إِنَّمَا جَزَٰٓؤُا۟ ٱلَّذِينَ يُحَارِبُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَسْعَوْنَ فِى ٱلْأَرْضِ فَسَادًا أَن يُقَتَّلُوٓا۟ أَوْ يُصَلَّبُوٓا۟ أَوْ تُقَطَّعَ أَيْدِيهِمْ وَأَرْجُلُهُم مِّنْ خِلَٰفٍ أَوْ يُنفَوْا۟ مِنَ ٱلْأَرْضِ ذَٰلِكَ لَهُمْ خِزْىٌ فِى ٱلدُّنْيَا وَلَهُمْ فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborDhugumatti mindaan warra Rabbiifi ergamaa Isaatiin lolanii, dachii keessa balleessaa deemanii, ajjeefamuu yookiin fannifamuu yookiin harkoowwaniifi miilleen isaanii faallaan irraa ciramuu, yookiin biyya irraa ari’amuudha. Kun addunyaatti isaaniif salphina. Aakhiraatti immoo isaaniif adabbii guddaatu jira.