وَإِذْ أَخَذَ ٱللَّهُ مِيثَٰقَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ لَمَآ ءَاتَيْتُكُم مِّن كِتَٰبٍ وَحِكْمَةٍ ثُمَّ جَآءَكُمْ رَسُولٌ مُّصَدِّقٌ لِّمَا مَعَكُمْ لَتُؤْمِنُنَّ بِهِۦ وَلَتَنصُرُنَّهُۥ قَالَ ءَأَقْرَرْتُمْ وَأَخَذْتُمْ عَلَىٰ ذَٰلِكُمْ إِصْرِى قَالُوٓا۟ أَقْرَرْنَا قَالَ فَٱشْهَدُوا۟ وَأَنَا۠ مَعَكُم مِّنَ ٱلشَّٰهِدِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborYeroo Rabbiin nabiyyoota irraa waadaa fuudhe “waan ani kitaabaafi ogummaa irraa isiniif kennee, ergasii ergamaan waan isinii wajjin jiru dhugoomsu isinitti dhufe, akka isatti amantaniifi isa tumsitanu” ((jechuun) waadaa qabate) [yaadadhu]. (Rabbiinis) "mirkaneessitanii? Sana irrattis waadaa kiyya qabdanii?" jedhe. [Isaan] "mirkaneessine" jedhan; (Rabbiinis) “Ragaa bahaa; anis warra isinii wajjin ragaa bahan irraayi” jedhe.