caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Mujaadila المجادلة

22 verses · Medina · revelation order 105

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ قَدْ سَمِعَ ٱللَّهُ قَوْلَ ٱلَّتِى تُجَٰدِلُكَ فِى زَوْجِهَا وَتَشْتَكِىٓ إِلَى ٱللَّهِ وَٱللَّهُ يَسْمَعُ تَحَاوُرَكُمَآ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌۢ بَصِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti Rabbiin dhaga'eera jecha ishee siin falmituu waa'ee abbaa manaa ishee keessatti, tan gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu (dhagayeera). Rabbiin falmii keessan lamaan ni dhaga'a. Rabbiin dhagayaa, argaadha.{1}

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يُظَٰهِرُونَ مِنكُم مِّن نِّسَآئِهِم مَّا هُنَّ أُمَّهَٰتِهِمْ إِنْ أُمَّهَٰتُهُمْ إِلَّا ٱلَّٰٓـِٔى وَلَدْنَهُمْ وَإِنَّهُمْ لَيَقُولُونَ مُنكَرًا مِّنَ ٱلْقَوْلِ وَزُورًا وَإِنَّ ٱللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii miti. Haadholiin isaanii hintaane isaanuma isaan da'an san malee. dhugumatti Isaan jecha fokkataafi soba dubbatu. Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ يُظَٰهِرُونَ مِن نِّسَآئِهِمْ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا قَالُوا۟ فَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مِّن قَبْلِ أَن يَتَمَآسَّا ذَٰلِكُمْ تُوعَظُونَ بِهِۦ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhanitti deebi'an, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jira. Kana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin jaje). Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

فَمَن لَّمْ يَجِدْ فَصِيَامُ شَهْرَيْنِ مُتَتَابِعَيْنِ مِن قَبْلِ أَن يَتَمَآسَّا فَمَن لَّمْ يَسْتَطِعْ فَإِطْعَامُ سِتِّينَ مِسْكِينًا ذَٰلِكَ لِتُؤْمِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتِلْكَ حُدُودُ ٱللَّهِ وَلِلْكَٰفِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni hin argatin, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jira. Namni (kana) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qaba. Kun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifi. isheen tun daangaalee Rabbiiti. Kaafirootaf adabbii laaleessaa ta'etu jira.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُحَآدُّونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ كُبِتُوا۟ كَمَا كُبِتَ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ وَقَدْ أَنزَلْنَآ ءَايَٰتٍۭ بَيِّنَٰتٍ وَلِلْكَٰفِرِينَ عَذَابٌ مُّهِينٌ

Oromo Translation - Gali Ababorwarren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiru, Nuti dhugumaan ragaalee ifaa buufnee jirra. Kaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ ٱللَّهُ جَمِيعًا فَيُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوٓا۟ أَحْصَىٰهُ ٱللَّهُ وَنَسُوهُ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu]. Rabbiin beekee galmeessera isaan isa dagatan. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ مَا يَكُونُ مِن نَّجْوَىٰ ثَلَٰثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمْ وَلَا خَمْسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمْ وَلَآ أَدْنَىٰ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكْثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمْ أَيْنَ مَا كَانُوا۟ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوا۟ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSila Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti tahee Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin hafu, giddu namoota shaniitti tahee Inni jahaffaa isaanii ta'u malee hinhafu, (giddu namoota) sanaa gadiis ta'ee kan sanarra hedduu iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee hinhafu. Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessa. Rabbiin waan hunda irratti beekaadha.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ نُهُوا۟ عَنِ ٱلنَّجْوَىٰ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا نُهُوا۟ عَنْهُ وَيَتَنَٰجَوْنَ بِٱلْإِثْمِ وَٱلْعُدْوَٰنِ وَمَعْصِيَتِ ٱلرَّسُولِ وَإِذَا جَآءُوكَ حَيَّوْكَ بِمَا لَمْ يُحَيِّكَ بِهِ ٱللَّهُ وَيَقُولُونَ فِىٓ أَنفُسِهِمْ لَوْلَا يُعَذِّبُنَا ٱللَّهُ بِمَا نَقُولُ حَسْبُهُمْ جَهَنَّمُ يَصْلَوْنَهَا فَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborSila ati hin laallee gara warra maqoo (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamaniitti deebi'anii, kan maqatanii (dhooysaan maruyatanii) badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti (hin ilaallee?) Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatu. Lubbuulee isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) (dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne? " jedhu. Jahannam isaaniif geessuudha; ishee seenu. Deebichi (isaanii) waa fokkate!

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا تَنَٰجَيْتُمْ فَلَا تَتَنَٰجَوْا۟ بِٱلْإِثْمِ وَٱلْعُدْوَٰنِ وَمَعْصِيَتِ ٱلرَّسُولِ وَتَنَٰجَوْا۟ بِٱلْبِرِّ وَٱلتَّقْوَىٰ وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ ٱلَّذِىٓ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mari'atinaa. toltuufi sodaa Rabbii irratti mari'adhaa. Rabbii gara Isaatti oofamtan sodaadhaa.

See all translations of this verse →

إِنَّمَا ٱلنَّجْوَىٰ مِنَ ٱلشَّيْطَٰنِ لِيَحْزُنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَلَيْسَ بِضَآرِّهِمْ شَيْـًٔا إِلَّا بِإِذْنِ ٱللَّهِ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborIccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi. (Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata). Waan tokkollee isaan miidhaa hintaane hayyama Rabbiitiin malee. Mu’uminoonnis Rabbiin qofa irratti haa hirkatan.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا قِيلَ لَكُمْ تَفَسَّحُوا۟ فِى ٱلْمَجَٰلِسِ فَٱفْسَحُوا۟ يَفْسَحِ ٱللَّهُ لَكُمْ وَإِذَا قِيلَ ٱنشُزُوا۟ فَٱنشُزُوا۟ يَرْفَعِ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنكُمْ وَٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ دَرَجَٰتٍ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumaalee keessa waliif babal'isaa isiniin jedhame waliif babal'isaa; Rabbiin isiniif bal'isaa. Yeroo ka'aa jedhames ka'aa. Rabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaalee isaan ol kaasa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa Beekaadha.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نَٰجَيْتُمُ ٱلرَّسُولَ فَقَدِّمُوا۟ بَيْنَ يَدَىْ نَجْوَىٰكُمْ صَدَقَةً ذَٰلِكَ خَيْرٌ لَّكُمْ وَأَطْهَرُ فَإِن لَّمْ تَجِدُوا۟ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa dursaa (kennaa). Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadha. Yoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha.

See all translations of this verse →

ءَأَشْفَقْتُمْ أَن تُقَدِّمُوا۟ بَيْنَ يَدَىْ نَجْوَىٰكُمْ صَدَقَٰتٍ فَإِذْ لَمْ تَفْعَلُوا۟ وَتَابَ ٱللَّهُ عَلَيْكُمْ فَأَقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُوا۟ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَٱللَّهُ خَبِيرٌۢ بِمَا تَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaalee dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheera. Salaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

أَلَمْ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ تَوَلَّوْا۟ قَوْمًا غَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيْهِم مَّا هُم مِّنكُمْ وَلَا مِنْهُمْ وَيَحْلِفُونَ عَلَى ٱلْكَذِبِ وَهُمْ يَعْلَمُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila gara Isaan namoota Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; kijiba irratti kakatu odoo beekanuu.

See all translations of this verse →

أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا إِنَّهُمْ سَآءَ مَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin adabbii cimaa isaanif qopheessee jira. Isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate!

See all translations of this verse →

ٱتَّخَذُوٓا۟ أَيْمَٰنَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ فَلَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKakuulee isaanii gaachena taasifatan. karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira.

See all translations of this verse →

لَّن تُغْنِىَ عَنْهُمْ أَمْوَٰلُهُمْ وَلَآ أَوْلَٰدُهُم مِّنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلنَّارِ هُمْ فِيهَا خَٰلِدُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborQabeenyaaleen isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa wama tokko isaan hin duroomsanu. Isaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ ٱللَّهُ جَمِيعًا فَيَحْلِفُونَ لَهُۥ كَمَا يَحْلِفُونَ لَكُمْ وَيَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ عَلَىٰ شَىْءٍ أَلَآ إِنَّهُمْ هُمُ ٱلْكَٰذِبُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu sana akkuma isiniif kakatan Isaafis (Rabbiifis) kakatu. Waan (haqa) wahii irra jiran of se'u. Dhagayaa! isaan isaanumatu sobdoota.

See all translations of this verse →

ٱسْتَحْوَذَ عَلَيْهِمُ ٱلشَّيْطَٰنُ فَأَنسَىٰهُمْ ذِكْرَ ٱللَّهِ أُو۟لَٰٓئِكَ حِزْبُ ٱلشَّيْطَٰنِ أَلَآ إِنَّ حِزْبَ ٱلشَّيْطَٰنِ هُمُ ٱلْخَٰسِرُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborSheyxaanni isaan irratti moo'ee faaruu Rabbii isaan dagachiisee. raIsaan garee sheyxaanati. Dhaga'aa! Gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُحَآدُّونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓ أُو۟لَٰٓئِكَ فِى ٱلْأَذَلِّينَ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra gadi aanoo keessa ta’u.

See all translations of this verse →

كَتَبَ ٱللَّهُ لَأَغْلِبَنَّ أَنَا۠ وَرُسُلِىٓ إِنَّ ٱللَّهَ قَوِىٌّ عَزِيزٌ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin Barreesse "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni mo'anna" (jechuun). Rabbiin Jabaa, Injifataadha.

See all translations of this verse →

لَّا تَجِدُ قَوْمًا يُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ يُوَآدُّونَ مَنْ حَآدَّ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَلَوْ كَانُوٓا۟ ءَابَآءَهُمْ أَوْ أَبْنَآءَهُمْ أَوْ إِخْوَٰنَهُمْ أَوْ عَشِيرَتَهُمْ أُو۟لَٰٓئِكَ كَتَبَ فِى قُلُوبِهِمُ ٱلْإِيمَٰنَ وَأَيَّدَهُم بِرُوحٍ مِّنْهُ وَيُدْخِلُهُمْ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا رَضِىَ ٱللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا۟ عَنْهُ أُو۟لَٰٓئِكَ حِزْبُ ٱللَّهِ أَلَآ إِنَّ حِزْبَ ٱللَّهِ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHin argitu Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman kan jaallatanu hin argitu. odoma abbootii isaanii tahanillee, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii (ta'anillee). Isaan sana (Rabbiin) onneelee isaanii keessatti iimaana barreessee jira. qilleensa (tumsa) Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseera. Jannatoota laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa achi keessaatti hafoo haala ta'aniin. Rabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Isaan tuuta Rabbiiti. Dhagayaa! cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70