مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًا وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرًا مِّنْهُم بَعْدَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْأَرْضِ لَمُسْرِفُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborSababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti barreesine "namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin alatti yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachise akka waan nama hunda jiraachiseeti" jechuu (murteessine). Dhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirti. Ergasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha.