يُولِجُ ٱلَّيْلَ فِى ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِى ٱلَّيْلِ وَسَخَّرَ ٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِى لِأَجَلٍ مُّسَمًّى ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمْ لَهُ ٱلْمُلْكُ وَٱلَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِهِۦ مَا يَمْلِكُونَ مِن قِطْمِيرٍ
Oromo Translation - Gali AbaborInni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu.