caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Munaafiqoon المنافقون

11 verses · Medina · revelation order 104

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ إِذَا جَآءَكَ ٱلْمُنَٰفِقُونَ قَالُوا۟ نَشْهَدُ إِنَّكَ لَرَسُولُ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ إِنَّكَ لَرَسُولُهُۥ وَٱللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّ ٱلْمُنَٰفِقِينَ لَكَٰذِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMunaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhu. Dhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a.

See all translations of this verse →

ٱتَّخَذُوٓا۟ أَيْمَٰنَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ إِنَّهُمْ سَآءَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKakuulee isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaan wanti isaan dalagaa turan fokkate.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ ءَامَنُوا۟ ثُمَّ كَفَرُوا۟ فَطُبِعَ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَفْقَهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKun sababa isaan amananii ergasii kafaraniifi, onneewwan isaanii irratti cufame, isaan hin hubatan.

See all translations of this verse →

وَإِذَا رَأَيْتَهُمْ تُعْجِبُكَ أَجْسَامُهُمْ وَإِن يَقُولُوا۟ تَسْمَعْ لِقَوْلِهِمْ كَأَنَّهُمْ خُشُبٌ مُّسَنَّدَةٌ يَحْسَبُونَ كُلَّ صَيْحَةٍ عَلَيْهِمْ هُمُ ٱلْعَدُوُّ فَٱحْذَرْهُمْ قَٰتَلَهُمُ ٱللَّهُ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan argite qaamoleen isaanii si dinqisiifti. Yoo isaan haasa'anis dubbii isaanii ni dhageeffata. Isaan akka mukkeen hirkifameeti. Iyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaadu. Isaanumatu diinota; kanaafuu isaan eeggadhu. Rabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebi'u!

See all translations of this verse →

وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا۟ يَسْتَغْفِرْ لَكُمْ رَسُولُ ٱللَّهِ لَوَّوْا۟ رُءُوسَهُمْ وَرَأَيْتَهُمْ يَصُدُّونَ وَهُم مُّسْتَكْبِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama isiniif haa barbaadu" isaaniin jedhame mataalee isaanii naannessu, Kan isaan boonaa gara galan ni argita.

See all translations of this verse →

سَوَآءٌ عَلَيْهِمْ أَسْتَغْفَرْتَ لَهُمْ أَمْ لَمْ تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ لَن يَغْفِرَ ٱللَّهُ لَهُمْ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلْفَٰسِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAraarama isaanii barbaaddus isaanii barbaaduu dhiiftus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramu. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.

See all translations of this verse →

هُمُ ٱلَّذِينَ يَقُولُونَ لَا تُنفِقُوا۟ عَلَىٰ مَنْ عِندَ رَسُولِ ٱللَّهِ حَتَّىٰ يَنفَضُّوا۟ وَلِلَّهِ خَزَآئِنُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَلَٰكِنَّ ٱلْمُنَٰفِقِينَ لَا يَفْقَهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranu isaan irratti hin arjoominaa hanga isaan faffaca'anutti " jedhanuudha. Kuusaaleen samiileefi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu.

See all translations of this verse →

يَقُولُونَ لَئِن رَّجَعْنَآ إِلَى ٱلْمَدِينَةِ لَيُخْرِجَنَّ ٱلْأَعَزُّ مِنْهَا ٱلْأَذَلَّ وَلِلَّهِ ٱلْعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِۦ وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَلَٰكِنَّ ٱلْمُنَٰفِقِينَ لَا يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNijedhan "Yoo gara Madiinaa deebine, dhugumatti, (nuti) injifattoonni ishee irraa salphattoota baasuuf jira". Injifannoon kan Rabbiiti, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekan.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تُلْهِكُمْ أَمْوَٰلُكُمْ وَلَآ أَوْلَٰدُكُمْ عَن ذِكْرِ ٱللَّهِ وَمَن يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْخَٰسِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin, Namni kana dalage isaan isaanumatu hoonga'oota.

See all translations of this verse →

وَأَنفِقُوا۟ مِن مَّا رَزَقْنَٰكُم مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِىَ أَحَدَكُمُ ٱلْمَوْتُ فَيَقُولَ رَبِّ لَوْلَآ أَخَّرْتَنِىٓ إِلَىٰٓ أَجَلٍ قَرِيبٍ فَأَصَّدَّقَ وَأَكُن مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa Odoo tokkoon keessan duuti itti dhuftee hinjenneen dura. "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis ta'a"

See all translations of this verse →

وَلَن يُؤَخِّرَ ٱللَّهُ نَفْسًا إِذَا جَآءَ أَجَلُهَا وَٱللَّهُ خَبِيرٌۢ بِمَا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin lubbuu tokko yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisu. Rabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70