يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا تَقْرَبُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنتُمْ سُكَٰرَىٰ حَتَّىٰ تَعْلَمُوا۟ مَا تَقُولُونَ وَلَا جُنُبًا إِلَّا عَابِرِى سَبِيلٍ حَتَّىٰ تَغْتَسِلُوا۟ وَإِن كُنتُم مَّرْضَىٰٓ أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوْ جَآءَ أَحَدٌ مِّنكُم مِّنَ ٱلْغَآئِطِ أَوْ لَٰمَسْتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَلَمْ تَجِدُوا۟ مَآءً فَتَيَمَّمُوا۟ صَعِيدًا طَيِّبًا فَٱمْسَحُوا۟ بِوُجُوهِكُمْ وَأَيْدِيكُمْ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَفُوًّا غَفُورًا
Oromo Translation - Gali AbaborYaa warra amantan! salaatatti hin dhihaatinaa Haala machaahaa taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, yoo janaabawoo taatanis hanga dhiqattanutti, karaa dabraaf malee. yoo dhukkubsattootaa taatan, yookaa imala irra jiraattan, yookiin tokkoon keessan mana fincaaniitii (iddoo itti udaanuu) dhufe. yookiin dubartootaan wal tuqxanii bishaan dhabdan biyyee qulqulluun tayammumadhaa; fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa’aa. Rabbiin irra dabraa araaramaa tahee jira. {1}