يَٰٓأَيُّهَا ٱلرَّسُولُ بَلِّغْ مَآ أُنزِلَ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ وَإِن لَّمْ تَفْعَلْ فَمَا بَلَّغْتَ رِسَالَتَهُۥ وَٱللَّهُ يَعْصِمُكَ مِنَ ٱلنَّاسِ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهْدِى ٱلْقَوْمَ ٱلْكَٰفِرِينَ
Oromo Translation - Gali AbaborYaa Ergamichaa! Waan Gooftaa kee irraa sirratti buufame geessi. Yoo (kana) hin dalagin, ati ergaa Isaa hin geessifne. Rabbiin namoota irraa si eega. Dhugumatti, Rabbiin ummata kaafiraa hin qajeelchu.