Surah Al-Mumtahana الممتحنة
13 verses · Medina · revelation order 91
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَّخِذُوا۟ عَدُوِّى وَعَدُوَّكُمْ أَوْلِيَآءَ تُلْقُونَ إِلَيْهِم بِٱلْمَوَدَّةِ وَقَدْ كَفَرُوا۟ بِمَا جَآءَكُم مِّنَ ٱلْحَقِّ يُخْرِجُونَ ٱلرَّسُولَ وَإِيَّاكُمْ أَن تُؤْمِنُوا۟ بِٱللَّهِ رَبِّكُمْ إِن كُنتُمْ خَرَجْتُمْ جِهَٰدًا فِى سَبِيلِى وَٱبْتِغَآءَ مَرْضَاتِى تُسِرُّونَ إِلَيْهِم بِٱلْمَوَدَّةِ وَأَنَا۠ أَعْلَمُ بِمَآ أَخْفَيْتُمْ وَمَآ أَعْلَنتُمْ وَمَن يَفْعَلْهُ مِنكُمْ فَقَدْ ضَلَّ سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalalleewwan hin godhatinaa. kan isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftan (hingodhatinaa). dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii jiran. Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu, sababa isin Rabbii Gooftaa keessan ta'etti amantaniif qofa. Yoo karaa Kiyya keessatti qabsaa'uufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa). kan gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftan (hingodhatinaa). Ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ninbeeka. Isin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera.
See all translations of this verse →
إِن يَثْقَفُوكُمْ يَكُونُوا۟ لَكُمْ أَعْدَآءً وَيَبْسُطُوٓا۟ إِلَيْكُمْ أَيْدِيَهُمْ وَأَلْسِنَتَهُم بِٱلسُّوٓءِ وَوَدُّوا۟ لَوْ تَكْفُرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYoo isin arganiif diinota isiniif ta'u. Harkoowwaniifi arraboowwan isaanii hamtuun gara keessanitti diriirsu. osoo kafartanii jaalatu.
See all translations of this verse →
لَن تَنفَعَكُمْ أَرْحَامُكُمْ وَلَآ أَوْلَٰدُكُمْ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ يَفْصِلُ بَيْنَكُمْ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ
Oromo Translation - Gali AbaborFiroonni keessaniifi ilmaan keessanis homaa isin hin fayyadanu; Guyyaa Qiyaamaa (Rabbiin) jidduu keessan addaan isin baasa. Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.
See all translations of this verse →
قَدْ كَانَتْ لَكُمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ فِىٓ إِبْرَٰهِيمَ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥٓ إِذْ قَالُوا۟ لِقَوْمِهِمْ إِنَّا بُرَءَٰٓؤُا۟ مِنكُمْ وَمِمَّا تَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ كَفَرْنَا بِكُمْ وَبَدَا بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ ٱلْعَدَٰوَةُ وَٱلْبَغْضَآءُ أَبَدًا حَتَّىٰ تُؤْمِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَحْدَهُۥٓ إِلَّا قَوْلَ إِبْرَٰهِيمَ لِأَبِيهِ لَأَسْتَغْفِرَنَّ لَكَ وَمَآ أَمْلِكُ لَكَ مِنَ ٱللَّهِ مِن شَىْءٍ رَّبَّنَا عَلَيْكَ تَوَكَّلْنَا وَإِلَيْكَ أَنَبْنَا وَإِلَيْكَ ٱلْمَصِيرُ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif ta'eera. Yeroo (isaan) ummata isaaniitiin jedhan "nuti isiniifi waan isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqullaawoodha; isinitti kafarre; gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa ba'eera hanga Rabbii tokkichatti amantanutti" (jedhan) (kana keessatti hidhannoon gaariin isiniif jira). Jecha Ibraahiim malee kan abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo homaa siif hin fayyadu" "Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keetti deebine; deebiin garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa).
See all translations of this verse →
رَبَّنَا لَا تَجْعَلْنَا فِتْنَةً لِّلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَٱغْفِرْ لَنَا رَبَّنَآ إِنَّكَ أَنتَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ
Oromo Translation - Gali Ababor"Gooftaa keenya! warra kafaraniif mokkoroo nu hin godhin. Gooftaa keenya! Nuuf araarami; Ati injifataa ogeessa.
See all translations of this verse →
لَقَدْ كَانَ لَكُمْ فِيهِمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِّمَن كَانَ يَرْجُوا۟ ٱللَّهَ وَٱلْيَوْمَ ٱلْـَٔاخِرَ وَمَن يَتَوَلَّ فَإِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْغَنِىُّ ٱلْحَمِيدُ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, isaan keessa hidhannoo gaariitu isiniif jira nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa kajeeluuf. Namni (kanarraa) garagale (ofuma miidha) Rabbiin inni dureessa faarfamaadha.
See all translations of this verse →
عَسَى ٱللَّهُ أَن يَجْعَلَ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَ ٱلَّذِينَ عَادَيْتُم مِّنْهُم مَّوَدَّةً وَٱللَّهُ قَدِيرٌ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelama. Rabbiin Danda'aadha. Ammas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
لَّا يَنْهَىٰكُمُ ٱللَّهُ عَنِ ٱلَّذِينَ لَمْ يُقَٰتِلُوكُمْ فِى ٱلدِّينِ وَلَمْ يُخْرِجُوكُم مِّن دِيَٰرِكُمْ أَن تَبَرُّوهُمْ وَتُقْسِطُوٓا۟ إِلَيْهِمْ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلْمُقْسِطِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin isin hindhoowwu isaan sababaa amantiitiin isin hin waraaniniifi manneen keessan irraa isin hin baasiniif tola ooluufi haqaa isaanitti hojjachuu isin hin dhorgu. Rabbiin warra haqa dalagan jaalata.
See all translations of this verse →
إِنَّمَا يَنْهَىٰكُمُ ٱللَّهُ عَنِ ٱلَّذِينَ قَٰتَلُوكُمْ فِى ٱلدِّينِ وَأَخْرَجُوكُم مِّن دِيَٰرِكُمْ وَظَٰهَرُوا۟ عَلَىٰٓ إِخْرَاجِكُمْ أَن تَوَلَّوْهُمْ وَمَن يَتَوَلَّهُمْ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborKan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran isin isaan jaalalloo godhachuu (irraa isin dhoowwa). Namni isaan jaalalloo godhate, isaan isaanumaatu zaalimoota.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا جَآءَكُمُ ٱلْمُؤْمِنَٰتُ مُهَٰجِرَٰتٍ فَٱمْتَحِنُوهُنَّ ٱللَّهُ أَعْلَمُ بِإِيمَٰنِهِنَّ فَإِنْ عَلِمْتُمُوهُنَّ مُؤْمِنَٰتٍ فَلَا تَرْجِعُوهُنَّ إِلَى ٱلْكُفَّارِ لَا هُنَّ حِلٌّ لَّهُمْ وَلَا هُمْ يَحِلُّونَ لَهُنَّ وَءَاتُوهُم مَّآ أَنفَقُوا۟ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ أَن تَنكِحُوهُنَّ إِذَآ ءَاتَيْتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ وَلَا تُمْسِكُوا۟ بِعِصَمِ ٱلْكَوَافِرِ وَسْـَٔلُوا۟ مَآ أَنفَقْتُمْ وَلْيَسْـَٔلُوا۟ مَآ أَنفَقُوا۟ ذَٰلِكُمْ حُكْمُ ٱللَّهِ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu ta'anii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaa. Iimaana isaanii Rabbiin beekaa. Yoo mu’uminoota ta'uu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaa. Isaan (dubartoonni) isaaniif halaalii miti; isaanis (dhiironni) isaaniif halaalii miti. Isaaniif (dhirsota isaanii kan kaafiraatiif) waan isaan baasan kennaa. Yeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiru. Waadaalee fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera). Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatani. Kun murtii Rabbiiti (Isatu) gidduu keessanitti murteessa. Rabbiin beekaa ogeessa.
See all translations of this verse →
وَإِن فَاتَكُمْ شَىْءٌ مِّنْ أَزْوَٰجِكُمْ إِلَى ٱلْكُفَّارِ فَعَاقَبْتُمْ فَـَٔاتُوا۟ ٱلَّذِينَ ذَهَبَتْ أَزْوَٰجُهُم مِّثْلَ مَآ أَنفَقُوا۟ وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ ٱلَّذِىٓ أَنتُم بِهِۦ مُؤْمِنُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborYoo tokkoon niitolee keessan irraa taate gara kaafirootaa isin jalaa baatee ergasii loltanii boojitan isaan niitoleen isaanii deemaniif fakkaataa waan isaan baasanii kennaafii. Rabbii isa itti amantan sodaadhaa.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِىُّ إِذَا جَآءَكَ ٱلْمُؤْمِنَٰتُ يُبَايِعْنَكَ عَلَىٰٓ أَن لَّا يُشْرِكْنَ بِٱللَّهِ شَيْـًٔا وَلَا يَسْرِقْنَ وَلَا يَزْنِينَ وَلَا يَقْتُلْنَ أَوْلَٰدَهُنَّ وَلَا يَأْتِينَ بِبُهْتَٰنٍ يَفْتَرِينَهُۥ بَيْنَ أَيْدِيهِنَّ وَأَرْجُلِهِنَّ وَلَا يَعْصِينَكَ فِى مَعْرُوفٍ فَبَايِعْهُنَّ وَٱسْتَغْفِرْ لَهُنَّ ٱللَّهَ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoonni mu’uminaa waadaa sii galuuf gara kee dhufan, (wanni irratti waadaa galan) Rabbitti homaa qindeessuu dhiisuu, hatuu dhiisuu, Zinaa godhuu dhabuu, ijoollee isaaniis ajjeesuu dhiisuu, cubbuu harka isaaniitiifi miila isaanii gidduutti uumanii odeessuu dhabuufi akka waan gaarii keessatti ajaja kee hin faallessine waadaa isaan irraa fuudhi. Rabbiinis araarama isaaniif kadhu. Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.
See all translations of this verse →
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَتَوَلَّوْا۟ قَوْمًا غَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيْهِمْ قَدْ يَئِسُوا۟ مِنَ ٱلْـَٔاخِرَةِ كَمَا يَئِسَ ٱلْكُفَّارُ مِنْ أَصْحَٰبِ ٱلْقُبُورِ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Ummata Rabbiin irratti dallane jaalallee hin godhatinaa. Akkuma kaafiroonni warra qabrii irraa abdii muratan isaanis Aakhiraa irraa dhugumatti abdii murataniiru.
See all translations of this verse →
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
→