لَّا يَسْتَوِى ٱلْقَٰعِدُونَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ غَيْرُ أُو۟لِى ٱلضَّرَرِ وَٱلْمُجَٰهِدُونَ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فَضَّلَ ٱللَّهُ ٱلْمُجَٰهِدِينَ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ عَلَى ٱلْقَٰعِدِينَ دَرَجَةً وَكُلًّا وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلْحُسْنَىٰ وَفَضَّلَ ٱللَّهُ ٱلْمُجَٰهِدِينَ عَلَى ٱلْقَٰعِدِينَ أَجْرًا عَظِيمًا
Oromo Translation - Gali AbaborMu’uminoota irraa warri (jihaada irraa) taa’an, warra miidhama qaban malee, warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniin wal qixa hin ta’anu. Rabbiin warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an isaan taa’an irra sadarkaa caalchisee jira. Rabbiin hundaafuu jannata waadaa seeneefii jira. Rabbiin warra qabsaa’an isaan taa’an irra mindaa guddaan caalchisee jira.