caseriqMeaning search in the Qur'an

Surah Al-Baqara, Verse 177

Medina · revelation order 87 · 2:177

لَّيْسَ ٱلْبِرَّ أَن تُوَلُّوا۟ وُجُوهَكُمْ قِبَلَ ٱلْمَشْرِقِ وَٱلْمَغْرِبِ وَلَٰكِنَّ ٱلْبِرَّ مَنْ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلْيَوْمِ ٱلْـَٔاخِرِ وَٱلْمَلَٰٓئِكَةِ وَٱلْكِتَٰبِ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ وَءَاتَى ٱلْمَالَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ ذَوِى ٱلْقُرْبَىٰ وَٱلْيَتَٰمَىٰ وَٱلْمَسَٰكِينَ وَٱبْنَ ٱلسَّبِيلِ وَٱلسَّآئِلِينَ وَفِى ٱلرِّقَابِ وَأَقَامَ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَى ٱلزَّكَوٰةَ وَٱلْمُوفُونَ بِعَهْدِهِمْ إِذَا عَٰهَدُوا۟ وَٱلصَّٰبِرِينَ فِى ٱلْبَأْسَآءِ وَٱلضَّرَّآءِ وَحِينَ ٱلْبَأْسِ أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ صَدَقُوا۟ وَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلْمُتَّقُونَ

Oromo Translation - Gali AbaborDalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee), kan qabeenya kenne odoo jaallatuu firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf (kennee), kan salaatas gadi dhaabe, zakaa kenne, warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutaniidha. warra rakkina, dhukkuba keessatti, yeroo lolanis obsaniidha. Isaan warra dhugaa qabatani, Isaan warra Rabbiin sodaataniidha.
Looking for a topic? Try the meaning search — your question is scanned across all 6,236 verses.
Language — 70