وَإِذَا طَلَّقْتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَبَلَغْنَ أَجَلَهُنَّ فَأَمْسِكُوهُنَّ بِمَعْرُوفٍ أَوْ سَرِّحُوهُنَّ بِمَعْرُوفٍ وَلَا تُمْسِكُوهُنَّ ضِرَارًا لِّتَعْتَدُوا۟ وَمَن يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَقَدْ ظَلَمَ نَفْسَهُۥ وَلَا تَتَّخِذُوٓا۟ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ هُزُوًا وَٱذْكُرُوا۟ نِعْمَتَ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ وَمَآ أَنزَلَ عَلَيْكُم مِّنَ ٱلْكِتَٰبِ وَٱلْحِكْمَةِ يَعِظُكُم بِهِۦ وَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَٱعْلَمُوٓا۟ أَنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَىْءٍ عَلِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo dubartoota hiiktanii beellama isaanii gayan. bifa gaariin isaan qabadhaa yookiin bifa gaariin isaan gaggeessaa. Rakkisuudhaan akka daangaa isaanitti dabartaniif isaan hin qabatinaaNamni sana hojjate, dhugumatti lubbuu ofii miidheeraKeeyyattoota Rabbiis qishinaa hin taasifatinaaNi’imaa Rabbii kan isin irra jirtuufi kitaaba (Qur’aana)fi hikmaa (Sunnaa) irraas waan Inni isin irratti buuse kan ittiin isin gorsu yaadadhaaRabbiin sodaadhaasAkka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa.