Home › Surahs › Surah As-Saff
Surah As-Saff الصف
14 verses · Medina · revelation order 109
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa ogeessa.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لِمَ تَقُولُونَ مَا لَا تَفْعَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne jettu?
See all translations of this verse →
كَبُرَ مَقْتًا عِندَ ٱللَّهِ أَن تَقُولُوا۟ مَا لَا تَفْعَلُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan hin hojjanne haasa'uun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate.
See all translations of this verse →
إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلَّذِينَ يُقَٰتِلُونَ فِى سَبِيلِهِۦ صَفًّا كَأَنَّهُم بُنْيَٰنٌ مَّرْصُوصٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata.
See all translations of this verse →
وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِۦ يَٰقَوْمِ لِمَ تُؤْذُونَنِى وَقَد تَّعْلَمُونَ أَنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُمْ فَلَمَّا زَاغُوٓا۟ أَزَاغَ ٱللَّهُ قُلُوبَهُمْ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلْفَٰسِقِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe "yaa ummata (kiyya) maaliif na rakkiftan! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu?" [jedhe yaadadhaa]. Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onneewwan isaanii jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
وَإِذْ قَالَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَىَّ مِنَ ٱلتَّوْرَىٰةِ وَمُبَشِّرًۢا بِرَسُولٍ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِى ٱسْمُهُۥٓ أَحْمَدُ فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ قَالُوا۟ هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ
Oromo Translation - Gali Ababor Yeroo Iisaa ilma Maryam jedhe "yaa ilmaan Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan isinitti ergameedha. kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee" (jedhe yaadadhaa). Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.
See all translations of this verse →
وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ ٱفْتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ ٱلْكَذِبَ وَهُوَ يُدْعَىٰٓ إِلَى ٱلْإِسْلَٰمِ وَٱللَّهُ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Nama Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu odoo gara Islaamaa waamamuu?. Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
See all translations of this verse →
يُرِيدُونَ لِيُطْفِـُٔوا۟ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفْوَٰهِهِمْ وَٱللَّهُ مُتِمُّ نُورِهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْكَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Ifa Rabbii afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu fedhu.Rabbiin ifa Isaa ni guuta Odoma kaafiroonni jibbaniiyyuu.
See all translations of this verse →
هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Inni Isa ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha, odoo mushrikoonni jibbanuu.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ هَلْ أَدُلُّكُمْ عَلَىٰ تِجَٰرَةٍ تُنجِيكُم مِّنْ عَذَابٍ أَلِيمٍ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! Mee daldala azaaba laalessaa irraa isin baraarsu irratti isin qajeelchuu?
See all translations of this verse →
تُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتُجَٰهِدُونَ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمْوَٰلِكُمْ وَأَنفُسِكُمْ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ
Oromo Translation - Gali Ababor Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin qabsooftu, kanatu (waan hunda) isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.
See all translations of this verse →
يَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ وَيُدْخِلْكُمْ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ وَمَسَٰكِنَ طَيِّبَةً فِى جَنَّٰتِ عَدْنٍ ذَٰلِكَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor (Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badiilee keessan isiniif araarama. Jannatoota laggeen jala ishee yaatus isin seensisa. Manneen babbareedaa Jannata qubannaa keessattis (isiniif qopheessee jira). Kun milkii guddaadha.
See all translations of this verse →
وَأُخْرَىٰ تُحِبُّونَهَا نَصْرٌ مِّنَ ٱللَّهِ وَفَتْحٌ قَرِيبٌ وَبَشِّرِ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna) (Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedha. Mu’uminoota gammachiisi.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ كُونُوٓا۟ أَنصَارَ ٱللَّهِ كَمَا قَالَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ لِلْحَوَارِيِّـۧنَ مَنْ أَنصَارِىٓ إِلَى ٱللَّهِ قَالَ ٱلْحَوَارِيُّونَ نَحْنُ أَنصَارُ ٱللَّهِ فَـَٔامَنَت طَّآئِفَةٌ مِّنۢ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ وَكَفَرَت طَّآئِفَةٌ فَأَيَّدْنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ عَلَىٰ عَدُوِّهِمْ فَأَصْبَحُوا۟ ظَٰهِرِينَ
Oromo Translation - Gali Ababor Yaa warra amantan! tumsitoota Rabbii ta'aa, Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" jennaan hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san. Ilmaan Israa'iil irraa gartokkeen amananii gartokkeen kafaran. Isaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinee injifatoo ta'an.
See all translations of this verse →
← Surah Al-Mumtahana
Surah Al-Jumu'a →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→
Arabic text and translations via Tanzil and QuranEnc — verbatim, unmodified · Translations belong to their translators and are not the Qur'an itself
This is a research aid, not a source of religious rulings.