caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Fath, Verse 25

Medina · revelation order 111 · 48:25

هُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوكُمْ عَنِ ٱلْمَسْجِدِ ٱلْحَرَامِ وَٱلْهَدْىَ مَعْكُوفًا أَن يَبْلُغَ مَحِلَّهُۥ وَلَوْلَا رِجَالٌ مُّؤْمِنُونَ وَنِسَآءٌ مُّؤْمِنَٰتٌ لَّمْ تَعْلَمُوهُمْ أَن تَطَـُٔوهُمْ فَتُصِيبَكُم مِّنْهُم مَّعَرَّةٌۢ بِغَيْرِ عِلْمٍ لِّيُدْخِلَ ٱللَّهُ فِى رَحْمَتِهِۦ مَن يَشَآءُ لَوْ تَزَيَّلُوا۟ لَعَذَّبْنَا ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا

Oromo Translation - Gali AbaborIsaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas hidhamaa tahee akka iddoo qalma isaanii hin geenye (dhorgan). Odoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture). Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini). Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70