caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah An-Nisaa, Verse 77

Medina · revelation order 92 · 4:77

أَلَمْ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ قِيلَ لَهُمْ كُفُّوٓا۟ أَيْدِيَكُمْ وَأَقِيمُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُوا۟ ٱلزَّكَوٰةَ فَلَمَّا كُتِبَ عَلَيْهِمُ ٱلْقِتَالُ إِذَا فَرِيقٌ مِّنْهُمْ يَخْشَوْنَ ٱلنَّاسَ كَخَشْيَةِ ٱللَّهِ أَوْ أَشَدَّ خَشْيَةً وَقَالُوا۟ رَبَّنَا لِمَ كَتَبْتَ عَلَيْنَا ٱلْقِتَالَ لَوْلَآ أَخَّرْتَنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٍ قَرِيبٍ قُلْ مَتَٰعُ ٱلدُّنْيَا قَلِيلٌ وَٱلْـَٔاخِرَةُ خَيْرٌ لِّمَنِ ٱتَّقَىٰ وَلَا تُظْلَمُونَ فَتِيلًا

Oromo Translation - Gali AbaborSila gara isaan harka keessan (lola irraa) qabadhaa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa jedhamanii hin ilaallee? Yeroma lolli dirqama isaan irratti taasifamu yoma san gareen isaan irraa ta’e sodaa akka Rabbiin sodaatanii yookiin sodaa san caalu namoota sodaatan. “Yaa Gooftaa keenya! Maaliif lola dirqama nurratti taasifte? Odoo yeroo gabaabaa nu tursiiftee (maal qaba)?” jedhan. Jedi “Qananiin addunyaa xiqqaadha; Aakhiraan nama (Rabbiin) sodaatuuf caalaadha. Hanga qajjiisaa (qola killee) Timiraa hin miidhamtan" .
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70