إِنَّآ أَنزَلْنَا ٱلتَّوْرَىٰةَ فِيهَا هُدًى وَنُورٌ يَحْكُمُ بِهَا ٱلنَّبِيُّونَ ٱلَّذِينَ أَسْلَمُوا۟ لِلَّذِينَ هَادُوا۟ وَٱلرَّبَّٰنِيُّونَ وَٱلْأَحْبَارُ بِمَا ٱسْتُحْفِظُوا۟ مِن كِتَٰبِ ٱللَّهِ وَكَانُوا۟ عَلَيْهِ شُهَدَآءَ فَلَا تَخْشَوُا۟ ٱلنَّاسَ وَٱخْشَوْنِ وَلَا تَشْتَرُوا۟ بِـَٔايَٰتِى ثَمَنًا قَلِيلًا وَمَن لَّمْ يَحْكُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْكَٰفِرُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti, Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaafi ifaan jiru taasifnee buufnee jirra. Nabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessu. Qeesonniifi beektonnis waan kitaaba Rabbii irraa eegsifamaniniifi ishee irratti ragaa ta'aniin (murteessu). Namoota hin sodaatinaa; Ana sodaadhaa. Keeyyattoota kiyya gatii xiqqaan hin gurguratinaa. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun kaafiroota.