caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Bayyina البينة

8 verses · Medina · revelation order 100

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ لَمْ يَكُنِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْ أَهْلِ ٱلْكِتَٰبِ وَٱلْمُشْرِكِينَ مُنفَكِّينَ حَتَّىٰ تَأْتِيَهُمُ ٱلْبَيِّنَةُ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran jallina isaanii kan gadidhiisan hintaane hanga ragaan isaanitti dhufetti.

See all translations of this verse →

رَسُولٌ مِّنَ ٱللَّهِ يَتْلُوا۟ صُحُفًا مُّطَهَّرَةً

Oromo Translation - Gali Ababor(Ragichis) ergamaa Rabbi irraa ta’e kan kitaabota qulqulleeffame dubbisu.

See all translations of this verse →

فِيهَا كُتُبٌ قَيِّمَةٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIshee keessa barreeffamoota sirriitu jira.

See all translations of this verse →

وَمَا تَفَرَّقَ ٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْكِتَٰبَ إِلَّا مِنۢ بَعْدِ مَا جَآءَتْهُمُ ٱلْبَيِّنَةُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kitaaba kennaman adda hinfacaane eega ragaan ifaan isaanitti dhufue booda malee.

See all translations of this verse →

وَمَآ أُمِرُوٓا۟ إِلَّا لِيَعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ حُنَفَآءَ وَيُقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤْتُوا۟ ٱلزَّكَوٰةَ وَذَٰلِكَ دِينُ ٱلْقَيِّمَةِ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamne. Kun amantii qajeelaadha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْ أَهْلِ ٱلْكِتَٰبِ وَٱلْمُشْرِكِينَ فِى نَارِ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمْ شَرُّ ٱلْبَرِيَّةِ

Oromo Translation - Gali AbaborWarri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمْ خَيْرُ ٱلْبَرِيَّةِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati.

See all translations of this verse →

جَزَآؤُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّٰتُ عَدْنٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا رَّضِىَ ٱللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا۟ عَنْهُ ذَٰلِكَ لِمَنْ خَشِىَ رَبَّهُۥ

Oromo Translation - Gali AbaborMindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa, kan jala ishee laggeen yaatu, zalaalam ishee keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Kun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70