وَقِيلَ يَٰٓأَرْضُ ٱبْلَعِى مَآءَكِ وَيَٰسَمَآءُ أَقْلِعِى وَغِيضَ ٱلْمَآءُ وَقُضِىَ ٱلْأَمْرُ وَٱسْتَوَتْ عَلَى ٱلْجُودِىِّ وَقِيلَ بُعْدًا لِّلْقَوْمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborNi jedhame: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi, Yaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaan xuuxamee hir’ate. Murtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatame. Isheen tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatte. Ni jedhame: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”