caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Aal-i-Imraan, Verse 154

Medina · revelation order 89 · 3:154

ثُمَّ أَنزَلَ عَلَيْكُم مِّنۢ بَعْدِ ٱلْغَمِّ أَمَنَةً نُّعَاسًا يَغْشَىٰ طَآئِفَةً مِّنكُمْ وَطَآئِفَةٌ قَدْ أَهَمَّتْهُمْ أَنفُسُهُمْ يَظُنُّونَ بِٱللَّهِ غَيْرَ ٱلْحَقِّ ظَنَّ ٱلْجَٰهِلِيَّةِ يَقُولُونَ هَل لَّنَا مِنَ ٱلْأَمْرِ مِن شَىْءٍ قُلْ إِنَّ ٱلْأَمْرَ كُلَّهُۥ لِلَّهِ يُخْفُونَ فِىٓ أَنفُسِهِم مَّا لَا يُبْدُونَ لَكَ يَقُولُونَ لَوْ كَانَ لَنَا مِنَ ٱلْأَمْرِ شَىْءٌ مَّا قُتِلْنَا هَٰهُنَا قُل لَّوْ كُنتُمْ فِى بُيُوتِكُمْ لَبَرَزَ ٱلَّذِينَ كُتِبَ عَلَيْهِمُ ٱلْقَتْلُ إِلَىٰ مَضَاجِعِهِمْ وَلِيَبْتَلِىَ ٱللَّهُ مَا فِى صُدُورِكُمْ وَلِيُمَحِّصَ مَا فِى قُلُوبِكُمْ وَٱللَّهُ عَلِيمٌۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ

Oromo Translation - Gali AbaborErgasii cinqaa booda tasgabbii, hirriba garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuse. Garee biraa immoo dhugumatti lubbuuleen isaanii isaan yaachifteetti. Waan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu. “Sila nuti dhimmicha irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuulee isaanii keessatti dhoksu. “Odoo dhimmicha irraa waan tokko qabaannee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhu. Jedhi “odoma manneen keessan keessa taataniiyyuu, warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qomoota keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onneelee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe). Rabbiinis waan qomoota keessaa beekaadha.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70