مَّثَلُ ٱلْجَنَّةِ ٱلَّتِى وُعِدَ ٱلْمُتَّقُونَ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ أُكُلُهَا دَآئِمٌ وَظِلُّهَا تِلْكَ عُقْبَى ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوا۟ وَّعُقْبَى ٱلْكَٰفِرِينَ ٱلنَّارُ
Oromo Translation - Gali AbaborFakkeenyi jannata warri (Rabbiin) sodaatan waadaa galamanii, jala ishee laggeentu yaa’a; nyaanni ishee walitti dhaabbataadha; gaaddisni ishees (akkasuma). tun booddee warra Rabbiin sodaataniiti. Booddeen kaafirootaa immoo ibidda.