caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Baqara, Verse 259

Medina · revelation order 87 · 2:259

أَوْ كَٱلَّذِى مَرَّ عَلَىٰ قَرْيَةٍ وَهِىَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا قَالَ أَنَّىٰ يُحْىِۦ هَٰذِهِ ٱللَّهُ بَعْدَ مَوْتِهَا فَأَمَاتَهُ ٱللَّهُ مِا۟ئَةَ عَامٍ ثُمَّ بَعَثَهُۥ قَالَ كَمْ لَبِثْتَ قَالَ لَبِثْتُ يَوْمًا أَوْ بَعْضَ يَوْمٍ قَالَ بَل لَّبِثْتَ مِا۟ئَةَ عَامٍ فَٱنظُرْ إِلَىٰ طَعَامِكَ وَشَرَابِكَ لَمْ يَتَسَنَّهْ وَٱنظُرْ إِلَىٰ حِمَارِكَ وَلِنَجْعَلَكَ ءَايَةً لِّلنَّاسِ وَٱنظُرْ إِلَى ٱلْعِظَامِ كَيْفَ نُنشِزُهَا ثُمَّ نَكْسُوهَا لَحْمًا فَلَمَّا تَبَيَّنَ لَهُۥ قَالَ أَعْلَمُ أَنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Oromo Translation - Gali AbaborYookiin akka isaa ganda irra dhufee haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun "akkamumatti Rabbiin du’a ishee booda ishee kana jiraachisa!" jedhee (gara isaa hin ilaallee?). Rabbiin isa ajjeesee waggaa dhibba (tursiise). ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen. "Guyyaa tokko, yookiin garii guyyaan ture" jedhe. (Rabbiiniis) ni jedhe: "miti waggaa dhibba turte, Mee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne, Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone). gara lafeelee ilaali Akkamitti akka isii walitti qabnuufi ergasii foon itti uffifnu ." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70