufe, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafne, adabbii cimaa ta’e irraa nagaa isaan baafne.

See all translations of this verse →

وَتِلْكَ عَادٌ جَحَدُوا۟ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمْ وَعَصَوْا۟ رُسُلَهُۥ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَمْرَ كُلِّ جَبَّارٍ عَنِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsheen sun (ummata) Aadi Mallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan.

See all translations of this verse →

وَأُتْبِعُوا۟ فِى هَٰذِهِ ٱلدُّنْيَا لَعْنَةً وَيَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ أَلَآ إِنَّ عَادًا كَفَرُوا۟ رَبَّهُمْ أَلَا بُعْدًا لِّعَادٍ قَوْمِ هُودٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAddunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma). Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiru. Dhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.

See all translations of this verse →

وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمْ صَٰلِحًا قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥ هُوَ أَنشَأَكُم مِّنَ ٱلْأَرْضِ وَٱسْتَعْمَرَكُمْ فِيهَا فَٱسْتَغْفِرُوهُ ثُمَّ تُوبُوٓا۟ إِلَيْهِ إِنَّ رَبِّى قَرِيبٌ مُّجِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra). Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Inni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihaataa, awwaataa dha.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰصَٰلِحُ قَدْ كُنتَ فِينَا مَرْجُوًّا قَبْلَ هَٰذَآ أَتَنْهَىٰنَآ أَن نَّعْبُدَ مَا يَعْبُدُ ءَابَآؤُنَا وَإِنَّنَا لَفِى شَكٍّ مِّمَّا تَدْعُونَآ إِلَيْهِ مُرِيبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turte. Sila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii keessatti jirra.

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰقَوْمِ أَرَءَيْتُمْ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّى وَءَاتَىٰنِى مِنْهُ رَحْمَةً فَمَن يَنصُرُنِى مِنَ ٱللَّهِ إِنْ عَصَيْتُهُۥ فَمَا تَزِيدُونَنِى غَيْرَ تَخْسِيرٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kenne, yoo ani Isatti dilaaye Rabbiin jalaa eenyutu na tumsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ هَٰذِهِۦ نَاقَةُ ٱللَّهِ لَكُمْ ءَايَةً فَذَرُوهَا تَأْكُلْ فِىٓ أَرْضِ ٱللَّهِ وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابٌ قَرِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! Isheen tun gaala Rabbiiti, isiniif mallattoodha. Dachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa. (Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”

See all translations of this verse →

فَعَقَرُوهَا فَقَالَ تَمَتَّعُوا۟ فِى دَارِكُمْ ثَلَٰثَةَ أَيَّامٍ ذَٰلِكَ وَعْدٌ غَيْرُ مَكْذُوبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee ni waraanan, Inni nijedhe “Manneen keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aa. Kun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha”.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَآءَ أَمْرُنَا نَجَّيْنَا صَٰلِحًا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَعَهُۥ بِرَحْمَةٍ مِّنَّا وَمِنْ خِزْىِ يَوْمِئِذٍ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلْقَوِىُّ ٱلْعَزِيزُ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma ajajni keenya dhufe, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine). Dhugumatti, Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.

See all translations of this verse →

وَأَخَذَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ ٱلصَّيْحَةُ فَأَصْبَحُوا۟ فِى دِيَٰرِهِمْ جَٰثِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabatee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) tahanii bariisifatan.

See all translations of this verse →

كَأَن لَّمْ يَغْنَوْا۟ فِيهَآ أَلَآ إِنَّ ثَمُودَا۟ كَفَرُوا۟ رَبَّهُمْ أَلَا بُعْدًا لِّثَمُودَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiru. Dhagayaa! fageenyi Samuudiif haa ta’u!

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ جَآءَتْ رُسُلُنَآ إِبْرَٰهِيمَ بِٱلْبُشْرَىٰ قَالُوا۟ سَلَٰمًا قَالَ سَلَٰمٌ فَمَا لَبِثَ أَن جَآءَ بِعِجْلٍ حَنِيذٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufan, nijedhan “nagaa (sirratti buufna)” Innis nijedhe “nagaan (isin irra haa jiraatu)”. Odoo hin turre jibicha waadamaan dhufe.

See all translations of this verse →

فَلَمَّا رَءَآ أَيْدِيَهُمْ لَا تَصِلُ إِلَيْهِ نَكِرَهُمْ وَأَوْجَسَ مِنْهُمْ خِيفَةً قَالُوا۟ لَا تَخَفْ إِنَّآ أُرْسِلْنَآ إِلَىٰ قَوْمِ لُوطٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma harkoowwan isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate, nijedhaniin “Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee”.

See all translations of this verse →

وَٱمْرَأَتُهُۥ قَآئِمَةٌ فَضَحِكَتْ فَبَشَّرْنَٰهَا بِإِسْحَٰقَ وَمِن وَرَآءِ إِسْحَٰقَ يَعْقُوبَ

Oromo Translation - Gali AbaborNiitiin isaa dhaabattuu taatee nikolfite, Nuti Isihaaqiin ishee gammachiifne, Isihaaq boodas Ya’aquubiin.

See all translations of this verse →

قَالَتْ يَٰوَيْلَتَىٰٓ ءَأَلِدُ وَأَنَا۠ عَجُوزٌ وَهَٰذَا بَعْلِى شَيْخًا إِنَّ هَٰذَا لَشَىْءٌ عَجِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, ta'e jiruu da'aa? dhirsi kiyya kunis dullachaa. Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”

See all translations of this verse →

قَالُوٓا۟ أَتَعْجَبِينَ مِنْ أَمْرِ ٱللَّهِ رَحْمَتُ ٱللَّهِ وَبَرَكَٰتُهُۥ عَلَيْكُمْ أَهْلَ ٱلْبَيْتِ إِنَّهُۥ حَمِيدٌ مَّجِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu;Yaa warra manichaa! Inni faarfamaa, guddaadha.”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا ذَهَبَ عَنْ إِبْرَٰهِيمَ ٱلرَّوْعُ وَجَآءَتْهُ ٱلْبُشْرَىٰ يُجَٰدِلُنَا فِى قَوْمِ لُوطٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, inni ummata Luux keessatti Nuun falmuu eegale.

See all translations of this verse →

إِنَّ إِبْرَٰهِيمَ لَحَلِيمٌ أَوَّٰهٌ مُّنِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Ibraahiim obsaa, Rabbitti booyaa, deebi’aadha.

See all translations of this verse →

يَٰٓإِبْرَٰهِيمُ أَعْرِضْ عَنْ هَٰذَآ إِنَّهُۥ قَدْ جَآءَ أَمْرُ رَبِّكَ وَإِنَّهُمْ ءَاتِيهِمْ عَذَابٌ غَيْرُ مَرْدُودٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara gali. Dhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jira. Isaan adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa.

See all translations of this verse →

وَلَمَّا جَآءَتْ رُسُلُنَا لُوطًا سِىٓءَ بِهِمْ وَضَاقَ بِهِمْ ذَرْعًا وَقَالَ هَٰذَا يَوْمٌ عَصِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniif dhiphate “Kun guyyaa hamaadha” jedhe.

See all translations of this verse →

وَجَآءَهُۥ قَوْمُهُۥ يُهْرَعُونَ إِلَيْهِ وَمِن قَبْلُ كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ قَالَ يَٰقَوْمِ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِى هُنَّ أَطْهَرُ لَكُمْ فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَلَا تُخْزُونِ فِى ضَيْفِىٓ أَلَيْسَ مِنكُمْ رَجُلٌ رَّشِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborUmmanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufan, Sana duras gocha fokkataa kan hojjatanu turan, (Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan)isaantu isiniif qulqulluudha. Rabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessatti na hin xiqqeessinaa. Sila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ لَقَدْ عَلِمْتَ مَا لَنَا فِى بَنَاتِكَ مِنْ حَقٍّ وَإِنَّكَ لَتَعْلَمُ مَا نُرِيدُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa dhimma hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu nibeekta.”

See all translations of this verse →

قَالَ لَوْ أَنَّ لِى بِكُمْ قُوَّةً أَوْ ءَاوِىٓ إِلَىٰ رُكْنٍ شَدِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara lammii jabduu hirkadhee (isinin adaba ture).”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰلُوطُ إِنَّا رُسُلُ رَبِّكَ لَن يَصِلُوٓا۟ إِلَيْكَ فَأَسْرِ بِأَهْلِكَ بِقِطْعٍ مِّنَ ٱلَّيْلِ وَلَا يَلْتَفِتْ مِنكُمْ أَحَدٌ إِلَّا ٱمْرَأَتَكَ إِنَّهُۥ مُصِيبُهَا مَآ أَصَابَهُمْ إِنَّ مَوْعِدَهُمُ ٱلصُّبْحُ أَلَيْسَ ٱلصُّبْحُ بِقَرِيبٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anu. Maatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemi, Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anne, Niitii tee malee. Dhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadha. Beellamni isaaniis bariidha. Sila bariin dhihoo mitii?”

See all translations of this verse →

فَلَمَّا جَآءَ أَمْرُنَا جَعَلْنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهَا حِجَارَةً مِّن سِجِّيلٍ مَّنضُودٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee, Ishee irratti dhagaa dhoqqee gubamaa irraa tahe wal hordofaa roobsifne.

See all translations of this verse →

مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ وَمَا هِىَ مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ بِبَعِيدٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine), Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.

See all translations of this verse →

وَإِلَىٰ مَدْيَنَ أَخَاهُمْ شُعَيْبًا قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥ وَلَا تَنقُصُوا۟ ٱلْمِكْيَالَ وَٱلْمِيزَانَ إِنِّىٓ أَرَىٰكُم بِخَيْرٍ وَإِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ مُّحِيطٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) nijedhe “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Safaraafi madaala hin hir’isinaa, Ani qabeenya keessattin isin argaara, Dhugumatti ani adabbii guyyaa marsaa ta’een isin irratti sodaadha.

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ أَوْفُوا۟ ٱلْمِكْيَالَ وَٱلْمِيزَانَ بِٱلْقِسْطِ وَلَا تَبْخَسُوا۟ ٱلنَّاسَ أَشْيَآءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا۟ فِى ٱلْأَرْضِ مُفْسِدِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! Safaraafi madaalas haqaan guutaa, Namoota jalaa wantoota isaanii hin hirdhisinaa; dachii keessattis balleessitoota taatanii badii hin facaasinaa.

See all translations of this verse →

بَقِيَّتُ ٱللَّهِ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ وَمَآ أَنَا۠ عَلَيْكُم بِحَفِيظٍ

Oromo Translation - Gali Ababorwaan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala;Yoo mu’uminoota taataniif, Ani isin irratti eegaa miti.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰشُعَيْبُ أَصَلَوٰتُكَ تَأْمُرُكَ أَن نَّتْرُكَ مَا يَعْبُدُ ءَابَآؤُنَآ أَوْ أَن نَّفْعَلَ فِىٓ أَمْوَٰلِنَا مَا نَشَٰٓؤُا۟ إِنَّكَ لَأَنتَ ٱلْحَلِيمُ ٱلرَّشِيدُ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhan: “Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu waan abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnu yookiin akka nuti qabeenya keenya irratti akka feene hin dalagne si ajajjii? Dhugumatti, ati simatu obsaa, qajeelaa dha!”

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰقَوْمِ أَرَءَيْتُمْ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّى وَرَزَقَنِى مِنْهُ رِزْقًا حَسَنًا وَمَآ أُرِيدُ أَنْ أُخَالِفَكُمْ إِلَىٰ مَآ أَنْهَىٰكُمْ عَنْهُ إِنْ أُرِيدُ إِلَّا ٱلْإِصْلَٰحَ مَا ٱسْتَطَعْتُ وَمَا تَوْفِيقِىٓ إِلَّا بِٱللَّهِ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَإِلَيْهِ أُنِيبُ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa), Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhu, Ani hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhu, Haqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taane, Isa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ لَا يَجْرِمَنَّكُمْ شِقَاقِىٓ أَن يُصِيبَكُم مِّثْلُ مَآ أَصَابَ قَوْمَ نُوحٍ أَوْ قَوْمَ هُودٍ أَوْ قَوْمَ صَٰلِحٍ وَمَا قَوْمُ لُوطٍ مِّنكُم بِبَعِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! ana faallessuun akka fakkaataa waan ummata Nuuh yookiin ummata Huud yookiin ummata Saalih tuqee isin tuquu irratti isin hin kaasne, Ummanni Luux isin irraa fagoo miti.

See all translations of this verse →

وَٱسْتَغْفِرُوا۟ رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوٓا۟ إِلَيْهِ إِنَّ رَبِّى رَحِيمٌ وَدُودٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaa keessan araarama kadhaa, Ergasii gara Isaa deebi’aa, Dhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaallataadha.”

See all translations of this verse →

قَالُوا۟ يَٰشُعَيْبُ مَا نَفْقَهُ كَثِيرًا مِّمَّا تَقُولُ وَإِنَّا لَنَرَىٰكَ فِينَا ضَعِيفًا وَلَوْلَا رَهْطُكَ لَرَجَمْنَٰكَ وَمَآ أَنتَ عَلَيْنَا بِعَزِيزٍ

Oromo Translation - Gali Ababornijedhan “Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu, Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina, Odoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turre, Ati nurratti jabaa miti”.

See all translations of this verse →

قَالَ يَٰقَوْمِ أَرَهْطِىٓ أَعَزُّ عَلَيْكُم مِّنَ ٱللَّهِ وَٱتَّخَذْتُمُوهُ وَرَآءَكُمْ ظِهْرِيًّا إِنَّ رَبِّى بِمَا تَعْمَلُونَ مُحِيطٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? Duuba keessan irraan gara dugdaa Isa gootan, Dhugumatti, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha.

See all translations of this verse →

وَيَٰقَوْمِ ٱعْمَلُوا۟ عَلَىٰ مَكَانَتِكُمْ إِنِّى عَٰمِلٌ سَوْفَ تَعْلَمُونَ مَن يَأْتِيهِ عَذَابٌ يُخْزِيهِ وَمَنْ هُوَ كَٰذِبٌ وَٱرْتَقِبُوٓا۟ إِنِّى مَعَكُمْ رَقِيبٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa ummata kiyya! Isin sadarkaa keessaniin hojjadhaa; Ani hojjataadha, Nama adabbiin isa xiqqeessu isatti dhufuufi nama isa kijibaa ta’e fuula dura beektu, Isin eegaa! Anis isin waliin eegaadha.”

See all translations of this verse →

وَلَمَّا جَآءَ أَمْرُنَا نَجَّيْنَا شُعَيْبًا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مَعَهُۥ بِرَحْمَةٍ مِّنَّا وَأَخَذَتِ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ ٱلصَّيْحَةُ فَأَصْبَحُوا۟ فِى دِيَٰرِهِمْ جَٰثِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatan iyyansi cimaan ni qabde, Manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan.

See all translations of this verse →

كَأَن لَّمْ يَغْنَوْا۟ فِيهَآ أَلَا بُعْدًا لِّمَدْيَنَ كَمَا بَعِدَتْ ثَمُودُ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلْطَٰنٍ مُّبِينٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Muusaa mallattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra.

See all translations of this verse →

إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَمَلَإِي۟هِۦ فَٱتَّبَعُوٓا۟ أَمْرَ فِرْعَوْنَ وَمَآ أَمْرُ فِرْعَوْنَ بِرَشِيدٍ

Oromo Translation - Gali AbaborGara Fir’awniifi qondaalota isaa (ergine), Ajaja Fir’awni hordofan, Ajajni Fir’awni sirrii miti.

See all translations of this verse →

يَقْدُمُ قَوْمَهُۥ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ فَأَوْرَدَهُمُ ٱلنَّارَ وَبِئْسَ ٱلْوِرْدُ ٱلْمَوْرُودُ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa, (Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate!

See all translations of this verse →

وَأُتْبِعُوا۟ فِى هَٰذِهِۦ لَعْنَةً وَيَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ بِئْسَ ٱلرِّفْدُ ٱلْمَرْفُودُ

Oromo Translation - Gali AbaborAddunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman, Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma), Badhaasni badhaafaman waa fokkate!

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ مِنْ أَنۢبَآءِ ٱلْقُرَىٰ نَقُصُّهُۥ عَلَيْكَ مِنْهَا قَآئِمٌ وَحَصِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessina, Ishee irraa dhaabbataafi haamamaatu jiru.

See all translations of this verse →

وَمَا ظَلَمْنَٰهُمْ وَلَٰكِن ظَلَمُوٓا۟ أَنفُسَهُمْ فَمَآ أَغْنَتْ عَنْهُمْ ءَالِهَتُهُمُ ٱلَّتِى يَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مِن شَىْءٍ لَّمَّا جَآءَ أَمْرُ رَبِّكَ وَمَا زَادُوهُمْ غَيْرَ تَتْبِيبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuulee isaanii miidhan. gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadne Yeroo ajajni Gooftaa keetii dhufu. Hoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe.

See all translations of this verse →

وَكَذَٰلِكَ أَخْذُ رَبِّكَ إِذَآ أَخَذَ ٱلْقُرَىٰ وَهِىَ ظَٰلِمَةٌ إِنَّ أَخْذَهُۥٓ أَلِيمٌ شَدِيدٌ

Oromo Translation - Gali Ababorakkuma kana Qabaan Gooftaa keetii yeroo magaalota miidhaa hojjattuu taate qabe, Dhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha.

See all translations of this verse →

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً لِّمَنْ خَافَ عَذَابَ ٱلْـَٔاخِرَةِ ذَٰلِكَ يَوْمٌ مَّجْمُوعٌ لَّهُ ٱلنَّاسُ وَذَٰلِكَ يَوْمٌ مَّشْهُودٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jira. Sun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; sun guyyaa dhufamaadhas.

See all translations of this verse →

وَمَا نُؤَخِّرُهُۥٓ إِلَّا لِأَجَلٍ مَّعْدُودٍ

Oromo Translation - Gali AbaborBeellama lakkaa’amaaf malee isa hin tursiifnu.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَأْتِ لَا تَكَلَّمُ نَفْسٌ إِلَّا بِإِذْنِهِۦ فَمِنْهُمْ شَقِىٌّ وَسَعِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin malee hin dubbattu. Isaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.

See all translations of this verse →

فَأَمَّا ٱلَّذِينَ شَقُوا۟ فَفِى ٱلنَّارِ لَهُمْ فِيهَا زَفِيرٌ وَشَهِيقٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan hoonga’an ibidda keessa ta’u, Ishee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif jira.

See all translations of this verse →

خَٰلِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلْأَرْضُ إِلَّا مَا شَآءَ رَبُّكَ إِنَّ رَبَّكَ فَعَّالٌ لِّمَا يُرِيدُ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu) Waan Gooftaan kee fedhe malee, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha.

See all translations of this verse →

وَأَمَّا ٱلَّذِينَ سُعِدُوا۟ فَفِى ٱلْجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا مَا دَامَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلْأَرْضُ إِلَّا مَا شَآءَ رَبُّكَ عَطَآءً غَيْرَ مَجْذُوذٍ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatu Waan hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu) waan Gooftaan kee fedhe malee. Kennaa addaan hin cinne (kennaman).

See all translations of this verse →

فَلَا تَكُ فِى مِرْيَةٍ مِّمَّا يَعْبُدُ هَٰٓؤُلَآءِ مَا يَعْبُدُونَ إِلَّا كَمَا يَعْبُدُ ءَابَآؤُهُم مِّن قَبْلُ وَإِنَّا لَمُوَفُّوهُمْ نَصِيبَهُمْ غَيْرَ مَنقُوصٍ

Oromo Translation - Gali Ababor(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin, (Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranu, Nuti qooda isaanii odoo hin hir'ifamne guunnee isaaniif kennina.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَٰبَ فَٱخْتُلِفَ فِيهِ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ لَقُضِىَ بَيْنَهُمْ وَإِنَّهُمْ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُ مُرِيبٍ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabame, Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama ture, Dhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.

See all translations of this verse →

وَإِنَّ كُلًّا لَّمَّا لَيُوَفِّيَنَّهُمْ رَبُّكَ أَعْمَٰلَهُمْ إِنَّهُۥ بِمَا يَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaa isaanii isaaniif guuta, Dhugumatti, Inni waan isaan dalagan beekaadha.

See all translations of this verse →

فَٱسْتَقِمْ كَمَآ أُمِرْتَ وَمَن تَابَ مَعَكَ وَلَا تَطْغَوْا۟ إِنَّهُۥ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan tawbatanis si waliin (gadi haa dhaabbatanii), Daangaas hin dabrinaa, Dhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha.

See all translations of this verse →

وَلَا تَرْكَنُوٓا۟ إِلَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ فَتَمَسَّكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِنْ أَوْلِيَآءَ ثُمَّ لَا تُنصَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa (Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqa፣ Rabbiin malees jaalallee biraa hin qabdan, Ergasii hin tumsamtanu.

See all translations of this verse →

وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ طَرَفَىِ ٱلنَّهَارِ وَزُلَفًا مِّنَ ٱلَّيْلِ إِنَّ ٱلْحَسَنَٰتِ يُذْهِبْنَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ ذَٰلِكَ ذِكْرَىٰ لِلذَّٰكِرِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborQaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabi, Toltuuwwan hamtuuwwan ni deemsisu, Kun warra gorfamaniif gorsa.

See all translations of this verse →

وَٱصْبِرْ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ ٱلْمُحْسِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborObsi! Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.

See all translations of this verse →

فَلَوْلَا كَانَ مِنَ ٱلْقُرُونِ مِن قَبْلِكُمْ أُو۟لُوا۟ بَقِيَّةٍ يَنْهَوْنَ عَنِ ٱلْفَسَادِ فِى ٱلْأَرْضِ إِلَّا قَلِيلًا مِّمَّنْ أَنجَيْنَا مِنْهُمْ وَٱتَّبَعَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوا۟ مَآ أُتْرِفُوا۟ فِيهِ وَكَانُوا۟ مُجْرِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri hanbaa gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? xiqqoo warra nuti nagaya baafnee malee. Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofee yakkamtoota irraa ta’an.

See all translations of this verse →

وَمَا كَانَ رَبُّكَ لِيُهْلِكَ ٱلْقُرَىٰ بِظُلْمٍ وَأَهْلُهَا مُصْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee magaalaa kamillee,miidhaan kaballeessu hintaane odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatu ta’anii jiranuu.

See all translations of this verse →

وَلَوْ شَآءَ رَبُّكَ لَجَعَلَ ٱلنَّاسَ أُمَّةً وَٰحِدَةً وَلَا يَزَالُونَ مُخْتَلِفِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGooftaan kee odoo fedhee, silaa nama hunda ummata tokko taasisa ture. Wal dhaboo ta’uu irraa hin deemanu.

See all translations of this verse →

إِلَّا مَن رَّحِمَ رَبُّكَ وَلِذَٰلِكَ خَلَقَهُمْ وَتَمَّتْ كَلِمَةُ رَبِّكَ لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ ٱلْجِنَّةِ وَٱلنَّاسِ أَجْمَعِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborNama Gooftaan kee rahmata godheef malee (waldhabuu irraa hin deman), Kanumaaf isaan uume. Jechi Gooftaa keetii guutamteetti “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta”.

See all translations of this verse →

وَكُلًّا نَّقُصُّ عَلَيْكَ مِنْ أَنۢبَآءِ ٱلرُّسُلِ مَا نُثَبِّتُ بِهِۦ فُؤَادَكَ وَجَآءَكَ فِى هَٰذِهِ ٱلْحَقُّ وَمَوْعِظَةٌ وَذِكْرَىٰ لِلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborOduulee ergamtootaa irraa waan ittiin onnee kee raggaasifnu hunda sirratti odeessina. Ishee kana keessatti dhugaa sitti dhufe, gorsaafi yaadachiifni mu’uminootaaf ta’e.

See all translations of this verse →

وَقُل لِّلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ ٱعْمَلُوا۟ عَلَىٰ مَكَانَتِكُمْ إِنَّا عَٰمِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan hin amanneeni jedhi: “sadarkaa keessaniin dalagaa, Nuti dalagoodha.

See all translations of this verse →

وَٱنتَظِرُوٓا۟ إِنَّا مُنتَظِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsinis eegaa! Nutis eegoodha.”

See all translations of this verse →

وَلِلَّهِ غَيْبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَإِلَيْهِ يُرْجَعُ ٱلْأَمْرُ كُلُّهُۥ فَٱعْبُدْهُ وَتَوَكَّلْ عَلَيْهِ وَمَا رَبُّكَ بِغَٰفِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIccitiin samiifi dachii keessaa kanuma Rabbiiti, Dhimmi hundi gara Isaatti deebifama, Isa gabbari, Isa irratti hirkadhu, Gooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70