caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Aal-i-Imraan, Verse 49

Medina · revelation order 89 · 3:49

وَرَسُولًا إِلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنِّى قَدْ جِئْتُكُم بِـَٔايَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ أَنِّىٓ أَخْلُقُ لَكُم مِّنَ ٱلطِّينِ كَهَيْـَٔةِ ٱلطَّيْرِ فَأَنفُخُ فِيهِ فَيَكُونُ طَيْرًۢا بِإِذْنِ ٱللَّهِ وَأُبْرِئُ ٱلْأَكْمَهَ وَٱلْأَبْرَصَ وَأُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ بِإِذْنِ ٱللَّهِ وَأُنَبِّئُكُم بِمَا تَأْكُلُونَ وَمَا تَدَّخِرُونَ فِى بُيُوتِكُمْ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً لَّكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ

Oromo Translation - Gali AbaborGara ilmaan Israa’iilitti ergamaa [isa godha] “Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufe. Ani dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma; isa keessattis nan afuufa; eeyyama Rabbiitiin allaattii ni ta’a. Eeyyama Rabbiitiin jaamaafi lamxii nan fayyisa. Eeyyama Rabbiitiin du’aas nan jiraachisa. Waan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keessa ol kaayattanis isinittin hima. Dhugumatti kana keessa muimintoota taataniif mallattootu isiniif jira.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70