caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Hashr الحشر

24 verses · Medina · revelation order 101

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborWantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni Injifataa Ogeessa.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِىٓ أَخْرَجَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْ أَهْلِ ٱلْكِتَٰبِ مِن دِيَٰرِهِمْ لِأَوَّلِ ٱلْحَشْرِ مَا ظَنَنتُمْ أَن يَخْرُجُوا۟ وَظَنُّوٓا۟ أَنَّهُم مَّانِعَتُهُمْ حُصُونُهُم مِّنَ ٱللَّهِ فَأَتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِنْ حَيْثُ لَمْ يَحْتَسِبُوا۟ وَقَذَفَ فِى قُلُوبِهِمُ ٱلرُّعْبَ يُخْرِبُونَ بُيُوتَهُم بِأَيْدِيهِمْ وَأَيْدِى ٱلْمُؤْمِنِينَ فَٱعْتَبِرُوا۟ يَٰٓأُو۟لِى ٱلْأَبْصَٰرِ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedha. Bahuu isaanii isin hin yaadne turtan. Isaanis da'annoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadani. Rabbiin bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onneelee isaanii keessatti sodaa darbe. Manneen isaanii harkoowwan isaaniifi harkoowwan mu’uminootaatiin diigan. Yaa warra sammuulee mee xiinxalaa!!

See all translations of this verse →

وَلَوْلَآ أَن كَتَبَ ٱللَّهُ عَلَيْهِمُ ٱلْجَلَآءَ لَعَذَّبَهُمْ فِى ٱلدُّنْيَا وَلَهُمْ فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ عَذَابُ ٱلنَّارِ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) baqa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adaba ture. Isaaniif Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ شَآقُّوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَمَن يُشَآقِّ ٱللَّهَ فَإِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلْعِقَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborKun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifi. Nama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.

See all translations of this verse →

مَا قَطَعْتُم مِّن لِّينَةٍ أَوْ تَرَكْتُمُوهَا قَآئِمَةً عَلَىٰٓ أُصُولِهَا فَبِإِذْنِ ٱللَّهِ وَلِيُخْزِىَ ٱلْفَٰسِقِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborMuka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini. (wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.

See all translations of this verse →

وَمَآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنْهُمْ فَمَآ أَوْجَفْتُمْ عَلَيْهِ مِنْ خَيْلٍ وَلَا رِكَابٍ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يُسَلِّطُ رُسُلَهُۥ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWaan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifne. Garuu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisa. Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.

See all translations of this verse →

مَّآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنْ أَهْلِ ٱلْقُرَىٰ فَلِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِى ٱلْقُرْبَىٰ وَٱلْيَتَٰمَىٰ وَٱلْمَسَٰكِينِ وَٱبْنِ ٱلسَّبِيلِ كَىْ لَا يَكُونَ دُولَةًۢ بَيْنَ ٱلْأَغْنِيَآءِ مِنكُمْ وَمَآ ءَاتَىٰكُمُ ٱلرَّسُولُ فَخُذُوهُ وَمَا نَهَىٰكُمْ عَنْهُ فَٱنتَهُوا۟ وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلْعِقَابِ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise Rabbiifi, ergamaafi, fira dhihoo (ergamaa)fi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame). akka jidduu dureeyyii isin irraa ta'aniitti kan naanna'u hin taaneef jecha. Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kenne qabadhaa. Waan inni irraa isin dhowwes dhowwamaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.

See all translations of this verse →

لِلْفُقَرَآءِ ٱلْمُهَٰجِرِينَ ٱلَّذِينَ أُخْرِجُوا۟ مِن دِيَٰرِهِمْ وَأَمْوَٰلِهِمْ يَبْتَغُونَ فَضْلًا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضْوَٰنًا وَيَنصُرُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHiyyeeyyii godaantotaa warra manneeniifi qabeenya isaanii irraa baafamaniif tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaatii tumsuuf jecha (baafamaniif kennama). Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ تَبَوَّءُو ٱلدَّارَ وَٱلْإِيمَٰنَ مِن قَبْلِهِمْ يُحِبُّونَ مَنْ هَاجَرَ إِلَيْهِمْ وَلَا يَجِدُونَ فِى صُدُورِهِمْ حَاجَةً مِّمَّآ أُوتُوا۟ وَيُؤْثِرُونَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ وَلَوْ كَانَ بِهِمْ خَصَاصَةٌ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفْسِهِۦ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana (qabatan), namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) dursu osoo rakkoon isaanitti jiraatellee. Namni doynummaa lubbuu isaa tikfaman, isaan isaanumaatu milkaa’oodha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ جَآءُو مِنۢ بَعْدِهِمْ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱغْفِرْ لَنَا وَلِإِخْوَٰنِنَا ٱلَّذِينَ سَبَقُونَا بِٱلْإِيمَٰنِ وَلَا تَجْعَلْ فِى قُلُوبِنَا غِلًّا لِّلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ رَبَّنَآ إِنَّكَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri booda isaaniitii dhufan nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami. onneewwan Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisin. Gooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha".

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ نَافَقُوا۟ يَقُولُونَ لِإِخْوَٰنِهِمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْ أَهْلِ ٱلْكِتَٰبِ لَئِنْ أُخْرِجْتُمْ لَنَخْرُجَنَّ مَعَكُمْ وَلَا نُطِيعُ فِيكُمْ أَحَدًا أَبَدًا وَإِن قُوتِلْتُمْ لَنَنصُرَنَّكُمْ وَٱللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّهُمْ لَكَٰذِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gara warra munaafiqa ta'anii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa ta'anii kafaraniin ni jedhu "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waa'ee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra". Rabbiinis akka isaan kijibdoota ta'an ragaa ba'a.

See all translations of this verse →

لَئِنْ أُخْرِجُوا۟ لَا يَخْرُجُونَ مَعَهُمْ وَلَئِن قُوتِلُوا۟ لَا يَنصُرُونَهُمْ وَلَئِن نَّصَرُوهُمْ لَيُوَلُّنَّ ٱلْأَدْبَٰرَ ثُمَّ لَا يُنصَرُونَ

Oromo Translation - Gali Ababoryoo isaan baafamani isaanii wajjiin hin ba'anu; yoo isaan lolaman isaanii hin tumsanu; odoma isaanii tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasii his hin tumsamanu.

See all translations of this verse →

لَأَنتُمْ أَشَدُّ رَهْبَةً فِى صُدُورِهِم مِّنَ ٱللَّهِ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَفْقَهُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadha. Kun waan isaan ummata hin hubanne ta'aniifi.

See all translations of this verse →

لَا يُقَٰتِلُونَكُمْ جَمِيعًا إِلَّا فِى قُرًى مُّحَصَّنَةٍ أَوْ مِن وَرَآءِ جُدُرٍۭ بَأْسُهُم بَيْنَهُمْ شَدِيدٌ تَحْسَبُهُمْ جَمِيعًا وَقُلُوبُهُمْ شَتَّىٰ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWaliin ta'anii isin hin waraanan Yoo magaalota da'annaan marfamte keessa ta'an yookiin dallaa duubaan ta'e malee. Diinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadha. tokkummaa qaban isaan seeta onneewwan isaanii qoqqoodamtuudha. Kun waan isaan namoota hin xiinxalline ta'aniifi.

See all translations of this verse →

كَمَثَلِ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ قَرِيبًا ذَاقُوا۟ وَبَالَ أَمْرِهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali Ababor(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii sani. dalagaa isaanii dhandhaman. Isaaniif adabbii laalessaatu jira.

See all translations of this verse →

كَمَثَلِ ٱلشَّيْطَٰنِ إِذْ قَالَ لِلْإِنسَٰنِ ٱكْفُرْ فَلَمَّا كَفَرَ قَالَ إِنِّى بَرِىٓءٌ مِّنكَ إِنِّىٓ أَخَافُ ٱللَّهَ رَبَّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka fakkii sheyxaanaa yeroo inni ilma namaatiin kafari jedhe. yeroo inni kafare "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti.

See all translations of this verse →

فَكَانَ عَٰقِبَتَهُمَآ أَنَّهُمَا فِى ٱلنَّارِ خَٰلِدَيْنِ فِيهَا وَذَٰلِكَ جَزَٰٓؤُا۟ ٱلظَّٰلِمِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborXumurri isaan lamaaniituu ibidda keessa ta'uudha tahe keessatti hafoo ta'anii. Kun galata zaalimtootaati.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَلْتَنظُرْ نَفْسٌ مَّا قَدَّمَتْ لِغَدٍ وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرٌۢ بِمَا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun tamuu waan boruuf durfatte haa laaltu. Rabbiin sodaadhaa Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

وَلَا تَكُونُوا۟ كَٱلَّذِينَ نَسُوا۟ ٱللَّهَ فَأَنسَىٰهُمْ أَنفُسَهُمْ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْفَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka warra Rabbiin dagatanii lubbuulee isaanii isaan dagachiisee hin ta'inaa, Isaan isaanumatu finciltoota.

See all translations of this verse →

لَا يَسْتَوِىٓ أَصْحَٰبُ ٱلنَّارِ وَأَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ أَصْحَٰبُ ٱلْجَنَّةِ هُمُ ٱلْفَآئِزُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatan. Warri Jannataa isaanumatu milkaa'oodha.

See all translations of this verse →

لَوْ أَنزَلْنَا هَٰذَا ٱلْقُرْءَانَ عَلَىٰ جَبَلٍ لَّرَأَيْتَهُۥ خَٰشِعًا مُّتَصَدِّعًا مِّنْ خَشْيَةِ ٱللَّهِ وَتِلْكَ ٱلْأَمْثَٰلُ نَضْرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَفَكَّرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborOdoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa isa nigarta sodaataa dhodhoohaa sodaa Rabbiirraa. Fakkeenyota tana namootaaf taasifna akka isaan xiinxalaniif.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِى لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ عَٰلِمُ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ هُوَ ٱلرَّحْمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre. (Inni) Beekaa fagoofi dhihooti. Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِى لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْمَلِكُ ٱلْقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلْمُؤْمِنُ ٱلْمُهَيْمِنُ ٱلْعَزِيزُ ٱلْجَبَّارُ ٱلْمُتَكَبِّرُ سُبْحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشْرِكُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa (toohataa), injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Rabbiin qulqullaa'e Waan isaan qindeessan hunda irraa.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱللَّهُ ٱلْخَٰلِقُ ٱلْبَارِئُ ٱلْمُصَوِّرُ لَهُ ٱلْأَسْمَآءُ ٱلْحُسْنَىٰ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70