وَمِنَ ٱلنَّاسِ وَٱلدَّوَآبِّ وَٱلْأَنْعَٰمِ مُخْتَلِفٌ أَلْوَٰنُهُۥ كَذَٰلِكَ إِنَّمَا يَخْشَى ٱللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ ٱلْعُلَمَٰٓؤُا۟ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ
Oromo Translation - Gali AbaborNamoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis akkasuma warra bifti isaanii waldhabaa tahe uume. Gabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofa. Rabbiin injifataa, araaramaadha.