caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Hadid الحديد

29 verses · Medina · revelation order 94

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborWanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa, Ogeessa.

See all translations of this verse →

لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ يُحْىِۦ وَيُمِيتُ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborMootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلْأَوَّلُ وَٱلْـَٔاخِرُ وَٱلظَّٰهِرُ وَٱلْبَاطِنُ وَهُوَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataadha Inni waan hunda beekaadha.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ يَعْلَمُ مَا يَلِجُ فِى ٱلْأَرْضِ وَمَا يَخْرُجُ مِنْهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعْرُجُ فِيهَا وَهُوَ مَعَكُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa samiileefi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii ‘Arshii’ irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Waan dachii keessa gadi seenu nibeeka, waan ishee irraa ba’us, waan samii irraa bu’us, waan ishee keessa ol ba’us (ni beeka). Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira. Rabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga.

See all translations of this verse →

لَّهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرْجَعُ ٱلْأُمُورُ

Oromo Translation - Gali AbaborMootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Dhimmoonni gara Rabbiitti deebifamti.

See all translations of this verse →

يُولِجُ ٱلَّيْلَ فِى ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِى ٱلَّيْلِ وَهُوَ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ

Oromo Translation - Gali AbaborHalkan guyyaa keessa galcha; guyyaas halkan keessa galcha. Inni beekaa waan qomoota keessa jiruuti.

See all translations of this verse →

ءَامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَأَنفِقُوا۟ مِمَّا جَعَلَكُم مُّسْتَخْلَفِينَ فِيهِ فَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنكُمْ وَأَنفَقُوا۟ لَهُمْ أَجْرٌ كَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborRabbiifi ergamaa Isaatti amanaa; waan Inni isa keessatti bakka bu’oota isin taasise irraas kennadhaa. Isin irraa isaan amananii, arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.

See all translations of this verse →

وَمَا لَكُمْ لَا تُؤْمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلرَّسُولُ يَدْعُوكُمْ لِتُؤْمِنُوا۟ بِرَبِّكُمْ وَقَدْ أَخَذَ مِيثَٰقَكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborSila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan? Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taatan.

See all translations of this verse →

هُوَ ٱلَّذِى يُنَزِّلُ عَلَىٰ عَبْدِهِۦٓ ءَايَٰتٍۭ بَيِّنَٰتٍ لِّيُخْرِجَكُم مِّنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ وَإِنَّ ٱللَّهَ بِكُمْ لَرَءُوفٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborInni Isa gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an buuseedha, dukkanoowwan irraa gara ifaatti isin baasuuf jecha. Allaah’n isin mararfataa, rahmata godhaadha.

See all translations of this verse →

وَمَا لَكُمْ أَلَّا تُنفِقُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ وَلِلَّهِ مِيرَٰثُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ لَا يَسْتَوِى مِنكُم مَّنْ أَنفَقَ مِن قَبْلِ ٱلْفَتْحِ وَقَٰتَلَ أُو۟لَٰٓئِكَ أَعْظَمُ دَرَجَةً مِّنَ ٱلَّذِينَ أَنفَقُوا۟ مِنۢ بَعْدُ وَقَٰتَلُوا۟ وَكُلًّا وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلْحُسْنَىٰ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborKaraa Rabbii keessatti kan hin arjoomne maaltu isiniif tahe? Dhaalli samiileefi dachiis kan Allaah qofa. Isin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi lole (isaan sana booda arjoomaniifi lolan wajjiin) wal hin qixxaatu. Isaan sun warra sana booda arjoomaniifi lolan irra sadarkaa guddaa qabu. Hundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jira. Rabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.

See all translations of this verse →

مَّن ذَا ٱلَّذِى يُقْرِضُ ٱللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا فَيُضَٰعِفَهُۥ لَهُۥ وَلَهُۥٓ أَجْرٌ كَرِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborNamni Rabbiif liqii gaarii liqeessee eenyu laata? kan Inni (Rabbiin) dachaa isaaf taasisu, kan mindaan gaariin isaaf ta’u.

See all translations of this verse →

يَوْمَ تَرَى ٱلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ يَسْعَىٰ نُورُهُم بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَبِأَيْمَٰنِهِم بُشْرَىٰكُمُ ٱلْيَوْمَ جَنَّٰتٌ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا ذَٰلِكَ هُوَ ٱلْفَوْزُ ٱلْعَظِيمُ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa argitu kan ifaan isaanii fuuldura isaanitiifi mirgaalee isaanii irra deemu “gammachuun keessan ar’a, oyruu jala isii laggeen yaatuudha isii keessatti hafoo taatanii (isii seentu); Sun milkii guddaadha” (isaaniin jedhama).

See all translations of this verse →

يَوْمَ يَقُولُ ٱلْمُنَٰفِقُونَ وَٱلْمُنَٰفِقَٰتُ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱنظُرُونَا نَقْتَبِسْ مِن نُّورِكُمْ قِيلَ ٱرْجِعُوا۟ وَرَآءَكُمْ فَٱلْتَمِسُوا۟ نُورًا فَضُرِبَ بَيْنَهُم بِسُورٍ لَّهُۥ بَابٌۢ بَاطِنُهُۥ فِيهِ ٱلرَّحْمَةُ وَظَٰهِرُهُۥ مِن قِبَلِهِ ٱلْعَذَابُ

Oromo Translation - Gali AbaborGuyyaa munaafiqoonni dhiirotaafi dubartootaa isaan amananiin “nu eegaa! Ifaa keessan irraa qabsiifannaa!” jedhan, “Gara booda keessaniitti deebi’aa! Ifaa (achii) barbaadaa” jedhama. Gidduu isaaniitti jogola (dahoo) balbala qabu kan keessoo isaa keessi rahmanni, ala isaa immoo kallattii isaatiin azaabn jiru taasifama.

See all translations of this verse →

يُنَادُونَهُمْ أَلَمْ نَكُن مَّعَكُمْ قَالُوا۟ بَلَىٰ وَلَٰكِنَّكُمْ فَتَنتُمْ أَنفُسَكُمْ وَتَرَبَّصْتُمْ وَٱرْتَبْتُمْ وَغَرَّتْكُمُ ٱلْأَمَانِىُّ حَتَّىٰ جَآءَ أَمْرُ ٱللَّهِ وَغَرَّكُم بِٱللَّهِ ٱلْغَرُورُ

Oromo Translation - Gali Ababor(Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti isin waliin hin turree?” (jedhuun). nijedhniin “Eeyyeen! Garuu isin lubbuulee keessan jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, (amantiis) shakkitanii, hawwiin sobaa isin gowwoomsitee hanga ajajni Rabbii dhufutti, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse.

See all translations of this verse →

فَٱلْيَوْمَ لَا يُؤْخَذُ مِنكُمْ فِدْيَةٌ وَلَا مِنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مَأْوَىٰكُمُ ٱلنَّارُ هِىَ مَوْلَىٰكُمْ وَبِئْسَ ٱلْمَصِيرُ

Oromo Translation - Gali AbaborHar’a isiniifi isaan kafaran irraas kafaltiin (furtuun) hin fuudhamu. Teessoon keessan ibidda. Isheen isiniin maltuu teessani. Deebiin waa fokkate!

See all translations of this verse →

أَلَمْ يَأْنِ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَن تَخْشَعَ قُلُوبُهُمْ لِذِكْرِ ٱللَّهِ وَمَا نَزَلَ مِنَ ٱلْحَقِّ وَلَا يَكُونُوا۟ كَٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْكِتَٰبَ مِن قَبْلُ فَطَالَ عَلَيْهِمُ ٱلْأَمَدُ فَقَسَتْ قُلُوبُهُمْ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborWarra amananiif hin dhihaannee, yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitiifi dhugaa irraa waan bu’eef laaftu? Akka warra isaaniin dura kitaaba kennamanii tahuu dhabutti (hin dhihaannee?),kan yeroon isaanirratti dheerattee, qalbiileen isaanii goggogdee. baay’een isaan irraa tahe jallatoodha.

See all translations of this verse →

ٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ يُحْىِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا قَدْ بَيَّنَّا لَكُمُ ٱلْـَٔايَٰتِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborBeekaa! Rabbiin dachii erga isheen duutee booda jiraachisa. Dhugumatti, keeyyattoota (keenya) isiniif addeessinee jirra akka isin hubattaniif jecha.

See all translations of this verse →

إِنَّ ٱلْمُصَّدِّقِينَ وَٱلْمُصَّدِّقَٰتِ وَأَقْرَضُوا۟ ٱللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا يُضَٰعَفُ لَهُمْ وَلَهُمْ أَجْرٌ كَرِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif taasifamaa. galanni gaariin isaaniif tahe.

See all translations of this verse →

وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦٓ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصِّدِّيقُونَ وَٱلشُّهَدَآءُ عِندَ رَبِّهِمْ لَهُمْ أَجْرُهُمْ وَنُورُهُمْ وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَكَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَآ أُو۟لَٰٓئِكَ أَصْحَٰبُ ٱلْجَحِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan Rabbiifi ergamoota Isaatti amanani, isaantu warra dhugaan amananiidha. Wareegamtoonni Gooftaa isaanii biratti mindaa isaanitiifi ibsaa isaaniitu isaaniif jira. Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.

See all translations of this verse →

ٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا لَعِبٌ وَلَهْوٌ وَزِينَةٌ وَتَفَاخُرٌۢ بَيْنَكُمْ وَتَكَاثُرٌ فِى ٱلْأَمْوَٰلِ وَٱلْأَوْلَٰدِ كَمَثَلِ غَيْثٍ أَعْجَبَ ٱلْكُفَّارَ نَبَاتُهُۥ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَىٰهُ مُصْفَرًّا ثُمَّ يَكُونُ حُطَٰمًا وَفِى ٱلْـَٔاخِرَةِ عَذَابٌ شَدِيدٌ وَمَغْفِرَةٌ مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضْوَٰنٌ وَمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَآ إِلَّا مَتَٰعُ ٱلْغُرُورِ

Oromo Translation - Gali Ababor(Beekaa) Jireenyi addunyaa tapha, gammachuu (yeroo gabaabaa), miidhagina, dhaaddannoo gidduu keessaniitiifi qabeenyaafi ilmaan baay’ifatuu qofa. Akka fakkeenya bokkaa, margi isaa qotee bulaa dinqisiisee, kan ergasii gogee daalachaa’aa ta’uu argitee, ergasii caccabaa ta’eeti. Aakhiratti adabbii cimaa, araaramaafi jaalala Rabbi irraa ta’etu jira. Jireenyi addunyaa meeshaa daguuti malee waan biraatii miti.

See all translations of this verse →

سَابِقُوٓا۟ إِلَىٰ مَغْفِرَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ وَجَنَّةٍ عَرْضُهَا كَعَرْضِ ٱلسَّمَآءِ وَٱلْأَرْضِ أُعِدَّتْ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ ذَٰلِكَ فَضْلُ ٱللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ ذُو ٱلْفَضْلِ ٱلْعَظِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborWal dorgomaa Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samiifi dachii ta’eetti. Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti amananiif qophoofte. Kun tola Rabbiiti. isa nikenna nama fedheef. Rabbiin abbaa tola guddaati.

See all translations of this verse →

مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِىٓ أَنفُسِكُمْ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ مِّن قَبْلِ أَن نَّبْرَأَهَآ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborRakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti (galmeessinu) malee hin hafu. kun Rabbi irratti laafaadha.

See all translations of this verse →

لِّكَيْلَا تَأْسَوْا۟ عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا تَفْرَحُوا۟ بِمَآ ءَاتَىٰكُمْ وَٱللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi, waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe). Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu.

See all translations of this verse →

ٱلَّذِينَ يَبْخَلُونَ وَيَأْمُرُونَ ٱلنَّاسَ بِٱلْبُخْلِ وَمَن يَتَوَلَّ فَإِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْغَنِىُّ ٱلْحَمِيدُ

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra doynoomanii, namallee doynummatti ajajaniidha. Namni (amantii irraa) garagale Rabbiin dureessa faarfamaadha.

See all translations of this verse →

لَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلَنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ وَأَنزَلْنَا مَعَهُمُ ٱلْكِتَٰبَ وَٱلْمِيزَانَ لِيَقُومَ ٱلنَّاسُ بِٱلْقِسْطِ وَأَنزَلْنَا ٱلْحَدِيدَ فِيهِ بَأْسٌ شَدِيدٌ وَمَنَٰفِعُ لِلنَّاسِ وَلِيَعْلَمَ ٱللَّهُ مَن يَنصُرُهُۥ وَرُسُلَهُۥ بِٱلْغَيْبِ إِنَّ ٱللَّهَ قَوِىٌّ عَزِيزٌ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi miizaana isaan waliin buufnee akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha. Sibiilas buufneerra kan isa keessa humna cimaafi namootaaf bu’aawwan jiru goonee. Rabbiin nama Isaafi ergamtoota Isaa fagootti (ghaybiitti) tumsanu mul’isuuf (kana godhe). Rabbiin jabaa, injifataadha.

See all translations of this verse →

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا وَإِبْرَٰهِيمَ وَجَعَلْنَا فِى ذُرِّيَّتِهِمَا ٱلنُّبُوَّةَ وَٱلْكِتَٰبَ فَمِنْهُم مُّهْتَدٍ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirra. Sanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba goonee jirra. Isaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota.

See all translations of this verse →

ثُمَّ قَفَّيْنَا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم بِرُسُلِنَا وَقَفَّيْنَا بِعِيسَى ٱبْنِ مَرْيَمَ وَءَاتَيْنَٰهُ ٱلْإِنجِيلَ وَجَعَلْنَا فِى قُلُوبِ ٱلَّذِينَ ٱتَّبَعُوهُ رَأْفَةً وَرَحْمَةً وَرَهْبَانِيَّةً ٱبْتَدَعُوهَا مَا كَتَبْنَٰهَا عَلَيْهِمْ إِلَّا ٱبْتِغَآءَ رِضْوَٰنِ ٱللَّهِ فَمَا رَعَوْهَا حَقَّ رِعَايَتِهَا فَـَٔاتَيْنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنْهُمْ أَجْرَهُمْ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَٰسِقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifne. Iisaa ilma Maryamis hordofsiifnee, Injiiliin isaaf kenninee jirra. Onneewwan warra isa (Iisaa) hordofanii keessattis namaaf rifatuufi gara laafummaa goone. Moloksummaa ishee ni eegalan. Jaalala Rabbii barbaaduuf (eegalan) malee Nuti isaan irratti hin barreessine. (Garuu) dhugaa eeggachuu ishee hin eegganne. Isaan irraa warra amananiif mindaa kennina. Baay’een isaanii immoo finciltoota.

See all translations of this verse →

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَءَامِنُوا۟ بِرَسُولِهِۦ يُؤْتِكُمْ كِفْلَيْنِ مِن رَّحْمَتِهِۦ وَيَجْعَل لَّكُمْ نُورًا تَمْشُونَ بِهِۦ وَيَغْفِرْ لَكُمْ وَٱللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Ergamaa Isaatti (Muhammadittis SAW) amanaa! (Rabbiin) rahmata Isaa irraa dachaa lama isiniif kenna; ifaa ittiin deemtanis isiniif taasisa; isiniifis ni araarama. Rabbiin araaramaa, mararfataadha.

See all translations of this verse →

لِّئَلَّا يَعْلَمَ أَهْلُ ٱلْكِتَٰبِ أَلَّا يَقْدِرُونَ عَلَىٰ شَىْءٍ مِّن فَضْلِ ٱللَّهِ وَأَنَّ ٱلْفَضْلَ بِيَدِ ٱللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَآءُ وَٱللَّهُ ذُو ٱلْفَضْلِ ٱلْعَظِيمِ

Oromo Translation - Gali AbaborAkka beekaniifi Abbootiin kitaabaa (Yahuudonniifi Kiristaanonni) qananii Rabbii irratti homaa akka hin dandeenye, qananiin harka Rabbii akka jiruufi Inni nama fedheef akka kennu (haa beekanuuf kana ibse). Rabbiin abbaa tola guddaati.

See all translations of this verse →

Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70