أَلَمْ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِ مَا يَكُونُ مِن نَّجْوَىٰ ثَلَٰثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمْ وَلَا خَمْسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمْ وَلَآ أَدْنَىٰ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكْثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمْ أَيْنَ مَا كَانُوا۟ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوا۟ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborSila Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti tahee Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin hafu, giddu namoota shaniitti tahee Inni jahaffaa isaanii ta'u malee hinhafu, (giddu namoota) sanaa gadiis ta'ee kan sanarra hedduu iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee hinhafu. Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessa. Rabbiin waan hunda irratti beekaadha.