Home › Surahs › Surah Al-Jumu'a
Surah Al-Jumu'a الجمعة
11 verses · Medina · revelation order 110
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ ٱلْمَلِكِ ٱلْقُدُّوسِ ٱلْعَزِيزِ ٱلْحَكِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Wanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa Rabbi qulqulleessa. (inni) mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa.
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِى بَعَثَ فِى ٱلْأُمِّيِّـۧنَ رَسُولًا مِّنْهُمْ يَتْلُوا۟ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتِهِۦ وَيُزَكِّيهِمْ وَيُعَلِّمُهُمُ ٱلْكِتَٰبَ وَٱلْحِكْمَةَ وَإِن كَانُوا۟ مِن قَبْلُ لَفِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa ta'e ergeedha, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara'u, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedha. Isaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa ta'e keessa turan.
See all translations of this verse →
وَءَاخَرِينَ مِنْهُمْ لَمَّا يَلْحَقُوا۟ بِهِمْ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor (Ummata) biroos kan isaan irraa ta'anii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge) Inni injifataa ogeessa.
See all translations of this verse →
ذَٰلِكَ فَضْلُ ٱللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ ذُو ٱلْفَضْلِ ٱلْعَظِيمِ
Oromo Translation - Gali Ababor Kun tola Rabbiiti Isa abbaa fedheef kenna. Rabbiin abbaa tola guddaati.
See all translations of this verse →
مَثَلُ ٱلَّذِينَ حُمِّلُوا۟ ٱلتَّوْرَىٰةَ ثُمَّ لَمْ يَحْمِلُوهَا كَمَثَلِ ٱلْحِمَارِ يَحْمِلُ أَسْفَارًۢا بِئْسَ مَثَلُ ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isii hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuuti. Fakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan waa fokkatee! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
قُلْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ هَادُوٓا۟ إِن زَعَمْتُمْ أَنَّكُمْ أَوْلِيَآءُ لِلَّهِ مِن دُونِ ٱلنَّاسِ فَتَمَنَّوُا۟ ٱلْمَوْتَ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi "isin Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif du'a hawwaa".
See all translations of this verse →
وَلَا يَتَمَنَّوْنَهُۥٓ أَبَدًۢا بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor yoomuu isa hin hawwanu Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha. Rabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha.
See all translations of this verse →
قُلْ إِنَّ ٱلْمَوْتَ ٱلَّذِى تَفِرُّونَ مِنْهُ فَإِنَّهُۥ مُلَٰقِيكُمْ ثُمَّ تُرَدُّونَ إِلَىٰ عَٰلِمِ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Jedhi "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun inni isin argataadha. Ergasii gara beekaa fagoofi dhihoo ta'eetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima".
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نُودِىَ لِلصَّلَوٰةِ مِن يَوْمِ ٱلْجُمُعَةِ فَٱسْعَوْا۟ إِلَىٰ ذِكْرِ ٱللَّهِ وَذَرُوا۟ ٱلْبَيْعَ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa keessatti salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; gurgurtaa dhiisaa. kanatu isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.
See all translations of this verse →
فَإِذَا قُضِيَتِ ٱلصَّلَوٰةُ فَٱنتَشِرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ وَٱبْتَغُوا۟ مِن فَضْلِ ٱللَّهِ وَٱذْكُرُوا۟ ٱللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa faca'aa; tola Rabbii irraa barbaaddadhaa. baay'inaan Rabbiin faarsaa Akka milkooftaniif jecha.
See all translations of this verse →
وَإِذَا رَأَوْا۟ تِجَٰرَةً أَوْ لَهْوًا ٱنفَضُّوٓا۟ إِلَيْهَا وَتَرَكُوكَ قَآئِمًا قُلْ مَا عِندَ ٱللَّهِ خَيْرٌ مِّنَ ٱللَّهْوِ وَمِنَ ٱلتِّجَٰرَةِ وَٱللَّهُ خَيْرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo daldala yookiin tapha argan gara isaaniitti faffaca'u dhaabiitti si dhiisanii; Jedhiin "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caala. Rabbiin Irra caalaa arjootaati" jedhiin
See all translations of this verse →
← Surah As-Saff
Surah Al-Munaafiqoon →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.