وَجَآءُو عَلَىٰ قَمِيصِهِۦ بِدَمٍ كَذِبٍ قَالَ بَلْ سَوَّلَتْ لَكُمْ أَنفُسُكُمْ أَمْرًا فَصَبْرٌ جَمِيلٌ وَٱللَّهُ ٱلْمُسْتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborQamisa isaa irratti dhiiga sobaatiin dhufan, (Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuulee keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsite, (Obsi kiyya) obsa gaariidha, Waan isin jettan kana irratti gargaarsifatamaan Rabbi qofa.”