بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ إِذَا جَآءَكَ ٱلْمُنَٰفِقُونَ قَالُوا۟ نَشْهَدُ إِنَّكَ لَرَسُولُ ٱللَّهِ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ إِنَّكَ لَرَسُولُهُۥ وَٱللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّ ٱلْمُنَٰفِقِينَ لَكَٰذِبُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborMunaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhu. Dhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a.