caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah An-Nisaa, Verse 102

Medina · revelation order 92 · 4:102

وَإِذَا كُنتَ فِيهِمْ فَأَقَمْتَ لَهُمُ ٱلصَّلَوٰةَ فَلْتَقُمْ طَآئِفَةٌ مِّنْهُم مَّعَكَ وَلْيَأْخُذُوٓا۟ أَسْلِحَتَهُمْ فَإِذَا سَجَدُوا۟ فَلْيَكُونُوا۟ مِن وَرَآئِكُمْ وَلْتَأْتِ طَآئِفَةٌ أُخْرَىٰ لَمْ يُصَلُّوا۟ فَلْيُصَلُّوا۟ مَعَكَ وَلْيَأْخُذُوا۟ حِذْرَهُمْ وَأَسْلِحَتَهُمْ وَدَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوْ تَغْفُلُونَ عَنْ أَسْلِحَتِكُمْ وَأَمْتِعَتِكُمْ فَيَمِيلُونَ عَلَيْكُم مَّيْلَةً وَٰحِدَةً وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ إِن كَانَ بِكُمْ أَذًى مِّن مَّطَرٍ أَوْ كُنتُم مَّرْضَىٰٓ أَن تَضَعُوٓا۟ أَسْلِحَتَكُمْ وَخُذُوا۟ حِذْرَكُمْ إِنَّ ٱللَّهَ أَعَدَّ لِلْكَٰفِرِينَ عَذَابًا مُّهِينًا

Oromo Translation - Gali AbaborYeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa taate takka si waliin haa dhaabbattuu; meeshaalee isaaniis haa qabatanu, Yeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa ta'anu. Gareen biraa isaan hin salaatin dhufanii sii waliin haa salaatanu. Of eeggannoo isaaniifi meeshaa isaaniis haa qabatanu. Warri kafaran odoo isin meeshaa waraanaa keessaniifii meeshaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii jaalatu. Yoo rakkoon bokkaa irraa ta'e isin mudate yookiin dhukkubsataa taatan meeshaalee lolaa keessan lafa kaayachuun badiin isin irra hin jiru. Of eeggannoo keessan qabadhaa. Dhugumatti, Rabbiin kaafirootaaf azaaba salphisaa qopheessee jira.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70