يَوْمَ يَجْمَعُكُمْ لِيَوْمِ ٱلْجَمْعِ ذَٰلِكَ يَوْمُ ٱلتَّغَابُنِ وَمَن يُؤْمِنۢ بِٱللَّهِ وَيَعْمَلْ صَٰلِحًا يُكَفِّرْ عَنْهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُدْخِلْهُ جَنَّٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا ذَٰلِكَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ
Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]. Sun guyyaa wal gowwoomsuuti. Namni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) diliilee isaa isarraa harcaasa. Jannatoowwan jala ishee laggeen yaatu isa seensisa haala isii keessatti abaditti hafoo ta'aniin. Sun milkii guddaadha.