مَّا كَانَ ٱللَّهُ لِيَذَرَ ٱلْمُؤْمِنِينَ عَلَىٰ مَآ أَنتُمْ عَلَيْهِ حَتَّىٰ يَمِيزَ ٱلْخَبِيثَ مِنَ ٱلطَّيِّبِ وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيُطْلِعَكُمْ عَلَى ٱلْغَيْبِ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يَجْتَبِى مِن رُّسُلِهِۦ مَن يَشَآءُ فَـَٔامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَإِن تُؤْمِنُوا۟ وَتَتَّقُوا۟ فَلَكُمْ أَجْرٌ عَظِيمٌ
Oromo Translation - Gali AbaborRabbiin waan isin irra jirtan irratti kan mu’uminoota dhiisu hin taane Hanga fokkataa gaarii irraa adda baasutti, Rabbiin beekkomsa fagoo irratti kan isin mullisu (isin beeysisu) hin taane. Garuu Rabbiin ergamtoota Isaa irraa nama fedhe filata. Rabbiifi ergamaa Isaatti amanaa. Yoo amantanii (Rabbiin) sodaattan, galata guddaatu isiniif jira.