فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْـَٔاخِرَةِ وَيَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلْيَتَٰمَىٰ قُلْ إِصْلَاحٌ لَّهُمْ خَيْرٌ وَإِن تُخَالِطُوهُمْ فَإِخْوَٰنُكُمْ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ ٱلْمُفْسِدَ مِنَ ٱلْمُصْلِحِ وَلَوْ شَآءَ ٱللَّهُ لَأَعْنَتَكُمْ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborDuuniyaafi Aakhiraa keessatti (haa xiinxaltaniifi). Waa’ee yatiimotaa irraas si gaafatu“Isaaniif tolchuutu caalaadha” jedhi. Yoo isaanitti makamtanis isaan obboleeyyan keessani. Rabbiinis nama balleessu isa tolchu irraa adda baasee beeka. Rabbiin odoo fedhee, isin rakkisuu danda’a. Dhugumatti, Rabbiin akkaan injifataa, ogeessa.