caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah At-Taghaabun التغابن

18 verses · Medina · revelation order 108

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ لَهُ ٱلْمُلْكُ وَلَهُ ٱلْحَمْدُ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessa. Mootummaan kan Isaati; faarunis kan Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَكُمْ فَمِنكُمْ كَافِرٌ وَمِنكُم مُّؤْمِنٌ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa isin uume Isin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jira. Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.

See all translations of this verse →

خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِٱلْحَقِّ وَصَوَّرَكُمْ فَأَحْسَنَ صُوَرَكُمْ وَإِلَيْهِ ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborSamiileefi dachii dhugaan uume. Isinis bocee boca keessan bareeche, Deebiin garuma isaati.

See all translations of this verse →

يَعْلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَيَعْلَمُ مَا تُسِرُّونَ وَمَا تُعْلِنُونَ وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ

Oromo Translation - Gali AbaborWantoota samiileefi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beeka. Rabbiin waan qomoowwan keessaa beekaadha.

See all translations of this verse →

أَلَمْ يَأْتِكُمْ نَبَؤُا۟ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن قَبْلُ فَذَاقُوا۟ وَبَالَ أَمْرِهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborSila oduun warra duraan kafaranii isinitti hin dhufnee! adabbii kufrii isaanii dhandhaman, Isaaniif ibidda laalessaatu jira.

See all translations of this verse →

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُۥ كَانَت تَّأْتِيهِمْ رُسُلُهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ فَقَالُوٓا۟ أَبَشَرٌ يَهْدُونَنَا فَكَفَرُوا۟ وَتَوَلَّوا۟ وَّٱسْتَغْنَى ٱللَّهُ وَٱللَّهُ غَنِىٌّ حَمِيدٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifi. Rabbiinis of ga'e. Rabbiin dureessa faarfamaadha.

See all translations of this verse →

زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَن لَّن يُبْعَثُوا۟ قُلْ بَلَىٰ وَرَبِّى لَتُبْعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلْتُمْ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha".

See all translations of this verse →

فَـَٔامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلنُّورِ ٱلَّذِىٓ أَنزَلْنَا وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiifi Ergamaa Isaatti amanaa. akkasumas ifaa isa Nuti buufnetti (amanaa). Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَجْمَعُكُمْ لِيَوْمِ ٱلْجَمْعِ ذَٰلِكَ يَوْمُ ٱلتَّغَابُنِ وَمَن يُؤْمِنۢ بِٱللَّهِ وَيَعْمَلْ صَٰلِحًا يُكَفِّرْ عَنْهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُدْخِلْهُ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا ذَٰلِكَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]. Sun guyyaa wal gowwoomsuuti. Namni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) diliilee isaa isarraa harcaasa. Jannatoowwan jala ishee laggeen yaatu isa seensisa haala isii keessatti abaditti hafoo ta'aniin. Sun milkii guddaadha.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَكَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَآ أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلنَّارِ خَٰلِدِينَ فِيهَا وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, isaan warra ibiddaati ishee keessatti hafoodha. (Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte!

See all translations of this verse →

مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ إِلَّا بِإِذْنِ ٱللَّهِ وَمَن يُؤْمِنۢ بِٱللَّهِ يَهْدِ قَلْبَهُۥ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborHamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin malee nama hin tuqu. Nama Rabbitti amane qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hunda beekaadha.

See all translations of this verse →

وَأَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ فَإِن تَوَلَّيْتُمْ فَإِنَّمَا عَلَىٰ رَسُولِنَا ٱلْبَلَٰغُ ٱلْمُبِينُ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaa, Yoo gara galtan wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu mul'ataa qofa.

See all translations of this verse →

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ ٱلْمُؤْمِنُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Mu'uminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِنَّ مِنْ أَزْوَٰجِكُمْ وَأَوْلَٰدِكُمْ عَدُوًّا لَّكُمْ فَٱحْذَرُوهُمْ وَإِن تَعْفُوا۟ وَتَصْفَحُوا۟ وَتَغْفِرُوا۟ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaa. Yoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

إِنَّمَآ أَمْوَٰلُكُمْ وَأَوْلَٰدُكُمْ فِتْنَةٌ وَٱللَّهُ عِندَهُۥٓ أَجْرٌ عَظِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborQabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodha. Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.

See all translations of this verse →

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ مَا ٱسْتَطَعْتُمْ وَٱسْمَعُوا۟ وَأَطِيعُوا۟ وَأَنفِقُوا۟ خَيْرًا لِّأَنفُسِكُمْ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفْسِهِۦ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُفْلِحُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborHanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuulee teessaniif caala. Namni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha.

See all translations of this verse →

إِن تُقْرِضُوا۟ ٱللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا يُضَٰعِفْهُ لَكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ وَٱللَّهُ شَكُورٌ حَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramas. Rabbiin galateeffataa obsaadha.

See all translations of this verse →

عَٰلِمُ ٱلْغَيْبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70