وَلَوْ أَنَّهُمْ أَقَامُوا۟ ٱلتَّوْرَىٰةَ وَٱلْإِنجِيلَ وَمَآ أُنزِلَ إِلَيْهِم مِّن رَّبِّهِمْ لَأَكَلُوا۟ مِن فَوْقِهِمْ وَمِن تَحْتِ أَرْجُلِهِم مِّنْهُمْ أُمَّةٌ مُّقْتَصِدَةٌ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ سَآءَ مَا يَعْمَلُونَ
Oromo Translation - Gali AbaborOdoo isaan Tawraatiin, Injiiliifi waan Gooftaa isaanii irraa gara isaanitti buufametti hojjatanii, silaa gubbaa isaanitiifi miiloowwan isaanii jalaa nyaatu turan. Isaan irraa ummata giddu galeessa ta'antu jira. Hedduun isaan irraa ta’e immoo hojiin isaanii waa fokkate.