هُوَ ٱللَّهُ ٱلْخَٰلِقُ ٱلْبَارِئُ ٱلْمُصَوِّرُ لَهُ ٱلْأَسْمَآءُ ٱلْحُسْنَىٰ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali AbaborInni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.