caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah An-Noor النور

64 verses · Medina · revelation order 102

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ سُورَةٌ أَنزَلْنَٰهَا وَفَرَضْنَٰهَا وَأَنزَلْنَا فِيهَآ ءَايَٰتٍۭ بَيِّنَٰتٍ لَّعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Isheen tun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufne akkagorfamtaniif.

See all translations of this verse →

ٱلزَّانِيَةُ وَٱلزَّانِى فَٱجْلِدُوا۟ كُلَّ وَٰحِدٍ مِّنْهُمَا مِا۟ئَةَ جَلْدَةٍ وَلَا تَأْخُذْكُم بِهِمَا رَأْفَةٌ فِى دِينِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ تُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَلْيَشْهَدْ عَذَابَهُمَا طَآئِفَةٌ مِّنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDubartii (heeruma dura) sagaagaltuufi dhiira (fuudha dura) sagaagalu tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaa, Yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatin, adabbii isaan lamaanii gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu.

See all translations of this verse →

ٱلزَّانِى لَا يَنكِحُ إِلَّا زَانِيَةً أَوْ مُشْرِكَةً وَٱلزَّانِيَةُ لَا يَنكِحُهَآ إِلَّا زَانٍ أَوْ مُشْرِكٌ وَحُرِّمَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhiirri sagaagalaan sagaagaltuu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhu, Dubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishee hin fuudhu, Sun mu’uminoota irratti dhorgamee jira.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يَرْمُونَ ٱلْمُحْصَنَٰتِ ثُمَّ لَمْ يَأْتُوا۟ بِأَرْبَعَةِ شُهَدَآءَ فَٱجْلِدُوهُمْ ثَمَٰنِينَ جَلْدَةً وَلَا تَقْبَلُوا۟ لَهُمْ شَهَٰدَةً أَبَدًا وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْفَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan dubartoota qulqulluu darbatan (kabajaa ofii eegan sagaagalummaan maqaa isaanii xureessan), ergasii ragaa afur hinfidin, rukuttaa saddeettama isaan rukutaa, Ragummaa isaaniis gonkumaa irraa hin fuudhinaa, Isaan sun isaanumatu finciltoota.

See all translations of this verse →

إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُوا۟ مِنۢ بَعْدِ ذَٰلِكَ وَأَصْلَحُوا۟ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan sana booda tawbatanii, tolchan malee, (Isaan sanaaf) Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يَرْمُونَ أَزْوَٰجَهُمْ وَلَمْ يَكُن لَّهُمْ شُهَدَآءُ إِلَّآ أَنفُسُهُمْ فَشَهَٰدَةُ أَحَدِهِمْ أَرْبَعُ شَهَٰدَٰتٍۭ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessan kan lubbuulee isaanii malee ragaaleen isaaniif hin jirre, rageessuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudhaan rageessuudha.

See all translations of this verse →

وَٱلْخَٰمِسَةُ أَنَّ لَعْنَتَ ٱللَّهِ عَلَيْهِ إِن كَانَ مِنَ ٱلْكَٰذِبِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ragaan) shaneessituun abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu yoo inni namoota sobaan (maqaa ishee xureessan) irraa ta’e, ( jechuun kakachuudha).

See all translations of this verse →

وَيَدْرَؤُا۟ عَنْهَا ٱلْعَذَابَ أَن تَشْهَدَ أَرْبَعَ شَهَٰدَٰتٍۭ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلْكَٰذِبِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAdabbii (addunyaa) ishee irraa deebisa "Inni sobdoota irraayyi” jettee yeroo afur Rabbiin kakachaa rageessuun.

See all translations of this verse →

وَٱلْخَٰمِسَةَ أَنَّ غَضَبَ ٱللَّهِ عَلَيْهَآ إِن كَانَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Ragaan) shanessituu abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e" (jechuudha).

See all translations of this verse →

وَلَوْلَا فَضْلُ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَتُهُۥ وَأَنَّ ٱللَّهَ تَوَّابٌ حَكِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adaba ture), Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ جَآءُو بِٱلْإِفْكِ عُصْبَةٌ مِّنكُمْ لَا تَحْسَبُوهُ شَرًّا لَّكُم بَلْ هُوَ خَيْرٌ لَّكُمْ لِكُلِّ ٱمْرِئٍ مِّنْهُم مَّا ٱكْتَسَبَ مِنَ ٱلْإِثْمِ وَٱلَّذِى تَوَلَّىٰ كِبْرَهُۥ مِنْهُمْ لَهُۥ عَذَابٌ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan (Aa’ishaa iratti) soba fidan garee isin irraa ta’aniidha, Isa isiniif hamtuu hin se'inaa, Inumaa inni isiniif caalaadha, Nama isaan irraa ta’e hundaafuu, hamtuu irraa wantuma inni carraaqqatetu isaaf jira. Isa isaan irraa (soba) guddaa baadhate immoo adabbii guddaa ta'etu isaaf jira.

See all translations of this verse →

لَّوْلَآ إِذْ سَمِعْتُمُوهُ ظَنَّ ٱلْمُؤْمِنُونَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتُ بِأَنفُسِهِمْ خَيْرًا وَقَالُوا۟ هَٰذَآ إِفْكٌ مُّبِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif yeroo isa (soba kana) dhageessan, mu’uminoonni dhiiraas ta’ee kan dubaraa, lubbuulee isaaniitiif (wal jiddutti) toltuu yaadanii “Kun soba ifa bahaadha” jechuu dhaban?

See all translations of this verse →

لَّوْلَا جَآءُو عَلَيْهِ بِأَرْبَعَةِ شُهَدَآءَ فَإِذْ لَمْ يَأْتُوا۟ بِٱلشُّهَدَآءِ فَأُو۟لَٰٓئِكَ عِندَ ٱللَّهِ هُمُ ٱلْكَٰذِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMaaliif isa irratti ragaalee afur fiduu dhiaban? Eega ragootaan hin dhufin, isaan sun Allaah biratti isaanumaat sobdoota.

See all translations of this verse →

وَلَوْلَا فَضْلُ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَتُهُۥ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ لَمَسَّكُمْ فِى مَآ أَفَضْتُمْ فِيهِ عَذَابٌ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo tolaafi rahmanni Allaah addunyaafii Aakhiraa isin irra jiraachuu baatee, silaa waan isin waa’ee isaa keessatti odeessitaniif adabbii guddaatu isin tuqa ture.

See all translations of this verse →

إِذْ تَلَقَّوْنَهُۥ بِأَلْسِنَتِكُمْ وَتَقُولُونَ بِأَفْوَاهِكُم مَّا لَيْسَ لَكُم بِهِۦ عِلْمٌ وَتَحْسَبُونَهُۥ هَيِّنًا وَهُوَ عِندَ ٱللَّهِ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isin arraboota keessaniin olola isaa ooftanii, afaanoowwan keessaniinis waan beekkomsa isatti hinqabne jettan, odoo inni Rabbiin biratti guddaa ta’ee jiruu isin waan laafaa isa seetan san (adabni guddaan isin tuqa ture).

See all translations of this verse →

وَلَوْلَآ إِذْ سَمِعْتُمُوهُ قُلْتُم مَّا يَكُونُ لَنَآ أَن نَّتَكَلَّمَ بِهَٰذَا سُبْحَٰنَكَ هَٰذَا بُهْتَٰنٌ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSila yeroo isa (soba kana) dhageessan “waa’ee kanaa dubbachuun nuuf hin malu, (Yaa Rabbi!) Ati qulqulloofte! Kun soba guddaadha” maaliif hin jenne?

See all translations of this verse →

يَعِظُكُمُ ٱللَّهُ أَن تَعُودُوا۟ لِمِثْلِهِۦٓ أَبَدًا إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo mu'imintoota taataniif akka isin (gocha) fakkataa isaatti gonkumaa hin deebine Rabbiin isin gorsa.

See all translations of this verse →

وَيُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلْـَٔايَٰتِ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAllaah’n keeyyattoota Isaa isiniif ibsa. Rabbiin beekaa, ogeessa.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُحِبُّونَ أَن تَشِيعَ ٱلْفَٰحِشَةُ فِى ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنتُمْ لَا تَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan gochi fokkataan isaan amanan keessatti tamsa’uu jaallatan, isaaniif addunyaafi Aakhiraa keessatti adabbii laalessaa ta’etu (isaaniif) jira. Rabbiin nibeeka; isin hin beektanu.

See all translations of this verse →

وَلَوْلَا فَضْلُ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَتُهُۥ وَأَنَّ ٱللَّهَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo tolaafi rahmanni Allaah isin irra jiraachuu baatee, (silaa isin adabbii ture) Rabbiin mararfataa rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَّبِعُوا۟ خُطُوَٰتِ ٱلشَّيْطَٰنِ وَمَن يَتَّبِعْ خُطُوَٰتِ ٱلشَّيْطَٰنِ فَإِنَّهُۥ يَأْمُرُ بِٱلْفَحْشَآءِ وَٱلْمُنكَرِ وَلَوْلَا فَضْلُ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَتُهُۥ مَا زَكَىٰ مِنكُم مِّنْ أَحَدٍ أَبَدًا وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يُزَكِّى مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Tarkaanfiiwwan shayxaanaa hin hordofinaa, Namni tarkaanfiilee shayxaanaa hordofe, inni (sheyxaanni) gocha fokkataafi gocha jibbamaatti ajaja. Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraa jiraachuu baatee, isinirraa tokkoon keessan hinqulqullaawu gonkumaa. Garuu Rabbiin nama fedhe qulqulleessa. Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَلَا يَأْتَلِ أُو۟لُوا۟ ٱلْفَضْلِ مِنكُمْ وَٱلسَّعَةِ أَن يُؤْتُوٓا۟ أُو۟لِى ٱلْقُرْبَىٰ وَٱلْمَسَٰكِينَ وَٱلْمُهَٰجِرِينَ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَلْيَعْفُوا۟ وَلْيَصْفَحُوٓا۟ أَلَا تُحِبُّونَ أَن يَغْفِرَ ٱللَّهُ لَكُمْ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsin irraa abbootiin tolaafi qabeenyaan (badhaadhan) firoota isaanii, hiyyeeyyiifi namoota karaa Rabbii keessatti godaananiif kennuu diduu irratti hin kakatin. Dhiifama haa godhanu; (namaafis) irra haa dabranu. Sila Rabbiin isiniif araaramuu hin jaallattanuu? Allaahaan araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ يَرْمُونَ ٱلْمُحْصَنَٰتِ ٱلْغَٰفِلَٰتِ ٱلْمُؤْمِنَٰتِ لُعِنُوا۟ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ وَلَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan dubartoota tikfamoo, (sagaagalummaa irraa) dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan, addunyaafi Aakhiraattis abaaramaniiru. Isaaniif adabbii guddaatu jira.

See all translations of this verse →

يَوْمَ تَشْهَدُ عَلَيْهِمْ أَلْسِنَتُهُمْ وَأَيْدِيهِمْ وَأَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Arraboonni isaanii, harkoowwan isaaniitiifi miilleen isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu).

See all translations of this verse →

يَوْمَئِذٍ يُوَفِّيهِمُ ٱللَّهُ دِينَهُمُ ٱلْحَقَّ وَيَعْلَمُونَ أَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْحَقُّ ٱلْمُبِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa san Rabbiin galata (hojii) isaanii kan dhugaa guutee isaaniif kenna. Isaan Rabbiin dhugaa, ifa baasaa ta’uu ni beeku.

See all translations of this verse →

ٱلْخَبِيثَٰتُ لِلْخَبِيثِينَ وَٱلْخَبِيثُونَ لِلْخَبِيثَٰتِ وَٱلطَّيِّبَٰتُ لِلطَّيِّبِينَ وَٱلطَّيِّبُونَ لِلطَّيِّبَٰتِ أُو۟لَٰٓئِكَ مُبَرَّءُونَ مِمَّا يَقُولُونَ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDubartoonni badoon dhiirota badoofi, dhiironni badoonis dubartoota badoof ta’u, Dubartoonni gaggaariin dhiirota gaggaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaggaariifi. Isaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoodha. Isaaniif araaramaafi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَدْخُلُوا۟ بُيُوتًا غَيْرَ بُيُوتِكُمْ حَتَّىٰ تَسْتَأْنِسُوا۟ وَتُسَلِّمُوا۟ عَلَىٰٓ أَهْلِهَا ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Mana keessan hin ta’in hanga hayyamsiifattaniifi abbootii ishee nagaa gaafattanitti hin seeninaa. santu isiniif caala Akka gorfamtaniif jecha.

See all translations of this verse →

فَإِن لَّمْ تَجِدُوا۟ فِيهَآ أَحَدًا فَلَا تَدْخُلُوهَا حَتَّىٰ يُؤْذَنَ لَكُمْ وَإِن قِيلَ لَكُمُ ٱرْجِعُوا۟ فَٱرْجِعُوا۟ هُوَ أَزْكَىٰ لَكُمْ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo ishee keessatti nama tokkos arguu baattan, hanga isiniif hayyamamutti ishee hin seeninaa, Yoo deebi’aa isiniin jedhames deebi’aa, Santu isiniif irra qulqulluudha, Rabbiin waan isin dalagdan hunda beekaadha.

See all translations of this verse →

لَّيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ أَن تَدْخُلُوا۟ بُيُوتًا غَيْرَ مَسْكُونَةٍ فِيهَا مَتَٰعٌ لَّكُمْ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ مَا تُبْدُونَ وَمَا تَكْتُمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMana namni keessa hin jiraanne kan ishee keessa meeshaan keessan jiru (hayyama malee) yoo seentan badiin isin irra hin jiru, Rabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitanis ni beeka.

See all translations of this verse →

قُل لِّلْمُؤْمِنِينَ يَغُضُّوا۟ مِنْ أَبْصَٰرِهِمْ وَيَحْفَظُوا۟ فُرُوجَهُمْ ذَٰلِكَ أَزْكَىٰ لَهُمْ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرٌۢ بِمَا يَصْنَعُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborMu’uminootaan “(ija keessan gadi qabadhaa)” jedhi, ijoowwan isaanii gadi qabatu; qaamoowwan saalaa isaaniis ni tikfatu, Santu isaaniif irra qulqulluudha. Dhugumatti, Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti.

See all translations of this verse →

وَقُل لِّلْمُؤْمِنَٰتِ يَغْضُضْنَ مِنْ أَبْصَٰرِهِنَّ وَيَحْفَظْنَ فُرُوجَهُنَّ وَلَا يُبْدِينَ زِينَتَهُنَّ إِلَّا مَا ظَهَرَ مِنْهَا وَلْيَضْرِبْنَ بِخُمُرِهِنَّ عَلَىٰ جُيُوبِهِنَّ وَلَا يُبْدِينَ زِينَتَهُنَّ إِلَّا لِبُعُولَتِهِنَّ أَوْ ءَابَآئِهِنَّ أَوْ ءَابَآءِ بُعُولَتِهِنَّ أَوْ أَبْنَآئِهِنَّ أَوْ أَبْنَآءِ بُعُولَتِهِنَّ أَوْ إِخْوَٰنِهِنَّ أَوْ بَنِىٓ إِخْوَٰنِهِنَّ أَوْ بَنِىٓ أَخَوَٰتِهِنَّ أَوْ نِسَآئِهِنَّ أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُهُنَّ أَوِ ٱلتَّٰبِعِينَ غَيْرِ أُو۟لِى ٱلْإِرْبَةِ مِنَ ٱلرِّجَالِ أَوِ ٱلطِّفْلِ ٱلَّذِينَ لَمْ يَظْهَرُوا۟ عَلَىٰ عَوْرَٰتِ ٱلنِّسَآءِ وَلَا يَضْرِبْنَ بِأَرْجُلِهِنَّ لِيُعْلَمَ مَا يُخْفِينَ مِن زِينَتِهِنَّ وَتُوبُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ ٱلْمُؤْمِنُونَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi Dubartoota mu’uminootaatiin “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaamolee saalaa isaaniis ni tikfatu“ Faaya isaanii isa ishee irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; guftaalee isaanii qomoowwan isaaniirratti haa uffisanu; miidhagsituu isaanii dhiirsoowwan isaaniif malee akka hinmul'ifne, yookiin abbootii isaaniif, yookiin abbootii dhiirsoowwan isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsoowwan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin hordoftoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaamoowwan saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) (malee miidhagina isaanii hin mul’isin). Miidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miiloowwan isaaniitiin dachii hin dhiitin. hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha.” (jedhiin).

See all translations of this verse →

وَأَنكِحُوا۟ ٱلْأَيَٰمَىٰ مِنكُمْ وَٱلصَّٰلِحِينَ مِنْ عِبَادِكُمْ وَإِمَآئِكُمْ إِن يَكُونُوا۟ فُقَرَآءَ يُغْنِهِمُ ٱللَّهُ مِن فَضْلِهِۦ وَٱللَّهُ وَٰسِعٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsin irraa konfoleysota (dhiiraas ta’ee dubaratii hin fuudhin) fuusisaaGabroota keessan kan dhiiraatiifi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa)Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsaRabbiin dureessa, beekaadha.

See all translations of this verse →

وَلْيَسْتَعْفِفِ ٱلَّذِينَ لَا يَجِدُونَ نِكَاحًا حَتَّىٰ يُغْنِيَهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضْلِهِۦ وَٱلَّذِينَ يَبْتَغُونَ ٱلْكِتَٰبَ مِمَّا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُكُمْ فَكَاتِبُوهُمْ إِنْ عَلِمْتُمْ فِيهِمْ خَيْرًا وَءَاتُوهُم مِّن مَّالِ ٱللَّهِ ٱلَّذِىٓ ءَاتَىٰكُمْ وَلَا تُكْرِهُوا۟ فَتَيَٰتِكُمْ عَلَى ٱلْبِغَآءِ إِنْ أَرَدْنَ تَحَصُّنًا لِّتَبْتَغُوا۟ عَرَضَ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَمَن يُكْرِههُّنَّ فَإِنَّ ٱللَّهَ مِنۢ بَعْدِ إِكْرَٰهِهِنَّ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, (uf haaqaban) kabajaa ofii haa eeggatan. Gabroota too’annaa keessan jala jiran gidduu yoo isaan keessatti toltuu beektan, isaan barreeffama (beellamaan bilisoomuu) barbaadaniif, barreessaa. Qabeenya Rabbii kan Inni isiniif kenne irraas isaaniif kennaa. Shamarran gabrootaa keessan yoo isaan kabajaa ofii eeguu fedhan isin bu’aa jireenya addunyaa barbaaduuf jecha, sagaagalummaa irratti isaan hin dirqinaa. Namni isaan dirqe, Rabbiin erga isaan dirquutii (isaanif) araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَنزَلْنَآ إِلَيْكُمْ ءَايَٰتٍ مُّبَيِّنَٰتٍ وَمَثَلًا مِّنَ ٱلَّذِينَ خَلَوْا۟ مِن قَبْلِكُمْ وَمَوْعِظَةً لِّلْمُتَّقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti keeyyattoota ifa ta’an gara keessanitti buufnee jirra. fakkeenya warra isin dura dabranii irraas, gorsa warra Rabbi sodaataniitis.

See all translations of this verse →

ٱللَّهُ نُورُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ مَثَلُ نُورِهِۦ كَمِشْكَوٰةٍ فِيهَا مِصْبَاحٌ ٱلْمِصْبَاحُ فِى زُجَاجَةٍ ٱلزُّجَاجَةُ كَأَنَّهَا كَوْكَبٌ دُرِّىٌّ يُوقَدُ مِن شَجَرَةٍ مُّبَٰرَكَةٍ زَيْتُونَةٍ لَّا شَرْقِيَّةٍ وَلَا غَرْبِيَّةٍ يَكَادُ زَيْتُهَا يُضِىٓءُ وَلَوْ لَمْ تَمْسَسْهُ نَارٌ نُّورٌ عَلَىٰ نُورٍ يَهْدِى ٱللَّهُ لِنُورِهِۦ مَن يَشَآءُ وَيَضْرِبُ ٱللَّهُ ٱلْأَمْثَٰلَ لِلنَّاسِ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin ifaa samiifi dachiiti, Fakkeenyi ifa Isaa akka foddaa ibsaan ishee keessa jiruuti, Ibsaan sun immoo birillee keessa jira, Birillichis akka urjii calaqqisaa muka barakeeffamtuu, zeytuunaa irraa taate irra qabsiifamuu, kan kallattii bahaas ta’ee, dhihattiis hin ta’in, kan zeytiin ishee odoo ibiddi isa tuquu baattellee ifuutti dhihaatu kan fakkaattuudha, (Kana jechuun) ifaa ifaa irraati ta’ee dha! Rabbiin nama fedhe gara ifaa Isaatti qajeelcha. Rabbiin namootaaf fakkeenyota taasisa. Rabbiin waan hunda beekaadha.

See all translations of this verse →

فِى بُيُوتٍ أَذِنَ ٱللَّهُ أَن تُرْفَعَ وَيُذْكَرَ فِيهَا ٱسْمُهُۥ يُسَبِّحُ لَهُۥ فِيهَا بِٱلْغُدُوِّ وَٱلْـَٔاصَالِ

Oromo Translation - Gali AbaborManneen (masjiidoota) keessatti kabajamuufi maqaan isaa ishee keessatti dubbatamuutti (faarfamuutti) Rabbiin ajaje, ishee keessatti ganamootaafi galgalootas Isa qulqulleessu.

See all translations of this verse →

رِجَالٌ لَّا تُلْهِيهِمْ تِجَٰرَةٌ وَلَا بَيْعٌ عَن ذِكْرِ ٱللَّهِ وَإِقَامِ ٱلصَّلَوٰةِ وَإِيتَآءِ ٱلزَّكَوٰةِ يَخَافُونَ يَوْمًا تَتَقَلَّبُ فِيهِ ٱلْقُلُوبُ وَٱلْأَبْصَٰرُ

Oromo Translation - Gali AbaborDhiironni daldalas ta’ee gurgurtaan yaadannoo Rabbii irraafii, salaata dhaabuufi zakaa kennuu irraa isaan hin dagnetu (ishee keessatti Rabbi faarsa) guyyaa isa keessa onneewwaniifi ijjoonni gara gaggaltu kan sodaatan ta’anii (ishee keessatti Rabbiin qulqulleessu).

See all translations of this verse →

لِيَجْزِيَهُمُ ٱللَّهُ أَحْسَنَ مَا عَمِلُوا۟ وَيَزِيدَهُم مِّن فَضْلِهِۦ وَٱللَّهُ يَرْزُقُ مَن يَشَآءُ بِغَيْرِ حِسَابٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka Rabbiin irra gaarii waan isaan dalaganii isaaniif galata galchee, tola Isaa irraas isaaniif dabaluuf (Isa sodaatu). Rabbiin nama fedhe herrega malee soora.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَعْمَٰلُهُمْ كَسَرَابٍۭ بِقِيعَةٍ يَحْسَبُهُ ٱلظَّمْـَٔانُ مَآءً حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَهُۥ لَمْ يَجِدْهُ شَيْـًٔا وَوَجَدَ ٱللَّهَ عِندَهُۥ فَوَفَّىٰهُ حِسَابَهُۥ وَٱللَّهُ سَرِيعُ ٱلْحِسَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri kafaran dalagaaleen isaanii akka siribii dirree keessa jirtuu, kan dheebotaan bishaan isa se’uuti, hanga isa bira ga’ee homaa ta’uu isaa dhabe; Allaah of biratti argee (Rabbiin) galata isaa guutee isaaf galcheeti. Rabbiin saffisaa herregaati.

See all translations of this verse →

أَوْ كَظُلُمَٰتٍ فِى بَحْرٍ لُّجِّىٍّ يَغْشَىٰهُ مَوْجٌ مِّن فَوْقِهِۦ مَوْجٌ مِّن فَوْقِهِۦ سَحَابٌ ظُلُمَٰتٌۢ بَعْضُهَا فَوْقَ بَعْضٍ إِذَآ أَخْرَجَ يَدَهُۥ لَمْ يَكَدْ يَرَىٰهَا وَمَن لَّمْ يَجْعَلِ ٱللَّهُ لَهُۥ نُورًا فَمَا لَهُۥ مِن نُّورٍ

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin akka dukkana galaana gadi fagoo ta’e keessa jiru, kan danbaliin isa haguugeeti, kan gubbaa isaa danbaliin (biraa) jiru kan isa gubbaa duumessi jiru (haguuguuti), (Isheen kun) dukkana gariin ishee garii gubbaa jirtuudha; yeroo harka isaa baase argutti hin dhihaatu, Namni Allaahn ifaa isaaf hin taasisin, ifaan homaatuu isaaf hin jiru.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَٱلطَّيْرُ صَٰٓفَّٰتٍ كُلٌّ قَدْ عَلِمَ صَلَاتَهُۥ وَتَسْبِيحَهُۥ وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِمَا يَفْعَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAti hingarree Allaah wanti samiileefi dachii keessa jiran isa qulqulleessan. allaattiinis koola (qoochoo) isaanii diriirsanii (Isa qulqulleessan) (faarsan)? Hunduu dhugumatti, Isaaf sagaduufi Isa qulqulleessuus beekaniiru, Rabbiin waan isaan dalagan beekaadha.

See all translations of this verse →

وَلِلَّهِ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَإِلَى ٱللَّهِ ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborMootummaan samiileefi dachii kan Allaahti, Deebiin garuma Allaahti.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يُزْجِى سَحَابًا ثُمَّ يُؤَلِّفُ بَيْنَهُۥ ثُمَّ يَجْعَلُهُۥ رُكَامًا فَتَرَى ٱلْوَدْقَ يَخْرُجُ مِنْ خِلَٰلِهِۦ وَيُنَزِّلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مِن جِبَالٍ فِيهَا مِنۢ بَرَدٍ فَيُصِيبُ بِهِۦ مَن يَشَآءُ وَيَصْرِفُهُۥ عَن مَّن يَشَآءُ يَكَادُ سَنَا بَرْقِهِۦ يَذْهَبُ بِٱلْأَبْصَٰرِ

Oromo Translation - Gali AbaborSila ati hingarree Allaahn duumessa oofee, ergasii gidduu isaa walitti qabee, ergasii tuulamaa isa taasisuu? Sana booda bokkaa gidduu isaatii kan ba’u argita. Akkasumas samii irraa gaara ishee keessatti ta’e kan cabbii irraa ta’erraa (cabbii) buuseeti, nama fedheen isaan tuqa, nama fedhe irraas isa deebisa. Ifti hangaasuu isaa ija balleessutti dhihaata.

See all translations of this verse →

يُقَلِّبُ ٱللَّهُ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَعِبْرَةً لِّأُو۟لِى ٱلْأَبْصَٰرِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin halkaniifi guyyaa gara gaggalcha, Dhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif gorsatu jira.

See all translations of this verse →

وَٱللَّهُ خَلَقَ كُلَّ دَآبَّةٍ مِّن مَّآءٍ فَمِنْهُم مَّن يَمْشِى عَلَىٰ بَطْنِهِۦ وَمِنْهُم مَّن يَمْشِى عَلَىٰ رِجْلَيْنِ وَمِنْهُم مَّن يَمْشِى عَلَىٰٓ أَرْبَعٍ يَخْلُقُ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborAllaahn wantoota lubbuu qaban hunda bishaan irraa uume, Isaan irraa warra garaa isaaniitiin deeman (looyan)tu jira, Isaan irraa warra miila lamaan deemantu jira. Isaan irraas warra (miila) afuriin deemantu jira. Rabbiin waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

See all translations of this verse →

لَّقَدْ أَنزَلْنَآ ءَايَٰتٍ مُّبَيِّنَٰتٍ وَٱللَّهُ يَهْدِى مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ

Oromo Translation - Gali AbaborNuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an buufnee jirra. Rabbiin nama fedhe gara karaa qajeelaa qajeelcha.

See all translations of this verse →

وَيَقُولُونَ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَبِٱلرَّسُولِ وَأَطَعْنَا ثُمَّ يَتَوَلَّىٰ فَرِيقٌ مِّنْهُم مِّنۢ بَعْدِ ذَٰلِكَ وَمَآ أُو۟لَٰٓئِكَ بِٱلْمُؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Munaafiqoonni) “Allaahfi ergamaatti amanne; ajajamnes” jedhan, ergasii gareen isaan irraa ta’e sana booda garagalaIsaan jarri sun, mu’uminoota miti.

See all translations of this verse →

وَإِذَا دُعُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ لِيَحْكُمَ بَيْنَهُمْ إِذَا فَرِيقٌ مِّنْهُم مُّعْرِضُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Allaahfi ergamaa Isaatti waamaman, gareen isaan irraa ta’e yoosuu garagaloodha.

See all translations of this verse →

وَإِن يَكُن لَّهُمُ ٱلْحَقُّ يَأْتُوٓا۟ إِلَيْهِ مُذْعِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo dhugaan isaaniif jiraate immoo ariifatoo ta’anii gara isaa (ergamaa) dhufu.

See all translations of this verse →

أَفِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ أَمِ ٱرْتَابُوٓا۟ أَمْ يَخَافُونَ أَن يَحِيفَ ٱللَّهُ عَلَيْهِمْ وَرَسُولُهُۥ بَلْ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila onneelee isaanii keessa dhukkubni jiramoo, moo nishaan, moo Rabbiifi ergamaa Isaatu dabaan (haqa malee) isaan irratti murteessaa sodaatu? Lakkii; isaan isaanumatu miidha raawwattoota.

See all translations of this verse →

إِنَّمَا كَانَ قَوْلَ ٱلْمُؤْمِنِينَ إِذَا دُعُوٓا۟ إِلَى ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ لِيَحْكُمَ بَيْنَهُمْ أَن يَقُولُوا۟ سَمِعْنَا وَأَطَعْنَا وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborJechi Mu’uminootaa yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Rabbiifi ergamaa isaatti waamaman “dhageenye; ajajamnes” jechuu qofa, Isaan sun milkaa’oon isaanuma.

See all translations of this verse →

وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَخْشَ ٱللَّهَ وَيَتَّقْهِ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْفَآئِزُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni Allaahfi ergamaa Isaa tole jedhee, Allaaha sodaatee, Isa eeggate, isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.

See all translations of this verse →

وَأَقْسَمُوا۟ بِٱللَّهِ جَهْدَ أَيْمَٰنِهِمْ لَئِنْ أَمَرْتَهُمْ لَيَخْرُجُنَّ قُل لَّا تُقْسِمُوا۟ طَاعَةٌ مَّعْرُوفَةٌ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرٌۢ بِمَا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborKakuu isaanii cimaa Rabbiin kakatu Yoo (duulaaf) bahuutti isaan ajajje, akka ba’an. jedhiin “Hin kakatinaa, ajajamuu beekamaatu (isiniif caalaa dha)”. Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

قُلْ أَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ فَإِن تَوَلَّوْا۟ فَإِنَّمَا عَلَيْهِ مَا حُمِّلَ وَعَلَيْكُم مَّا حُمِّلْتُمْ وَإِن تُطِيعُوهُ تَهْتَدُوا۟ وَمَا عَلَى ٱلرَّسُولِ إِلَّا ٱلْبَلَٰغُ ٱلْمُبِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborJedhi: “Rabbiif ajajamaa; ergamaafis ajajamaa, Yoo garagaltan, kan isa irra jiru dirqama isa irra kaa’ame qofa, Isin irras waanuma baachifamtan qofatu jira. Yoo isaaf ajajamtan ni qajeeltu, Ergamaa irra geessiinsa mul'ataa malee hinjiru.

See all translations of this verse →

وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنكُمْ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَيَسْتَخْلِفَنَّهُمْ فِى ٱلْأَرْضِ كَمَا ٱسْتَخْلَفَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ وَلَيُمَكِّنَنَّ لَهُمْ دِينَهُمُ ٱلَّذِى ٱرْتَضَىٰ لَهُمْ وَلَيُبَدِّلَنَّهُم مِّنۢ بَعْدِ خَوْفِهِمْ أَمْنًا يَعْبُدُونَنِى لَا يُشْرِكُونَ بِى شَيْـًٔا وَمَن كَفَرَ بَعْدَ ذَٰلِكَ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْفَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin isin irraa warra amananii, gaggaarii hojjataniif waadaa seene, akkuma warra isaan duraa (dachii irratti) bakka buusee, dachii irratti bakka isaan buusuuf. Amantii isaaniif jaalate isaaniif mijeessuuf, erga sodaa isaaniitii nagayatti isaaniif jijjiiruuf (waadaa seene). Odoo humaa natti hin qindeessin haa nagabbaranii. Sana booda warri kafare, isaanumatu finciltoota.

See all translations of this verse →

وَأَقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُوا۟ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ

Oromo Translation - Gali Ababorsalaata (sirnaan) sagadaa; zakaas kennaa; ergamaafis ajajamaa Akka rahmanni isiniif godhamuuf jecha.

See all translations of this verse →

لَا تَحْسَبَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مُعْجِزِينَ فِى ٱلْأَرْضِ وَمَأْوَىٰهُمُ ٱلنَّارُ وَلَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran dachii keessatti dadhabsiisoo hin se’in, Teessoon isaanii ibidda, Deebichi waa hammaatee!

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لِيَسْتَـْٔذِنكُمُ ٱلَّذِينَ مَلَكَتْ أَيْمَٰنُكُمْ وَٱلَّذِينَ لَمْ يَبْلُغُوا۟ ٱلْحُلُمَ مِنكُمْ ثَلَٰثَ مَرَّٰتٍ مِّن قَبْلِ صَلَوٰةِ ٱلْفَجْرِ وَحِينَ تَضَعُونَ ثِيَابَكُم مِّنَ ٱلظَّهِيرَةِ وَمِنۢ بَعْدِ صَلَوٰةِ ٱلْعِشَآءِ ثَلَٰثُ عَوْرَٰتٍ لَّكُمْ لَيْسَ عَلَيْكُمْ وَلَا عَلَيْهِمْ جُنَاحٌۢ بَعْدَهُنَّ طَوَّٰفُونَ عَلَيْكُم بَعْضُكُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلْـَٔايَٰتِ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Isaan (gabroonni) mirgi keessan dhuunfatteefi isin irraa isaan umrii saalfii (gaa’ilaa) hin ga’in yeroo sadi hayyama isin haa gaafatanu: salaata fajrii dura, yeroo walakkaa guyyaa ho’aaf uffata keessan baafattaniifi salaata ishaa’ii booda, Yeroo sadi kan isin qullaa baataniidha, Isaan kanaan ala gariin keessan garii irra yoo naanna’an, isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiraatu. Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif addeessa, Allaahn beekaa, ogeessa.

See all translations of this verse →

وَإِذَا بَلَغَ ٱلْأَطْفَٰلُ مِنكُمُ ٱلْحُلُمَ فَلْيَسْتَـْٔذِنُوا۟ كَمَا ٱسْتَـْٔذَنَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمْ ءَايَٰتِهِۦ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIjoolleen isin irraa ta’an yeroo umrii gaa’ilaa ga’an, akkuma warri isaaniin duraa hayyamsiifataa turanitti haa hayyamsiifatanu. Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif ibsa, Rabbiin beekaa, ogeessa.

See all translations of this verse →

وَٱلْقَوَٰعِدُ مِنَ ٱلنِّسَآءِ ٱلَّٰتِى لَا يَرْجُونَ نِكَاحًا فَلَيْسَ عَلَيْهِنَّ جُنَاحٌ أَن يَضَعْنَ ثِيَابَهُنَّ غَيْرَ مُتَبَرِّجَٰتٍۭ بِزِينَةٍ وَأَن يَسْتَعْفِفْنَ خَيْرٌ لَّهُنَّ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDubartoonni manguddooman kan heeruma hin kajeelle odoo miidhagina isaanii hin saaxilin uffata isaanii (kan gubbaa) lafa kaa’uu keessatti badiin isaan irra hin jiru. Garuu tikfamuutu isaaniif irra caala. Allaahn dhaga’aa, beekaadha.

See all translations of this verse →

لَّيْسَ عَلَى ٱلْأَعْمَىٰ حَرَجٌ وَلَا عَلَى ٱلْأَعْرَجِ حَرَجٌ وَلَا عَلَى ٱلْمَرِيضِ حَرَجٌ وَلَا عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمْ أَن تَأْكُلُوا۟ مِنۢ بُيُوتِكُمْ أَوْ بُيُوتِ ءَابَآئِكُمْ أَوْ بُيُوتِ أُمَّهَٰتِكُمْ أَوْ بُيُوتِ إِخْوَٰنِكُمْ أَوْ بُيُوتِ أَخَوَٰتِكُمْ أَوْ بُيُوتِ أَعْمَٰمِكُمْ أَوْ بُيُوتِ عَمَّٰتِكُمْ أَوْ بُيُوتِ أَخْوَٰلِكُمْ أَوْ بُيُوتِ خَٰلَٰتِكُمْ أَوْ مَا مَلَكْتُم مَّفَاتِحَهُۥٓ أَوْ صَدِيقِكُمْ لَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ أَن تَأْكُلُوا۟ جَمِيعًا أَوْ أَشْتَاتًا فَإِذَا دَخَلْتُم بُيُوتًا فَسَلِّمُوا۟ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمْ تَحِيَّةً مِّنْ عِندِ ٱللَّهِ مُبَٰرَكَةً طَيِّبَةً كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلْـَٔايَٰتِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali Ababor(Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiru, Naafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiru, Dhukkubsataa irraas rakkinni hin jiru, lubbuulee teessan irrattiis manneen keessan irraa nyaachuuf diliin isin irratti hinjiru, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas, yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuu isaa dhuunfattan irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa (nyaachuu keessatti diliin isin irra hin jiru). Walii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatu, Yeroo manneen seentan lubbuulee teessanirratti salaammadhaa. salaamataa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa). Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa akka xiinxaltaniif.

See all translations of this verse →

إِنَّمَا ٱلْمُؤْمِنُونَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَإِذَا كَانُوا۟ مَعَهُۥ عَلَىٰٓ أَمْرٍ جَامِعٍ لَّمْ يَذْهَبُوا۟ حَتَّىٰ يَسْتَـْٔذِنُوهُ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسْتَـْٔذِنُونَكَ أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ فَإِذَا ٱسْتَـْٔذَنُوكَ لِبَعْضِ شَأْنِهِمْ فَأْذَن لِّمَن شِئْتَ مِنْهُمْ وَٱسْتَغْفِرْ لَهُمُ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborMu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, yeroo isaa wajjin dhimma walitti qabaa ta’e irratti ta’an, hanga isa hayyamsiifatanitti achii hin deemneedha. isaan si hayyamsiifatan, isaan sun warra Rabbiifi ergamaa Isaatti amananiidha. Kanaafuu yeroo garii dhimma isaanitiif si hayyamsiifatan, isaan irraa nama feetef hayyami; Rabbi irraas araarama isaaniif kadhu, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

لَّا تَجْعَلُوا۟ دُعَآءَ ٱلرَّسُولِ بَيْنَكُمْ كَدُعَآءِ بَعْضِكُم بَعْضًا قَدْ يَعْلَمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ يَتَسَلَّلُونَ مِنكُمْ لِوَاذًا فَلْيَحْذَرِ ٱلَّذِينَ يُخَالِفُونَ عَنْ أَمْرِهِۦٓ أَن تُصِيبَهُمْ فِتْنَةٌ أَوْ يُصِيبَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWaamicha ergamaa (Rabbii) gidduu keessanitti akka waamicha gariin keessan garii waamu hin taasisinaa. Dhugumatti, Rabbiin isaan isin irraa dhokatanii luqqa’an (ba’an) ni beeka, Kanaafuu isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa haa eeganu.

See all translations of this verse →

أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ قَدْ يَعْلَمُ مَآ أَنتُمْ عَلَيْهِ وَيَوْمَ يُرْجَعُونَ إِلَيْهِ فَيُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوا۟ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌۢ

Oromo Translation - Gali AbaborDhagayaa! Dhugumatti, wanti samiileefi dachii keessa jiran kan Rabbiiti, Dhugumatti, Inni waan isin irra jirtan ni beeka. Guyyaa gara Isaa deebi’an waan isaan dalagan itti odeessa. Rabbiin waan hunda beekaadha.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70